Reeksi Tiilarsan walitti dhufeenya Chaayinaafi Afriikaa qeeqan

Madda suuraa, AFP
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Reeksi Tiilarsan dowwannaa jalqanaa isaanii ardittiitti taasisaniin dura haala hirmaanaa dinagdeee Chaayinaan Afriikaa keessatti qabduu qeeqaniiru.
Chaayinaan maxxantummaa kan jajjabeessitu, malaamaltummaan kan fayyadamtuufi qabeenyaa umamaa kan balaaf saaxiltuudha jedhaniiru.
Kana malees Mr Tiilarsan Afriikaaf karoora gargaarsa namoomaa doolaara miliyoona 533 ifa taasisaniiru.
Tibba dowwannaa isaanittis, waa'ee jecha arabsoo pirezidaanti Tiraampi afrikaa irratti baatii Amajjii keessa jedhaniif riqicha ijaaruuf ni yaalu ta'a.
Mr Tiilarsan osoo dowwannaa torban tokkoof gara Chaadi, Jibutii, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Naayijeriyaatti hin qaxxaamuriin dura Varijiiniyaa yunvasritii Joorjii Maasan keessatti hasawa taasisaniiru.
Mata dureewwan dowwannaa isaaniis: farra shororkeessummaa, dimokraasii, bulchiinsa, daldala fi invastimantii ta'u tarreesaniiru.
Achumaanis Chaayinaarratti qeeqiinsa dubbatan. Akka isaanii jadhanittis, invastimantiin Chaayinaa bu'uraalee dinagdee Afriikaa fooyyeessuuf gahee qabaata garuu adeemsi isaanii hojiii xiqqaa hojachuun liqaa tuluudha jedhaniiru.
Waggoottan kurnan lamaan darban keessa, daldalli Afriikaafi Chaayinaa jiddutti fedhi Chaayinaan albooda ardiittiif qabduun baayyee cimeera.
Haa ta'u malee, daandiiwwan dabalatee biyyoota baayyee keessatti fooyya'iinsa buu'uraalee dinagdeetiif gummaacha olaanaa taasasaniiru.
"Nageenyi fi badhaadhins biyyaa keenyaa kan duriii caalaa biyyoota afriikaa waliin kan walitti hidhameedha,'' jedhaniiru Mr Tiilarsan.
Akka jedhanittis, karoorri deegarsaa kunis namoota hidhiina soorataafi walitti bu'iinsaan Somaalee, Afriikaa Kibbaa, Itoophiyaafi golga haroo Chaadi keessaatiif ola.
Mr Tiilarsan akka jedhanitti, kana duras taayitaa isaanii duraatiin akka oggeessa boba'aatti gara Afriikaa imala heddu taasisaniiru.
Imalli isaanii haaraafi akka dippilomaata Ameerikaa olaanaatti kunis dwwannaa ministira dhimma alaa Russiyaa Sargee Laavroyii kan torban kana Angoolaa, Itoophiyaa, Mozaambiik, Naambiyaa fi Zimbaabwee dowwatan waliin walirra oleera.













