Maakiroon buufatawwan godaantota Afrikaa irratti Gamtaa Awurooppaa akeekkachiisan

Pirezedaantii Firaansi Maakiroon

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Firaansi Maakiroon

Pirezedaantiin Firaansi Imaanu'eel Maakiroon karoorri Gamtaa Awurooppaa buufatawwan keessatti dhimma godaantotaa ittiin hordoftu Kaaba Afrikaatti hundeessuu biyyootaa Afrikaan gaggeefame malee milkaa'uu dhiisuu mala jechuun BBC'tti himan.

Maakiroon yeroo Naajeeriyaa dawwachaa jiranitti akka dubbatanitti, biyyoonni Afrikaan baayyeen giddu-galli buufatawwan godaantotaa kun godaantota hedduu caalaatti arkisuu danda'a yaaddoo jedhu dubbataa jiru.

Hanga ammaatti biyyi Afrikaa buufatawwan kana keessumeessuuf walii galte hin jirtu.

Gaggeessitoonni Gamtaa Awurooppaa garuu waliga'ii baatii darbe keessa taasisaniin dhimma kanarratti akka hojjetan waliigalaniiru.

Maakiroon akka jedhanitti sababii rakkoo guddaa baayyina uummataa Afrikaa keessatti karoora malee guddachaa jiruuf Awurooppaan rakkoo godaatota Afrikaarraa dhufaniin waliin baroota itti aanaan keessaa wallaansoo walqabuu itti fufti jedhan .

Yeroo darbes yaaduma kana fakkaatu dubbataniin yaadawwan gita bittaati jechuudhaan qeequmsi jabduun isa mudateetti.

Haata'u malee, Gamtaan Awurooppaa biyyoota Afrikaaf hin murteessu jedhan.

Yaada buufatawwan dhimma godaantotaa itti ilaalan Kaaba Afrikaatti hundeessuun "yoo mootonni Afrikaa qopheessuuf murteessanillee, hangamuu deemuu danda'a", jedhan.

Akka Maakiroonitti waanti angafa ta'uu qabu namoonni Awurooppaatti ce'uuf jedhanii lubbuu isaanii rakoof saaxilanii akka "balaa hin eegamnetti of hin galchine" taasisuudha.