Ameerikaa - Chaayinaa: Yaadni Ameerikaan Afrikaaf qabdu maali?

Muhaammaduu Buhaarii fi Donaald Traamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Tiraamp aangoo qabatan Muhaammaduu Buhaariin duree biyyaa Afriikaa Waayit Haawus daawwatan keessaa isa jalqabaati

Ameerikaan dhiibbaan isheen Afriikaa keessatti qabdu daran hir'achaa dhufeera. Qondaalli olaanaa biyyattii Afriikaa keessa jiran tokko garuu yaada kana geeddaruu barbaadu.

''Yeroo dheeraaf invastaroonni wayita karra Afrikaa rurrukutan, Afrikaanoonni karrasaanii banaa turan. Kan karaarra dhaabbatu Chaayinaa qofa ture,'' jechuun Tiboor Naagii BBCtti himan.

Aabba Tiboor barreessaa ittaanaa Ameerikaa kan dhimmoota Afrikaati.

Daldalli Chaayinaa Afrikaa waliin gootu waggoota kurnan dabranif kan Ameerikaa bira kutee darbeera. Bara 2018tti ammoo dachaa sadiin caaleera.

Afrikaatti hojiileen dippiloomaatota Afrikaa daran barbaachisoodha jedhaman erga Traamp aangoo qabanii as namni itti hin ramadamne.

Naagiin garuu dhimma kana garagalchuun, sagalee Ameerikaan Afrikaa keessatti qabdu akka dabalu nan hojjedha jedhu. ''Hojiin koo, wayita Afrikaa keessa karri rurrukutamu, kanneen karricha rukutan keessaa tokko nama Ameerikaa akka tahu gochuudha,'' jedhu.

Amerikaan morkii kana cabsitee Chaayinaa waliin dorgomuu dandeettii?

US versus China trade with Africa . $bns. .

Muudamni dippiloomaatotaa hir'ateera

Erga preezidant Traamp 2017tti gara aangootti dhufanii as, muudamni ambaasaaddaroota Ameerikaa Afrikaa keessaa daran harkifateera.

Fakkeenyaaf Afrikaa Kibbaatti hojiin ambaasaaddarummaa kan preezidantichi ofiin muudan, Seeneta US irraa murtee eegaa jiru. Kan Chaad fi Taanzaaniyaa ammoo sirumaa hin muudamne.

Aabba Naagiin ofisaaniyyuu ka muudaman erga iddoon isaanii banaa tahee ture booda - Waxabajjii 2018tti.

Gama biraatin ammoo Chaayinaan qondaaltota olaanoo Afrikaatti erguun muudama kenniteetti.

Biyyoonni humna horachaa dhufan biroonis jiru:

Tarkii fi Indiyaanillee Afrikaa keessatti gama dippiloomaasin cimaa dhufaniiru.

Mootummaan Indiyaa Afrikaa keessatti embaasiiwwan haarayaa 18 banuuf dhiyoo kana murteesseera.

Giiftii duree US Melaaniyaa fi kan Keenyaa Maargaaret Keenyaattaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aabba Tiraamp haga yoonaa Afrikaa hin daawwanne

Hasaawwan dippiloomaasii danqan

Jechoonni waahee Afrikaa gama Ameerikaan darbatamanis walitti dhufeenyi akka hammaatu taasisaniiru - keessattuu kan preezidant Traamp.

Traamp yeroo tokko biyyoota Afrikaa ''biyyoota kosii/bobbaa'' jedhaniiru jedhamuun isaa dubbii ijoo miidiyaa tahee ture.

Kana malees dhimmi qonnaan bultoota adii Afriikaa Kibbaarratti dubbatanis namoota hedduu fi mootummaallee dallansiiseera.

US and China foreign direct investment in Africa . $bns. .

Yunaayitid Isteetis madda invastimatii Afrikaa isa olaanaa tahuun dhugaa jiru, haa tahu malee kunis hir'achaa dhufeera.

2018tti, Chaayinaan invastimantii doolaara Ameerikaa biiliyoona 60 baasu waadaa galteetti - 2015ttis hanguma walfakkaataa ramaddee turte. Invastimantiin kunis bu'uuraalee misoomaa 'Belt and Road Initiative' jedhamuurra kan ooludha.

Linaa Benabdallah Yunivarsiitii Wake Forest'tti ogeettii walitti dhufeenya Chaayinaa-Afrikaati. Isaan akka jedhanitti, daldalli Ameerikaa fi biyyoota Afrikaa gidduu ture gadi kan bu'eef sababni isaa - fedhiin biyyoota kanneen akka Chaayinaa, Raashiyaa fi Tarkiirraa dabaluusaatin jedhaniiru.

''Waggoota kurnan dabran keessatti walmoorkiitu biyyoota biroorraa dabalaa dhufe,'' jedhu Benaabdallah.

Guddinni diinagdee Chaayinaa yeroo dhiyootti hir'achaa dhufeera. Kunis gara fuuladuraatti daldalli fi invastimantiin Afriikaa waliin qabdurratti yaaddoon jedhu jira.

Walmoorkiin biyyoonni biroo Afrikaa wajjin daldaluuf qaban saffisaan dabalaa jira. Kanaafis Ameerikaan walitti dhufeenya Afrikaa waliin qabdu hareessuuf fedhii akka qabdu agarsiisuu qabdi.

Presentational grey line
Reality Check branding