Tiraampi dhimma Kooriyaa Kaabaa irratti Chaayinaa akeekkachiisan

Doonald Tiraampi

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, 'kun hundi dogogora Chaayinaati

Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi hojii Kooriyaa Kaabaa waliin nagaa buusuuf biyyi isaanii itti jirtu gufachiisaa jirti jechuun chaayinaa ceepha'aa jiru.

Karaa toora 'twitter' isaanii irra deddebiin Ameerikaan waraanaaf kana booda Kooriyaa Kibbaa waliinis baasii guddaa baasuu hin barbaadduu, yoo jalqabne garuu isa kanaan duraan ol taha jechuun himan.

Erga Koooriyaa Kaabaa fi Ameerikaan waliin marii gaggeessanii as shaakala waraanaa Kooriyaa Kibbaatti, Ameerikaan gaggeessaa turte Piyoongiyaangiif sodaa waan taheef akka dhaabdu beeksifteetti.

Haa tahu malee humni ittisaa Ameerikaa dhiyoo kana shaakalicha akka itti fufuu danda'u himee ture.

Falmiin amma jiru erga gaggeessitootni Ameerikaa fi Kooriyaa Kaabaa waliin mari'atanii, ammayyuu Kooriyaan ariifattee gabbisa Niwukileeraashee balleessaa hin jirtu kan jedhudha.

Dhimma kanaaf kan itti gaafatamuu qabdu Chaayinaadha, jechuun Tiraamp kan biyyattii ceepha'aa jiran.

Gama biraan gaggeesitoota Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinaa galateeffachaa gama biraan ammoo ceepha'uunsaa, erga mariin gaggeefamee as bu'aawwan akkamii argaman dhiibbaa jedhu irraa kan ka'edha jedhama.

Marii Tiraampi fi Kiim gaggeesaniin booda, Tiraamp kana booda sodaan waraana Niwukileeraa hin jiru yaada jedhu kennanii turan, kun akka barbaadametti deemuu baatus.

Tiraampii fi Kiim

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoon furame- walgahii Kiim Joong Uun waliin taasiseen boda Tiraampi kan dubbate

Guyyoota muraasa dura Waashingitan daawwannaa Barreessaan Mootummaa Ameerikaa Maayik Poompee gara Kooriyaa Kaabaatti gochuuf turan haqxeetti.

Daldalli immoo maal godhe?

Tibbana Tiraampi karaa Tiwiiterii akka ibsaa turanitti wal dhabdee daldalaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti uumame irraa kan ka'e Chaayinaan Kooriyaa Kaabaarra dhiibbaa geesisaa jirti jedhan.

Beejiingi michuu yeroo dheeraa Piyoongiyaangi yoo taatu morkattuu Waashingitan yeroo hundumaa tahuunis beekamti.

Chaayinaan daldala wal madaalaa gaggeessaa hin jirtu jechuun Tiraampi qeeqaa turaniiru. Kuni Chaayinaan dinadgee Ameerikaa akka dirqiin saamaa jirtuutti ilaalama jedhan.

Kanaafidha ammas qaraxa haaraa ifoomsuun kan barbaachise jedha. Kaampaanotni Chaayinaa dorgomtootasaanii Ameerikaa jiran caalaa bu'aa argataa jiru jedhan.

Adeemsa dhabamsiisa gabbisa Niwukileeraa Kooriyaa

Kan Tiraampiin aarse Chaayinaan Piyongiyaangiif deegarsa waan kennituuf akka haalicha salphistee ilaaltu tasisaa jirti kan jedhudha.

Kuins qooqobbii akka adunyaatti darbedha ,tahus bu'aa hin qabaatuuf jedhan Tiraampi.

Hariiroo Tiraampi Kiim waliin qabu akkuma jalqabe haala gaariirra jirachuu himee ammaaf tapha waraanaa jalqabuuf sababni tokkollee hin jiru jedhe.

Yoo jalqabne garuu isa kanaan duraan ol cimuu danda'a jedhan.

Rakkoon daldalaa Chaayinaa waliin uumames fala ni argata kana immoo Shii Shiinpiingi ofumasaan fura jedhan Tiraampi