Ameerikaa fi Chaayinaan dhimmoota daldalaa ijoorratti walta'an

Dubartii warshaa keessatti hojii hojjettu

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp biyyi isaanii dhimmoota ijoo daldalaa Chaayinaa waliin qabaniin dhimmoota ijoorratti waliigaluu himan.

Dhimoonni biroon hafan jiraataniis bu'aan waliigaltee kanaa ji'a tokko keessatti ifa ta'a jedhameera.

Gitni isaanii kan Chaayinaa Shii Jinpiingis waliigaltichi abdachiisaa akka ta'e dubbataniiru.

Biyyoonni lameen kun waraana daldalaa diingadee addunyaarratti dhiibbaa uume goolabuuf erga ji'a Muddee mariitti turan.

Traamp US fi Chaayinaan ''qabxiiwwan ulfaatoo harka caalaa irratti'' waliigaleerra garuummoo ''daandiin nu hafu jira'' jedhan.

Wantootni ijoo irratti walt'an yoo adda bahen Pireezidant Shee waliin akka wal argan Traamp dubbatan.

''Yoo dhugoome waliigaltee seena qabeessa ta'a'' jedhan. Carraa dhugoomuu guddaas qabas jechuun dubbatan.

Dhimmootni irratti haasa'amaa turan dubbii taariif furuu fi waliigalteewwan kana haala itti hojiitti hiikuun danda'amudha.

Waliigaltichi hojiitti hiikamuu baannan daldalli Chaayinaa waliin qaban akka kan dura turetti itti hin fufu jechuunis himaniiru.

Buufata doonii Chaayinaa 'Qingdao'

Madda suuraa, Getty Images

Yunaayitiid Isteet Chaayinaan mirga kalaqaa kaampaniiwwan Ameerikaa maqaa teeknolojii Chaayinatti ceesisuu jedhuun hataa jirtii jechuun komachaa turte.

Gama biraan Beejiing imaammata diinagdeeshee akka jijjiirtu gaafatti. Sababni ammoo imaammatni kun kaampaniiwwan Chaayinaaf deeggrsa adda kennuun kanneen biroo dadhabsiisaa jirti kan jedhudha.

Hariiroo daldalaa kan madaalawaa gochuufi Chaayinaan wanta Ameerikaarra bittu dabaluu qabdi jettee amanti Ameerikan.

Chaayinaan gama isheen Ameerikaan seenaa daldala addunyaa keessatti waraana daldalaa isa guddaa bantee jechuun himatti.

Ameerikaan meeshalee Chaayinaarraa galan irratti taarifa biiliyoona $250'tti tilmaamamu yoo keessu Chayinaan gama isheen biiliyoona $110 kan ta'utti taariifa dabaluun haaloo baateetti.

Haalonni daandii barbaadanitti yoo deebi'uu baatan meeshalee Chaayinarraa dhufan hundarratti qaraxa kaa'uuf dhaadatanii turan Pireezidant Traamp.