Kabaja Ayyaana Cuuphaa suuraan

Guyyaa har'aa Itoophiyaatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Ayyaana Cuuphaa kabajaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa jala bultiin isaa ALI Amajjii 10 eegalee kan kabajamu yoo ta'u Amajjiin 11 guyyaa ayyaanichaati.

ALI Amajjii 12 illee ayyaanni kuni Qaanaa Zagaliilaan sirnaa ho'aan kabajama.

Ayyaana Cuuphaa dursee Ayyaana Kataraa kabajamuurratti Taabotoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa hordoftootaan dabaalamanii gara cuuphaan kabajamu deemu.

Bakkeewwan Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamu keessaa tokko keessumaa Finfinneetti Jaanmedaa akkasumas magaalaa Gondar eeruun ni danda'ama.

Magaalaa Baatuuttis ayyaanni kuni sirna ho'aan kabajama. Baatuu, Finfinnee, Gondariifi kaanitti hordoftootaan ala turistoonnis ni argamu.

Ayyaana Cuuphaa guyyaa har'aa kabajame suuraan waan fakkaatu akkanaan walitti qabneerra.