Walitti dhufeenya US- Chaayinaa: Haasaan Baayida jalaqabaa Shii waliin taasisan maal ture?

Madda suuraa, Reuters/EPA
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan haasaa bilbilaa jalqabaa pirezidaantii Chaayinaa Shi Jinppiing waliin taasisaniin waa'ee dhimma dhiittaa mirga namoommaa itti kaasuusaanii, Waayiti Haawuus beeksiise.
Akkasumas Mr Baayidan waa'ee daldalaa, dhimma Hongi Kong fi mudamma Taayiwaan waliin gaggeeffamaa jiruu Mr Shiinitti kaasaniiru.
Akka TV mootummaa Chaayinaa jedheetti, walitti dhufeenyi badaan Mr Baayidan biyyoota lamaaniifuu balaa akka qabaatu dureen Chaayinaa akeekkache.
Mudamni biyoota lamaan jidduu dhiheenya keessaa daldala, weeraraafi basaasaa irratti cimaa dhufeera.
Walitti dhufeenyi Chaayinaafi US biyyoota lamaaf qofa osoo hintaane addunyaa balaaf murteessaa waan ta'eef, walitti dhufeenya bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp badee bulchiin haaraan Waashingtan akka fooyyeessuuf Beejiingi irra dedeebiin gaafataa jirti.
Waamichi kunis Chaayinaan kan taasifame bara haaraa Lunar dura akka hawwii gaariitti ture.
Haasaa bilbilaatiin booda, Mr Baayidan karaa tiwiitara isaanitiin ''Yoo ummata Ameerikaaf bu'aa qabaatuutti Chaayinaa waliin akka hojjannuu itti himeera,'' jedhan.
Ibsicha keessatti, pirezidaantichi ''dhimmoota murteessoo akka adeemsa dinagdee dirqisiisaafi haqa qabbeesa hintaanee, to'annoo cimaa Hongi Kong keessaa, sarbama mirgoota namoomaa Shinjaang keessaafi Taayiwaan dabalatee tarkaanfiiwwan mudamaa dabalaa dhufanii'' irratti mari'achu Waayit Hawuus beelsiise.
Chaayinaan gareewwan mirga namoomaatiin bulchiinsa Shiinji'aang lafa Ughuurs kan ''Kaambii deebiisanii barbasiisuu,'' jedhamuun beekamuutti miliyoonootaa ol hidhuun himatu.
Buulchiinsicha keessatti lakkoofsaan gadaanaa kan ta'an hawaasni musilimaa saamicha humnaatiif saaxilamuuf dubartoonni dirqiin akka dahumsa dhaaban taasifamu irratti ragaan jira jedhu.
Haata'u malee, Chaayinaan gabaasa kana hin fudhatu.
Aanga'oonni lamaanuu waa'ee weerara Covid-19 yaad kan wal jijjiran yoo ta'u, akkasumas waa'ee rakkina nageenya fayyaa addunyaa, jijjirama qilleensaa fi ittisa tamsaa'u meeshaa waraanaa irratti mari'ataniiru.
TV mootummaa Chaayinaa CCTVn akka gabaaseetti, dureewwan lamaan ''walitti dhufeenya dachaafi dhimmoota idil-addunyaafi naannoo gurguddoo irratti yaada wal jijjiraniiru.''














