Imala jaarraa tokkoo giiftii piyaanoo Immaahooy Tsiggee-Maariyaam

Hordoftoota amantii Kiristiyaanaa baayyee biratti ‘magaalaa qulqulleettii’ jedhamuun kan waamamtu Iyyeerusaaleem jiraachuu erga jalqabanii waggaan soddoma darbeera.

Jireenya biyya lafaa dhiisanii monoksee tahuu kan filatan yeroo ganna 19 turanidha. Maqaan isaanii dhalootaas Yewuubdaar Gabiruu jedhama.

Ijoollumaadhaan maatii isaanii jalaa badanii Gishan Maariyaamitti monoksee erga tahanii waggaa lama booda maqaan isaanii Yewuubdaar irraa gara Tsiggee Maariyaamitti geeddaramee Immaahooyi jedhaman.

Marsariitiin faawundeeshinii maqaa isaaniin dhaabbate bara 1916 A.L.I dhalachuu isaanii himus, Immaahooyiidhaan namoonni dhiyootti beekan garuu waggaa 99ffaa isaanii kabajanii gara 100tti adeemaa jiru jedhu.

Abbaan isaanii dhalootaa kantiibaa magaalaa Finfinnee kan turan yoo tahu, maatiinis kutaa hawaasaa olaanaa keessa kanneen turanidha.

Immaahooy obboleettii isaanii Sinidduu Gabiruu wajjin barnoota ammayyaa akka hordofan gara Siwiizarlaand yeroo ergamanittidha muuziqaa wajjin kan wal-baran. Yeroos ijoollee ganna ja’aa turan.

‘’Yeroon Siwiizarlaand ture, konsartii muuziqaa namni qaroo dhabeessi dhiyeesse tokkon daawwadhe. Akkamiin akka tahe himuu baadhus qalbii koo keessaa baduu dide. Ergasii booji'amtuu muuziqaan tahe.

Kanaaf Saantaa Kilaawus vaayoliinii akka naa kennan gaafadhe. Achiin booda kutaa koo keessaa vaayoliinii argadhe. Yeroos ijoollee ganna saddeetiin ture,’’ jechuun turtii BBC Radio Four waliin taasisaniin dubbataniiru. Yeroosuma piyaanootti dubbachuus kan jalqaban.

‘’Kutaa koo bira piyaanoon jira ture. Calluma jedhee taa’een isa rukutan ture. Namoonni yeroo na bira darban maal taphachaa jirta yeroo naan jedhan, ‘’bakakkaa sanan taphachaa jira’’ nan jedhan ture (kolfa), maal jechuu akka tahe garuu hin beeku.

Siwiizarlaand waggaa afur erga turaniin booda gara Itoophiyaa deebi’anii mana barumsaa Mananitti barnoota isaanii otoo hordofaa jiranii mootummaan Xaaliyaanii Mosoloniin hogganamu Itoophiyaa weerare.

Jala bultii Waraana Addunyaa Lammaffaatti Xaaliyaan yeroo Itoophiyaa weeraretti maatii Immaahooy odolawwan biyya Itaalii kan tahan Markaaliyaanoofi Asiinaaraatti booji’ee kaa’e.

Waraana kanaan booda gara jireenya muuziqaa isaaniitti kan deebi’an Immaahooy Kaayirootti vaayolinii taphachuu baratan.

Haasaa BBC waliin taasisaniin yeroo Kaayiroo turanitti muuziqaa kilaasikaalaa Beetihoovan, Moozaartii fi Shitraawuuziin dabalatee muuziqaa muuziqeessitoota beekamoo addunyaa akka taphataa turan dubbataniiru.

Waggaa lamaaf Kaayirootti yeroo muuziqaa barataniitti guyyaatti sa’aatii shaniif piyaanoo, sa’aatii afuriif immoo vaayoolinii otoo addaan hin kutiin taphataniiru.

Gaanfa Afrikaa irraa gara addabaabaayii addunyaatti

Hiriyyaa dhihoo Immaahooy Tsiggee Maariyaam kan taate Maayaa Duneetiz Israa’el jiraatti. Gadaamii Immaahooyi jiran dhaqxee isaan iyyaafatti. Isheenis piyaanoo taphachuu dabalatee hojii ogummaa biraan beekamti. Michoomni isaanis amma waggaa 15 taheera.

