Oomishtoonni kophee taarifa US Chaayinaarra keesse komatan

Nama suuqii warshaa keessa kophee baatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi waldhibdee dhimma daldalaarratti biyya isaanii fi Chaayinaa gidduutti mudate booda meeshaalee Chaayinaarraa gara biyyasaanii galurratti taarifa akkaan guuddaa ta'e ida'uuf murteessanii turan.

Kun hariiroo biyyoota lameenii kan laaffise yoo ta'u keessaahuu warshaaleen oomisha isaanii gara Ameerkaa galchan akkasumallee kanneen achuma US keessa jiran murtiin pirezidaantichaa balaa baata jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Oomishtoonni kophee kunneen pirezidaanti Tiraampi akka waraana daldalaa Chaayinaa waliin eegalan irraa of qusatan akeekkachiisan, ta'uu baannaan kan haalaan miidhaman fayyadamtootuma US keessa jiran ta'uu eeran.

Warshaalee gurguguddoo kanneen akka Adidas fi Nike dabalatee kaampaaniiwwan 173 xalayaa mallatteessan keessatti murteen pirezidaantichi taarifa harka 25 meeshaalee daldalaa Chaayinaa irratti dabaluu fudhatan hamilee namoota hojjetanii bulanii kan miidhuudha jedhan.

Taarifni olaanaa akkasii egeree daldala biyyattii kan quucarsuudhas jedhan.

Pirezidaanti Tiraampi torbee darbe keessa ture meeshaalee Chaayinaan gara US galchitu kan doolaara biiliyoona 200 ta'urratti taarifa harka 10-25 dabaluuf kan murteesan.

Murteesaanii hordofuun Chaayinaanis meeshaalee US garasheetti ergitu kan maallaqa Doolaara Ameerkaa biiliyoona 60 ta'urratti Waxabajjii 1 irraa eegaltee taarifa dabaluuf murteessite.

Waldhibdee gama daldalaatiin US fi Chaayinaa gidduutti babal'achaa dhufeen tibbanas US Dhaabbata Oomisha bilbila mobaayilaa guddicha Chaayinaa 'Huwei' irratti qoqqobbii keesseetti.

Kunimmoo hariiroo daldalaa biyyoota lameenii daranuu miidheera.