Marii Nikulaara Iraan: Qoqqobbiin US keesse mariif jecha hinka'u jedhan Baayidan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Iraan hanga waliigaltee nikulaaraa bara 2015tti mallattaa'e guuttutti qoqqobbiin irra kaa'ame akka hinkaaneef himan.
Baayidan kana kan himan gaaffiifi deebii Dilbata darbe Oduu CBS walii taasisaniin ture.
Waliigaltee bara 2015tiin Iraan sagantaa nikulaaraa ishee yoo irrifte bakka isaa qoqqobbiin irra kaa'amee akka hiratuuf ture.
Haata'u malee pirezidaanti Donaald Tiraamp mariicha keessaa bahuun siriiyyuu qoqqobbii biraa kan kaa'an yoo ta'u, kunis Iraan waadaawwan galte hedduun duubatti akka deebitu taasisee.
Iraan kan sagantaan nikulaaraa ishee nagaa qabeessaa jechaa jirtu gama isheetiin, gabbisa yuraaniyeemii jabeessaa jirti. Yuraaniyeemiin gabbifamee boba'aa omishuuf kan oolu yoo ta'u boombii nikulaaraa omishuufis ni oola.
Waliigaltee nikulaaraa bara 2015 jalatti- Iraan, US, Chaayinaa, Faransaay, Jarmanii, Raashiyaa fi UK waliigalteerra gahanii turan. Teehiraan ammoo gabbisa yuraaniyeem ishee hirrisuun sakkatta'iinsa idil addunyaa dhaabbilee fi dirreewwan ishee akka seenaniif hayyamuuf waliigalte turte.
Haata'u malee Pirezidaanti Tiraamp waliigaltee 'Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA)' jedhamuun beekamu keessaa bara 2018tti bahan.
Isaan booddees qoqqobbiiwwan Iraan irra kaa'amee ture haala waliigaltichaatiin ka'uu yoo qabaatu, bulchiinsi Tiraamp garuu deebiisanii irra kaa'an. Kunis akka Iraan waliigaltee haaraa barbaadduuf dirqisiisuuf ture jedhame.
Tiraamp sagantaalee nikulaaraa Teehiraan irra qoqqobbii yeroon hinmurtoofnee kaa'u barbaade, akkasumas bilaastik misaa'eelii gabbisuu dhaabsisuu barbaadan.
Iraan garuu ni diddee. Adoolessa 2019 keessaa hanga gabbisa yuraaniyeemii %3.67 kaa'amee ture diigde. Bara kana Amajjiitti ammoo yuraaniyeemii qulqulluu %20 gabbiisuutti deebii'uu labsite. Sadarkaan meeshaa waraana yuraaniyeemii qulqulluu %90 dha.
Waraabbii af-gaaffii gabaabduu qoqqobbii dinagdee Iraan irra kaa'amee kaasuun gara mariitti deebiisuuf yaada qabduu jedhamanii kan gaafataman Baayidan, 'Lakkii' jechuun deebiisaniiru.
Akkasuma waa'ee walitti dhufeenya US fi Chaayinaa jidduu jiruus dubbataniiru.
Sababiin Ameerikaan Beejingi waliin lola kallattii keessa galtuuf hin jiru jedhan. Haata'u malee, waltajjii diinagdee addunyaatti qaamooleen lamaanuu 'dorgommii cimaa'' keessa galuu danda'u jedhan.
Baayidan erga baatii darbe keessa gara aangoo pirezidaantummaatti dhufanii as pirezidaantii Chaayinaa, Xii Jinping waliin waan hinhaasoofneefu ejjanoo isaanii Beejiingi irratti qaban akka hingeeddarre himan.
''Innis nama beekaafi baayyee cimaadha'' jedhan Baayidan pirezidaantii Chaayinaatiin. Itti dabaluunis, Dimookraasummaa hin qabanis jechuun ibsaniiru.