Hojiiwwan Immaahooy waliin kan wal-barte siidiin Itoopiiks jedhamu erga maxxanfameen booda akka tahe BBC kutaa Amaariffaan waliin haasaa taasisteen dubbatteetti.

‘’Firaansis muuziqaa Itoophiyaadhaaf oolmaa guddaa ooleeraafi. Galata galchuufiin fedha,’’ jechuun kabajashee dhiyeessiteetti.

Firaansis Faalseetoon lammii Faransaay yoo tahu hojii Immaahooy Tsiggee Maariyaam qofa osoo hin taane, sirboota Itoophiyaa 1960-70 keessa bahan muuzikiyoologistii addunyaatti beeksisedha.

Kuusaa Itiyoopiks keessatti weedduuwwan hammataman keessaa ‘’Abbaa muuziqaa Jaazii’’ jedhamuun kan bekaman Mulaatuu Astaaxiqeen, Immaahooy Tsiggee Maariyaam weedduu muuziqaa afran al tokkotti fayyadamuun isaani adda akka isaan taasisu dubbatu.

‘’Immaahooy namummaafi ogummaa isaaniitin baayyee isaan kabaja. Muuziqaa Itoophiyaaf hojii guddaa hojjetaniiru jedheen amana. Iyyeerusaaleem konsartiidhaaf yeroon deemetti isaan argadheen haasofneerra,’’ jechuun Mulaatuun BBCtti dubbataniiru.

Immaahooy booda maaliif muuziqeessitoonni dubartootaa kilaasikaala taphatan as hin baane jechuun gaafannee turre. ‘’Rakkoon inni guddaa of beekuu dhiisuudha,’’ jedhan.

‘’Itoophiyaa keessatti weedduuwwan arfan sirriitti hin qoratamne. Kana beekuu dhiisuuni namoota gurguddoo kan horachuu kan dadhabne,’’ jechuun bu’uurri rakkoo kanaa barnoota muuziqaa fi qorannoo jajjabeeffamuu dhabuu akka tahe dubbatu.

Immaahooy dursanii weedduuwwan Itoophiyaa afur beekuufi qorachuun isaanii kalaqa isaaniif bu’uura taheera jedhu.

‘’Hojiin Immaahooy qoratamee manneen barnootaa keessatti akka taa’uufi akka qoaratamu gochuun dirqama barbaachisa jedhe amana,’’ jedhu.

Gama kanaan Immaahooy Israa’el deemanii waggaa lamaan booda muuziqaa isaanii akka maxxansituuf gaaffii Maayaadhaaf dhiyeessaniin hojiiwwan piyaanoodhaan qindeeffaman nootaa muuziqaa dhaan katabamanii bifa kitaabaan maxxanfamaniiru.

Gaazexeessituun Raadiyoo Foor, ‘’muuziqaa keessan maxxansuuf akkamiin yaaddan?’’ jechuun gaafatteenii turte?

‘’Sababiinsaa muuziqaa koo warra kaaniif qooduu ijaan barbaaduuf kaa! Waanin qabu qooduu nan barbaada. Namni na hubachuu yoo baatellee kan ogummaa muuziqaa qabu na hubata,’’ jechuun deebisaniiru.

Maayaan hojiiwwan Immaahooy baayyeen waaan gaariif na kakaasu jetti.

‘’Namoota Afrikaa ani beeku biratti akka gootaatti ilaalamu. Sababa garaagaraaatiin beekamtii isaanii malu argachuu baatanillee, muuziqaan isaanii hambaa killiyyaa Afrikaati jedheen yaada,’’ jetti.

‘’Shoorri isaanii isa hanga amma jedhameen olittidha,‘’ jechuunis dhugaa baatiifi.

Akkasumas hojiiwwan afaanota garagaraan dalagaman akka qabaniifi uummataaf akka hin dhiyaanne himuun, muuziqaan isaani namootarratti osoo hin taane dhalootarratti dhiibbaa gaarii uumeera jetti.

