Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iddoon Yesuus itti cuuphame bara 2030tti Kiristaanota miliyoona tokko keessummessuuf
Har’a lagni Yordaanus bakki Iyyesuus Kiristoos itti cuuphame maqaa macaafa Qulqulluu keessatti qabu dhabaa dhufeera.
Garuu ammayyuu waggaatti kiristaanonni gara 200,000 tahan cuuphaaf gara biyya Yordaanus [Jordan] imalu.
Ameerikaa fi Awurooppaa irraa yeroo namootni gareedhaan gara lagichaa naannoo dhoqqee qabuutti of eeggannoon seenuun suuraa ka’an argaan ture.
''Yeroo naannicha jirtututti daawwachuu qabda, Kun qaama seenaa keessaa tokko,’’ jedhe Oliiver lammii Faransaay kan tahe.
Maark ammo Ameerikaa Meeriilaandi irraa gara kan imale yoo tahu gara Yordaanus kan imaleef ''jireenya afuuraa isaa’’ tahuu hime. ''Faana Iyyesuus hordofee imaluuf’’ akka tahe hime.
Ji’i kun yerootti biyyootni Lixaa gara Yordaanusitti imala ayyaaneffannaaf deemanii fi Waldaaleen Ortodoksii biyyoota Bahaa ayyaana Cuuphaa itti ayyaaneffatanidha.
Waktiin yeroo namootni beektota [ogeeyyii] jedhaman sadii Baha Biiftuu irraa mucaa dhalate, Iyyesuus Kiristoosiin, daawwachuuf itti imalanii fi yeroo Iyyesuus harka Yohaannisitti cuuphame yaadatamuun ayyaneffatamudha.
Dhiyeenya Yordaanus bara 2030tt wagga 2000ffaa Iyyesuus itti cuuphamee yaadachuuf kiristaanota adunyaa irraa miliyoonotaan simachuuf Paawondii miliyoona 100 ramaduuf karoorsuu ibsiteetti.
Ganda macaafa Qulqulluu fi gidduugala amantaa Kiristaanotni miliyoonotaan walitti qabaman qopheesuuf waadaa galteetti.
Lagni Yordaanusii fi sululli isaa amantoota Kiristaanaa fi Musiliimaaf bakka baay’ee murteessaa akka tahes ibsaniiru.
Daawwattootni keenyaafi amantootni haajiif dhufan waan Iyyesuusii fi Yohaannis hojjetan arguun waan gaariidha,’’ jedhan Ruustoom Mikijiyaan, Daarikterri Waliigalaa Bakka Cuuphaa Yordaanus.
Waan Wangeelota arfan keessatti dubbistan ijaan arguun ‘Wangeela Shanaffaadha’ jedheen ibsa, jedhan.
''Waan seenaa amantaa fi amntii gidduu jiru dhugumumatti hubatta,’’ jedhan.
Wantoota inni addatti ibse keessaa tokko waa’ee muka kaannisaa ''Yaanboot yoo tahu kunis isa Yohaannis uffata rifeensa Gaalaa irraa hojjetamee fi damma moggaa ykn awwaannisa nyaataa ture jedhu yaadachiisuufi.
Bakki cuuphaa kun ‘Bethany Beyond the Jordan’ jedhamuun sadarkaa Unescotti galmaa’eera.
Asitti waldaaleen Roomaa fi Beezaantaayiin ccacabanii ture bakka cuuphaa fi meeshaaleen kaan itti argaman yoo tahu bara 1995 erga Israa’eel waliin wlaiigaltee nagaa mallattesanii booda argaman.
Isa dura yeroo waraana Baha Gidduugaleessaa 1067 irraa eegaluun gamaa gamanni laga Yordaanus humna waraanaan eegamaa waan tureef cufaa ture..
Yeroo sana Israa’eel West Baanki harka Yordaanusii qabachuun to’attee turte.
"Bakkicha deebisnee argachuun bu’aa nagana fide keessaa tokko’’ jechuun Mikijiyaan natti hime.
''Mee yaadi dirreen albuudaa gurguddoon 11 keessaa alboodotni baafamaniiru. Albuudotni kumaatamni fudhatamuu isaaniin sitti himaa jira.- Albuuda irra daawwatoota amantaaf dhufan miliyoonotaan simachuun hin caalu jettee yaaddaa? Jedhe.
Warri Yordaanus karaa Israa’eelotni to’atanii jiranis daawwattotni akka ilaalan barbaadanis waggoota 20 darban keessa phaaphaasotni Kaatoolikii sadii Phaaphaasotni Waldaa Koptik lamaa fi hoggantootni amantaa bakka al-Magtas jedhamu daawwataniiru.
Namootni sooreyyii fi beekamoo tahan ijoollee isaanii laga Yordaanusitti cuuphsisu. Afeerraa qondaalota Yordaanusiin hordoftootni amantaa Kiristaanaa hedduun waldaa isaanii achitti banaa jiru. Waan kun biyyoota Baha Gidduugaleessaa keessatti waan barame miti.
''Waan namatti toludha’’ jette Shaaron daawwannaaf Ameerikaa irraa kan deemte.
Kaka’umsa Maatii Mootota Musiliimaa Yordaanus galatateeffatteetti.
''Waan meeqa akka waliin qabnu barachaa jirra. Mootummaan Yordaanus namni kamiyyuu qabeenya as jiru keessaa mirga qooddachuu akka qaban hojjechaa jira’’ jette.
Zooniin cuuphaa lafa hektaara 137 tahu irratti ijaaramu mootii Abdullaahiin kan ibsame ji’a darbe ture.
Saamiir Muraad, dhaabbata miti mootummaa mootummaa Yordaanusiin dhaabbate kan dursu, amanamummaan bakkichaa akka eegamu ibsaniiru.
''Bakka gahumsa daawwattootaa daldalaaf jecha bakka ‘’qulqulluu’’ tahetti hundeesuun gowwummaa fi ogummaa malee kan hojjetamudha.
Bakki kun bakka qulqullaa’aa sadaffaa Kiristaanaa tahuun hubatamuu qaba jedhan.
Bakka Iyyesuus Kiristoos waamicha isaa itti argate kana jallisuu fi dhimma biraaf oolchuun balleessaa guddaadha jedhan.