Melaaniyaa Tiraamp: Giiftii Dureen Ameerikaa imala Afrikaa qofaasheef Gaanaa geesse

Madda suuraa, AFP
Giiftii Dureen Ameerikaa Melaaniyaa Tiraamp imala Afrikaa qofaashee ittiin biyyoota Afrikaa afur dawwaachuuf karoorsitee irratti jalqaba hospitaala magaalaa gudditti Gaanaa, Akraatti argamu daawwatteetti.
Yeroo buufata xiyyaaraa geessutti shubbiistootafi taphattoota dibbeen kan simatamte yoo ta'u, deebiin jiraattotaa garuu hagas kan jedhamu miti.
Imallishee gara Keeniyaa, Maalaawiifi Gibxiitti fufus fayyaafi barumsa beeksisuu irratti xiyyeeffata.
Guraandhala keessa biyyoota Afrikaa ibsuuf Pireesidaant Doonaaldi Tiraamp jecha boolla kosii 'shithole' jedhu fayyadamuun isaa saba hedduu dheekkamsiise ture.
Imalli torban tokkoo Melaaniyaa Tiraamp kun aarii uummataa qabbaneessuuf ni gargaara jedhamee yaadama.

Madda suuraa, AFP
Giiftii Duree Gaanaa Rebeekaa Akuufoo-Addoon waliin ta'uun dawwanaan Hospiitaala Riij Akraatti taasifame karoora imala Aadde Melaaniyaa Tiraamp ibsa.
Duulashee 'Be Best' jedhamu kan rakkoo miidhaa inteernitaa fayyadamuun taasifamu 'cyberbullying' jedhamuu ittisuufi mala jireenyaa fayyaa jajjabeessuu irratti xiyyeeffatu beeksiisuuf karoorsiteeti. Fuula Twitter irrattii duulli kun 'idil-adduunyaa' akka ta'u ibsiteetti.
Aadde Melaaniyaa Tiraamp bufata xiyyaaraatti simmanaa ho'aa yoo argatteeyyuu uummataarraa garuu amma ammaatti deebii xiqqoo qofatu argama.
Magaalaan Akraa guyyaa addaa osoo hin taanee akkumaa guyyaa kaanii fakkaata jechuun gaazexxessan BBC achitti argamu Toomaas Naadi dubbateera.
Ilaalchi jiraattonni Aadde Melaaniyaa Tiraampiif qaban wal maakaadha, kaan akka nama ciimtuufi seenaa jireenya nama kakaasuu qabdi yeroo jedhu.
Kaan garuu Giiftii Duree Ameerikaa duraa Misheel Obaamaa kan bara 2009 keessa abbaa warraa ishee waliin Gaanaa daawwattee turte waliin ishee madaaluun daran akka isheen fakkeenya hin taaneef dubbatu.












