Tiraamp, Shii Jiinpiing Kooriyaa Kaabaa irratti cimsuun akka hojjataniif gaafatan

Madda suuraa, Pool
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp simannaa ho'aa magaalaa guddoo Chaayinaa Beeyijiingitti taasifameefiin booda gita isaanii Shii Jiinpiing waliin marii eegalaniiru.
Tiraamp ajandaa isaanii guddaa kan ta'e waa'ee waa'ee nuukilera Kooriyaa Kaabaa ilaalchisuun Chaayinaan akkamiin akka hirmaattu ni kaasu jedhameetu eegama.
Ameerikaan, michuu Piyoongiyaang guddoo kan taate Chaayinaan akka dhiibbaa cimaa irratti gootu kan feetu yoo ta'u, Beeyijiing garuu waan gahaa ta'e gochaan jira jetti.
Hooggantoonni biyyoota diinagdee guddaa adduunyaa kanaa qaban lamaan waa'ee gadi bu'uu daldala isaaniis ni mari'atu jedhamees eegama.
Kanaan dura daawwii biyyoota shanii kana irratti, Tiraamp Kooriyaa Kaabaatiin waliigalteef gara mariitti akka dhuftu waamurras darbee, ''nu hin tuttuqinaa'' jechuun akeekkachiisanii turani.
Chaayinaan Piyoongiyaang irratti dhiibbaa cimaa akka gootu fi walitti dhufeenya ishee akka laaffiftu gaafatanus, Chaayinaan qoqqobbii Mootummoota Gamtoomaniin irratti kaa'ame gochaa jiraachuu ibsuun ejjennoo isheetiin itti fuftee jirti.

Madda suuraa, Pool
Tiraamp dursitoota biiznasii waliin kan mari'atanu yoo ta'u, affeerraa irbaataa Har'a taasifamuuf irrattis ni hirmaatu jedhamee eegama.
Roobii kaleessaa gara Beeyijiingitti kan balali'an Mr Tiraamp, sirna ho'aa ta'een simannaan taasifameefi.
Biyya Tiwiitariin itti dhorkamee jiru Chaayinaa erga ga'aniillee yeroo lama tiwiit kan godhan yoo ta'u, qondaalli 'white house', 'waan barbaadan tiwiit gochuu akka malan' riippoortarootatti himaniiru.

Madda suuraa, Fuula Tiwiitarii Tiraamp
Tiraamp daawannaa Eeshiyaa kanaan amma yoonaatti maal hojjatani?
- Kooriyaan Kaabaa Ameerikaa fi adduunyaa 'akka hin tuttuqne' akeekkachiisaniiru
- Garuu, Piyoongiyaang waliigaltee hidhannoo hiikkachuu gochuuff gara mareetti akka dhuftuufis waamicha godhaniiru.
- Jaappaaniif Kooriyaan Kibbaa misaayela K. Kaabaarraa dhuka'u meeshaa ittisu Ameerikaa irraa ni bitatu yoo jedhan - biyyoonni lameenis itti yaadna jedhaniiruun.













