Mucaa dubaraa hiriyyaashee mangaagaa naachaa keessaa baafatte

Mucaan durbaa umuriin ishee waggaa 11 hiriyyaa ishee kan umuriin waggaa sagal taate mangaagaa naachaa keessaa baasuun oolchite.

Gochi gootummaan durbeen Rebekaa Munkombuwee jedhamtu kun taasifte namoota hedduudhaaf oduu tibbanaa ta'eera.

Kun kan ta'e biyya Zimbaabuwee ganda Sinderellaa keessatti yoo ta'u, intalli waggaa sagalii kun xiqqoo madaa'uurraan kan hafe miidhaa guddaan osoo irra hin ga'iin baraaramteetti.

FBC'n madda oduu Ediit Sentiraal jedhamu waabeffatee akka gabaasetti naacha amuummatee bishaan keessatti intala waggaa sagalii kana liqimse waliin kokkee walqabuun harkaa baasuu dandeesseetti.

Taateen kun kan uumame, ijoolleen durbaa kun lameen hiriiyyoota ganda isaanii biroo waliin ta'uudhaan laga bishaanii isaanitti dhiyoo jiru deemanii daakaa oolanii yeroo deebiyaa turanitti ture.

Yeroo daakaa turanii bishaan keessaa bahaa turanitti bishaanicha keessaa bakka tokkoo iyyatuu dhaga'ama ture.

Rebekaan gara iyyi jiru sanatti yeroo gortutti, hiriyyaan ishee umuriin waggaa sagalii Laatoyaa Muwaanii naachi gototaa wayita jiru argite.

Wanta ta'aa jiru sana yeroo argitutti Rebekaan hiriyyaashee kana oolchuudhaaf rifannaa guddaadhaan utaaltee bishaan seente.

Hiriyoonni Rebekaa biroon ishee waliin turan yeroo naachi Muwaanii harkifachaa jiru arganiiru. Garuu tarkaanfii Rebekaan fudhatte hin fudhanne ture.

Walakkaan isaanii yeroo naasuun bakkuma jiranitti dhaabatanii hafan, kanneen kaan ammoo kotte nabaasii jechuudhaan baqatan.

Rebekaan garuu kan dhufe yaa dhufu jechuun bishaanitti seenuun naacha hiriyyaashe harkifachaa jiru waliin wallaansoo qabuutti kaate.

Rebekaan akkuma bishaan utaaltee seenteen harka qullaa mataa naacha sanaarra baatee rukkutaa akka turte dubbatti. Wayituma rukkutaa jirtutti ammoo tooftaan injifannoo tokko isheef dhufe.

Yeroo ija naacha sanaarraan miidhaa geessiftu naachichi hiriyyaashee Muwaaniitiin gadi dhiisuuf akka dirqame dubbatti Rebekaan.

Naachi sun erga miidhaan ija isaarraan ga'ee hiriyyaashee gadi dhiiseen booda deebiyee qabachuufillee hin yaalle. Isaan booda Rebekaan hiriyyaashee Muwaaniitiin fudhattee gara hiriyoota isaanii birootti nagaan qajeelan.

Abbaan Muwaanii Obbo Foorchuun waan ta'e kana miira rifannaa keessa ta'uudhaan gaazexaa Saandey Niiwusiitti akka himanitti, intalli isaanii bishaan daakaa wayita jirtutti naachi ishee qabachuu bakka hojiitti dhaga'an.

Gocha gootummaa Rebekaa kana galateeffatanii, "Kun raajii guddaadha. Waan hin fakkaannerraa oolte," jedhan.