Huawei'n mootummaa Chaayinaa waliin hidhata qabaachuu haale

Madda suuraa, AFP
Huawein mootummaa Chaayinaatti hidhata qabaachuu haale.
Hoogganaan nageenya Saayibarii Joon Sufoolk miseensota paarlaamaatti wixata akka himanitti,dhaabbanni teeknolojii guddichi kun ''waan sirrii hin taanee akka hojjatuuf mootummaan Chaayinaa gaafatee hin beeku'' jedhe.
Sufoolk ,qaamni alaa oomishasaafi akkaataa hojiisaatii ykn yaa'iinsi koodisaatti maal akka fakkatu akka xiinxalamu akka eeyyaman dubbatan.
''Addunyaa duratti qullaa dhaabanne, garuu isa filanna sababnisaa oomisha keenya isatu fooyyessaa'' jedhu.
itti dabaluunis''Waan jiru namoonni akka argan feena waa tokkos haa ta'uu,kuma tokko kanaaf dhimma hin qabnu.argannoosaanitti hin qaanoofnu'' jedhan.
Huawein koree teeknoloojiii fi Saayinsiitiin nageenya oomishasaarrattii fi mootummaa waliin hidhata qabachuusaarratti gaaffii miseensota paarlaamaa akka deebisan gaafataman.
Ameerikaan biyyoonni michuun oomisha kaampaanii telekoomii guddicha addunyaa neetworkii dhaloota 5ffaa ykn 5G eegale baasastummaaf itti fayyadamti jechuun akka lagatan waamicha dhiyeessuutu yaadatama.

Madda suuraa, Parliament TV
'Mootummaan Chaayinaa waan hin eegamne akka hojjannuuf takkaa nu gaafatee hin beekuu' jedhan Suufoolk.
Naageenya oomishaa kaampaanichaa dhimma miidhus akka hin hojjanne dubbatan.
Miseensonni paarlaamaa biyyatti sarbamiinsi mirga namoomaa musilimoota miliyoonatti lakka'aamanii mana hidhaa Shijiyaangitti dararamanii quba qabachuus himaniiru.
Miseensonni paarlaamaa fageenyatti oomishasaatiin rimootiin gargaaramuun neetworkii UK 5G jedhamu fayyadamu danda'aa dhimma jedhus gaafataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Obboo Suufolk kaampaanichi meeshalee tajaajila telekominikeeshinii neetiworkii 5G dhaaf barbaachisuu akka dhiyeessuu dubbate.
Haa ta'u malee, opporetaronnii meeshalee Huwaawwii rakkina yoo qabaate, giddu galli deeggarsaa Roomaniyaa jiran akka sirreessaan hime.
Miseensonni Paarlaamaa Neetworkii 5G jedhamu fayyadamuun nama dhuunfaatti fayyadamu adamsuun danda'ama isa jedhus gaafataniiru.
Suufoolk teekinoloojiin moobayilaa opporetaroota itti fufiiinsaan mul'isu neetiworkii wajjiin walqunnamsiisuuf akka barbaachisu himan.
Haa ta'u malee Opporetaroonni moobayilaa itti fufinsaan sochii maamilaa hunda yeroo hundaa agarsiisa. Miseensota Paarlaamaatti akka himanitti odeffanoon akka hin hatamneef qabiyyeen oomisha kaampanichaa harki 30'n ofumaaf kan oomishuu ta'uu fi kan hafemmoo dhaabbilee idila addunyaa kampaanichi to'aturra akka argatu Obboo Suufolk himaniiru.













