Antooniyoo Guutirees: 'Biyyootni Lixaa dhimma godaantotaa irratti Afrikaa irraa barachuu qabu'

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutirees

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutirees Yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti.

Biyyootni Lixaa dhimma godaantota qabachuu irratti Afrikaa irraa barachuu qabu jedhan barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutirees.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbatichaa Antoniyoo Gutires qabinsa godaantotaa iratti biyyootni Lixaa gaggeessitoota Afrikaa irraa barachuu kan qaban waan hedduun jira jedhan.

Yaa'ii Gamtaa Afrikaa Itoophiyaatti gaggeefame irratti yommuu dubbatan ardiin Afrikaa qabeenyaa fi humna xiqqaa haa qabatuyyuu malee buqqaatotaaf daangaa isaa banaa godhee simataa jira jedhan.

Afrikaan akka adunyaatti buqqaatota jiran keessaa harka afur keessaa harka tokko walumaagalaan miiliyoona 20 kan tahan keessumeesiteeti.

Dhimmi goidaantotaa yaa'ii Gamtaa Afrikaa 32ffaa xumurame irrattis ajandaa guddaa ture.

Dabalataan ardii Afrikaa irratti bal'inaan zoonii daldala bilisaa [free trade zone] hundeessuuf yaalamaa jira.

Waliigaltichi bara darbe mallattaa'us hojii irra oolchuuf biyyootni 19 qofa waan mallatteessaniif murtoo biyyoota kaaniis eeggataa jira.

Haa tahu malee dura taa'aa gamtichaa tahuun kan filataman pirezidaantiin Gibtsi waliigaltichi akka hojii irra ooluuf akka Pool Kaagaameetti dhiibbaa hin uuman jedhama.

Ameerikaa dabalatee biyyotni Lixaa hedduun godaantotatti daangaa isaanii cufaa jiru.

Biyyootni akka Xaaliyaanii godaantota Afrikaa irraa galaana Meditiraaniyaanii qaxxaamuraniif bakka buufata jalqabaa tahanis amma galaana irratti eegumsi dabalaa dhufeera.

Kana irra darbe biyyota akka Jarman fa'a keessatti ammoo ajandaa siyaasa biyya keessaa paartilee adda baase tahuun itti fufeera.