Kabaja Ayyaana Cuuphaa suuraan

Madda suuraa, Visit Oromia
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Baatutti sirna ho'an kabajameeraGuyyaa har'aa Itoophiyaatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Ayyaana Cuuphaa kabajaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa jala bultiin isaa ALI Amajjii 10 eegalee kan kabajamu yoo ta'u Amajjiin 11 guyyaa ayyaanichaati.
ALI Amajjii 12 illee ayyaanni kuni Qaanaa Zagaliilaan sirnaa ho'aan kabajama.
Ayyaana Cuuphaa dursee Ayyaana Kataraa kabajamuurratti Taabotoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hordoftootaan dabaalamanii gara cuuphaan kabajamu deemu.
Bakkeewwan Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu keessaa tokko keessumaa Finfinneetti Jaanmedaa akkasumas magaalaa Gondar eeruun ni danda'ama.
Magaalaa Baatuuttis ayyaanni kuni sirna ho'aan kabajama. Baatuu, Finfinnee, Gondariifi kaanitti hordoftootaan ala turistoonnis ni argamu.
Ayyaana Cuuphaa guyyaa har'aa kabajame suuraan waan fakkaatu akkanaan walitti qabneerra.

Madda suuraa, Teme
Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeewwan akka biyyaatti ayyaanichi sirna ho'aan itti kabajamu keessaa tokko Gondaridha
Madda suuraa, EBC
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Finfinnee Isteediyeemii Abbaba Biqilaatti kabajame
Madda suuraa, ebc
Ibsa waa'ee suuraa, Finfinnee Isteediyeemii Abbaba Biqilaatti yeroo cuuphaan taasifamu
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Oromiyaa magaalaa Baatuutti gaafa Kataraa Taabotoonni Hara Dambal irratti bidiruun gara Cuuphaan taasifamutti imalan
Madda suuraa, Harari Police Commission
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Hararitti
Madda suuraa, Adanech Abiebie
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraawwan Kantiibaan Finfinnee Adaanach Abeebee waa'ee Ayyaana Cuuphaa Jaanmeedaatii qoodan keessaa
Madda suuraa, Temesgen Tiruneh
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Gondar kabajame irratti turistoonni mul'atu
Madda suuraa, Dimtsi Weyane
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti
Madda suuraa, EBC
Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaanni Kaatolikii hordoftoonni amantichaa Ayyaana Cuuphaa sirna afuuraa garagaraan kabajuu beeksisteetti
Madda suuraa, EBC
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Finfinnee naannawa Isteediyeemii Abbabaa Biqilaa
Madda suuraa, Adanech Abiebie
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaarratti namoonni yeroo Jaanmeedaatti cuuphaman
Madda suuraa, Arba Minch City Communication
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Arbaa Miincitti
Madda suuraa, EBC
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Isteediyeemii Abbaba Biqilaa kabajame irratti qeesotni Kaatolikii argamaniiru
Madda suuraa, Visit Oromia
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Baatuutti
Madda suuraa, Assosa city Communication
Ibsa waa'ee suuraa, Ayyaana Cuuphaa Asoosaatti