Namummaa Immaahooy Tsiggee

Jarmanitti piyaanoo Moozaartiidhaan taphataniiru. Milkaa’inni isaanii salphaa miti. Bara 1967 albamii isaanii jalqaba maxxanfamerraa kaasee bu’aa gurgurtaa isaa irraa homaa hin fayyadamne. Inumaayyuu gargaarsa daa’immaniif oolchaniiru. Gishen Maariyaam keessa miila qullaa lafoo adeemaniiru.

‘’Ani beekamtuu tahuu hin barbaadun ture. Waqayyoonis maqaa koo jannatatti yoo barreesse jedheen gaafadhe malee isa lafaa gaafadhee hin beeku,’’ innimmoo muuziqaa kana akkan dhabu hin barbaadne, hunduu ulfina isaaf tahe,’’ jechuun BBC Raadiyoo Fooritti himan.

Gondaritti muuziqaa mana amantaa Ortodoksii barachuuf yeroo imalan ijoollee balbala bataskaanaatti kufanii biddeena guyyuu kadhatan erga arganiin booda jireenyi muuziqaa isaanii ni geeddarame.

‘’Ani homaa hin qabu. Kanan qabu muuziqaa gatii taheef isa fayyadameen isaaniin gargaaruuf murteesse,’’ jechuun sababii albamiin isaanii inni jalqabaa maxxanfameef ibsu.

Achiin mootii Haayilassillaasee muuziqaa isaanii akka maxxansaniif akka isaan gargaaran gaafachuun, Jarmanitti ergamuun albamii isaanii jalqabaa bara 1967tti maxxansan. Galiin irraa argames ijoollee sababa waraanaan maatii isaanii dhabaniif oole.

‘’Monoksee muuziqaa taphattu ana qofa osoo hin tahiin oolaa? jechuun turtii BBC Raadiyoo Foor waliin taasisaniin dubbataniiru.

‘’Namoonni tokko tokko kana ni mormu. Garuu waan hundi fedha Waaqayyoon taha. Kuni muuziqaa kilaasikaaliidha. Waaqas meeshaa muuziqaa garagaraan weeddisuun ni danda’ama,’’ jechuun dubbatan.

Immaahooy wal-qixxummaa koorniyaatti amanu. Maatii hayyootarraa dhalachuun isaanii balbala garaagaraa banuufiillee, carraa argatan fayyadamuun milkaa’ina guddaarra gahaniiru. Akkasumas jireenya qananii dhiisanii, waan argatan hunda deebisanii kennaniiru.

Ministeera Hajaa Alaa Itoophiyaatti hojjettuu bulchiinsaa jalqabaa, akkasumas mootummaa Dargii baqachuun erga Yerusaaleem galaniin booda, gadaamii Itoophiyaa Yerusaaleem jiru keessatti turjumaan hojjechuun dubartii jalqabaati.

Immaahooy feministiidhaa? jechuun Maayaa gaafanne

‘’Gaaffii kana akkamiin akkan deebisu hin beeku. Eeyyeen feministii natti fakkaatu. Ilaalcha dubartoota aangessuu qabu. Gaazexeessitoonni fi artiistoonni dubartootaa yeroo dhufan isaaniitii jajjabeessu argeera. Dubartoonni manaafi addabaabaayitti akka ciman ni gorsu. Akkani isaan hubadhutti haalli dubartootatti dhiyaatan kan aangessudha,’’ jechuun BBCtti himteetti.

Maayaan hojiiwwan Immaahooy keessaa muuziqaawwan nama mararan/gaddisiisan akka jaalattu dubbatti.

Isaan keessa muuziqaawwan sadii irra akka mararsiifattu dubbatti.

The guardians of Getsemani, Golgotaa fi Yeruusaaleem muuziqaawwan Immaahooy amma dhaggeefataa jirtu akka tahe dubbatti.

The guardians of Getesemani, halluu muuziqaatiin kan bareedee fi otoo dhagahuu halluu jijjiirrata,’’ jechuun ibsiti.

‘’Immaahooy amma jabduu isaaniitu jira. Yeroo baayyee siree isaanii gadaamii jirtutti haa dabarsaniyyuu malee nagaa isaaniidha,’’ jechuun Maayaan, waa’ee giiftii piyaanoo gara waggaa 100ffaa isaaniitti siqaa jiranii dubbatti.