Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el daawwattoonni Itoophiyaa Ayyaana Faasikaaf imalan biyyashee akka hin seenne dhorkite
Israa'el hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Ayyaana Faasikaaf imalan gara biyyashee akka hin seenne dhorkuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Dhimma kana mootummaan Itoophiyaa quba hinqabu jechuun BBC'f deebise.
Ajaja Abbaataayitaa Ummataafi Immigireeshinii Israa'el irraa dhaabbilee hojii turizimii irratti hojjetaniif darbeen sababa waraana Itoophiyaa keessa jiruun amantootni Itoophiyaa Israa'el akka hin seenne dhorkamuu ibsame.
Lammiileen Itoophiyaa hedduu waggaa waggaan Ayyaana Gannaa [Gannoo], Cuuphaa akkasumas Faasikaa [Du'aa Ka'uu] kabajuuf gama dhaabbilee daawwachiisaniin gara Israa'el imalu.
Abbaan taayitaa kuni dhorkaa kanaaf akka sababaatti kan kaa'e namoonni gara Israa'el imalan waraana baqachuuf jecha gara biyya isaanii deebi'uu dhiisuu malu kan jedhudha.
Haa ta'u malee, abbaan taayitaa Israa'el xalayaa raabseen namoonni Ayyaana Faasikaa dhufuuf gara Israa'el imaluu barbaadan eeyyama argachuuf iyyata isaanii qofaatti dhiheessuu danda'u jedheera.
Murtee kana dhaabbileen turizimii Israa'el jiran ''loogii olaanaa'' qaba jechuun mormaniiru.
BBC'n lammiilee Itoophiyaa dhaabbilee turizimii daawwannaa gara Israa'el taasisan waliin hojjetanirraa gaafatee akka hubatetti xalayaan kuni akka isaan gahe dhaabbileen isaan waliin hojjetan itti himaniiru.
Kana hordofee Abbaan Taayitaa Ummataafi Immigireeshinii Israa'el daawattoota Israa'el ilaalchisuun murtee murteesse irra deebiin akka qoratuufi akka sirreeffama taasisu yaalaa akka jiran himan.
Waggoota muraasa darban tursitoonni gareen imalan ''karaa seeraan alaa'' achi hafuu isaanii eeruun waraanni jirummoo kana hammeessa jedhamee aangawooti Israa'el bu'uura kanaan murtee kana fudhachuun ibsameera.
Dhimmicha ilaalchisee kan gaafataman Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa wanti beekan akka hin jirre BBC'f himaniiru.
Murteen Israa'el kuni kan hin jijjiiramne yoo ta'e imala amantaa gara Israa'el taasifamu danquun alatti dhaabbileen turistii imala kana qindeessan akka kasaaran ibsaniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa oliif ture damee turizimii keessumaa galii bakkeewwan kaaba biyyattii daawwatanirraa argamuufi dhaabbilee daawwannaa taasisan akkaan hubeera.
Imalli gara Israa'el taasifamuus yoo dhorkame dhaabbileen Itoophiyaa dhaabbilee Israa'el waliin dalagan akka isaan miidhu BBC'tti himaniiru.
Dhaabbati tokko durumaa yeroo uggura Covid-19 guddaa akka kasaaran eeruun murteen Israa'el kunimmoo akka isaan rifaasise himan.
Gadaamiwwan Itoophiyaa Iyyarusaalemitti
Manni Kiristaanaa Ortodoxii Tawaahidoo Itoophiyaa Iyyarusaalem keessaatti gadaamiiwwan torba qabdi.
Isaanis Dira Silxan, Kidaana Mihirat, qidus Filiphoos, Qidist Sillaasee, Qidus Gabreel, Qidus Alazariifi Beteliheemi.
Dira Silxan afaan Gi'iiziitiin hiika Debire Silxaan jedhu kan qabuu fi bakka awaala gooftaan Iyasuus itti awaalame irraa gara lixaatti argama.