Waldhibdee diinagdee: Ameerkaan oomishaalee Chaayinaarra taarifa haaraa keesse

Oomishaalee Chaayinaa buufata Long Beach, Kaalifoorniyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kooriyaa Kaabaa fi Iraan dhimma oomisha niwukilariitiin, Chaayinaammoo daldala irratti taarifa dabaluudhaan Ameerikaan bara bulchiinsa Pirezidaanti Tiraamp kana keessa hariiroon dippiloomasii ishee rakkoo keessa galaa jira.

Keessaahuu biyya diinagdeen addunyaarratti beekamaa jirtu Chaayinaa waliin qoccolloo diinagdee hamaa keessa galaniiru.

Ammas meeshaalee daldalaa Chaayinaan gara Ameerkaa galchitu kan doolaara Ameerkaa biiliyoona 112tti tilmaamamu yoo ta'e taarifa akka dabaltu beeksisteetti.

Kanaan dura Pirezidaanti Tiraampi Chaayinaan meeshaalee daldalaa doolaara biiliyoona 300tti tilmaamamu yoo gara Ameerkaa galchite taaksii dhibbeentaa 15 akka kaffaltu kan murteessanii turan yoo ta'u taarifni haaraan kunis jalqabbii karoora kanaati.

Chaayinaan ammoo gamasheetiin boba'aa Jikitaa Ameerkaan gara isheetti ergitu irratti taarifa dabalteetti, boba'aarratti xiyyeeffachuun kunimmoo isa jalqabaati.

Karoorri Pirezidaanti Tiraampi hanga xumura bara kanaatti meeshaalee Chaayinaan gara biyyasaanii galchiturratti taarifa dabaluuf qabatan qabatan yoo kan milkaa'u ta'e biyyattii akka diinagdeen adabuutti ilaalama jedhu xiinxaltoonni diinagdee.

Dhibdeen imaammata diinagdee dadhabaa fi loogii qabu irraa madde amma gara aangoo siyaasaatiin walriguutti ce'aa jira.

Ameerkaa keessatti imaammati diinagdee kaampaaniiwwan Chaayinaa hordofan yoo gammachiisuudhaa baate Ameerkaan gara taarifa dabaluutti fiigdi.

Chaayinaanimmoo gama isheetiin imaammata diinagdee sirreessuu dhiistee isheenis diinagdee Ameerkaa miidhuurratti xiyyeeffatte.

Tibba darbe Waashigton meeshaalee daldalaan Chaayinaan gara Ameerkaa galchitu kan doolaara biiliyoona 250tti tilmaamurratti taarifa wayita dabaltu Beejiingi ammoo meeshaalee daldalaa Ameerkaa doolaara 110nitti tilmaamu irratti dabalte.

Dhibdee daldalaa biyyoota diinagdeen badhaadhoo ta'an gidduutti hundee jabeeffate furuun addunyaaf qormaata akka ta'u ogeeyyiin diinagdee ni dubbatu.

''Yeroo ammaa dhibdee biyyoota lameeniirratti dubbachuunuu waan yaadamu miti. Dubbiidhuma qajeelaa dubbachuufiyyuu daandiinsaa hin jiru'' jedha ogeessi diinagdee Chaayinaa dhaabbata Kaappitaalaa Ikkonoomiks, Juliyaan Ivaans Pirichaardi.

''Erga Caamsaa darbe mariin biyyoota lameenii addaan citee ejjennoon biyyoota lameenii daranuu walmufachiisuurratti kan xiyyeeffate ta'eera. Waldhibdeen daddabalaa deeme. Gidduudhaan Huawei irratti dhiibbaa Ameerkaan uumte immoo daranuu hookkara diinagdee kaaseera. Qaawwaan gidudusaanii babal'achaa dhufeera''

Dubartii kophee biyya Chaayinaa bitachuuf kuusaa kophee Los Angelesjirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maaltu itti aana?

Pirezidaant Tiraampi akka jedhanitti gareen daldalaa biyyoota Ameerkaa fi Chaayinaa Fulbaana dhufu kana keessa ni mari'atu, garuu karoorri jiru ifatti lafa hin kaa'amne.

Muddee 15 irraa eegalee taarifni dhibbeentaa 15 kan marsaa lammaffaa meeshaalee Chaayinaarra ni kaa'ama.

Kunimmoo meeshaalee teeknooloojii kanneen akka bilbilaa fi kompiyuutaraa dabalata.

Guyyaa Ameerkaan kana gootu Chaayinaan ammoo meeshaalee Ameerkaa 3,000 taariffa irratti dabaluuf adda baastee jiraachuu beeksisteetti

Bulchiinsi Pirezidaanti taarifa kanaan meeshaalee daldalaa Chaayinaa irratti dhibbeentaa 25 kaffalchiisaa turan Onkoloolessa 1 irraa eegalee gara dhibbeentaa 30tti akka guddatus beeksiseera

Dhimma taarifaan walqabatee haaloon walba'uun Ameerkaa fi Chaayinaa dhiibbaansaa wayita ilaalamu GDP Ameerkaa dhibbeentaa 1n wayita gadi buusu kan Chaayinaa dhibbeentaa 5n hir'isuu danda'a jedhu xiinxaltoonni diinagdee.