Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kabaja Ayyaana Cuuphaa bara kanaa suuraan
Ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantaa Orotodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin wagga waggaan ALI Amajjii bultii 11 kabajamu, har’a eddoowwan biyyattii gargaraa keessatti kabajameera.
Ayyaanni kuni Gooftaa Iyyasuus Kiriistoos Laga Yordaanositti isa cuubame yaadachuun kabajama.
Guyyaa kaleessaas wayita taabonni bataskaanoota keessaa bahuun gara bakka Ayyaanni Cuuphaa itti kabajamutti imaluuttis hordoftoota amantichaan dabaalamuun gaggeeffame.
Har’a ammoo hordoftoonni amantichaafi namoonni kabaja ayyaanichaa irratti argamuuf bakkeewwan garaagaraa walitti qabaman eddoowwan Taabotawwan bulanitti argamuun haala ho’aan kabajameera.
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun Mootummoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO'n galmaa'eera.
Haaluma kanaanis suuraalee kabaja Ayyaana Cuuphaa Baatuu, Oromiyaa tureefi bakkeewwan biyyattii garaagaraatii argaman akkasitti dhiyeessineerra.