Badhaasa Odaa baranaa maaltu adda godha?

Badhaasni Odaa baranaa marroo shanaffaaf Finfinnee galma Sharaatanitti Kibxata galagala ogeeyyii aartii hojii addaa hojjetaniif beekamtii kennuun gaggeeffameera.

Hundeessituun badhaasa kanaa haati dhaabbata Bashaatu Multimiidiyaa Pirodaakshin, Baashaatuu Toolamaaram badhaasa baranaa maaltu adda akka godhu BBCtti himte.

Badhaasichi hojiiwwaan aartii Afaan Oromootiin A.L.I bara 2013 hojjataman dameewwan 21’n waldormsiisuun kennamu himti Baashaatuu Toolamaaram.

Barana badhaasni umrii guutuu erga boqotee waggaa lama kan ta'e gaazixeessaa Ibiraahim Hajii Aliif kenname.

Fiilmii mata dureen isaa ‘Lafaaf lafee’ jedhu fiilmii filatamaa bara 2013 ta’ee filatameera.

Aartist Jimaa Galataa daarektara cimaa fi barreeffama fiilmii filatamaa bara 2013 barreessuun beekamtii argateera.

Artistii Dhageettii olaanaa bara 2013 tti qabu jedhamuun beekamtii kan argate ammoo bara dorgommii kanaa keessatti sirba qeenxee Birraa Wal-agarra jedhu gadhiise Galaanaa Garoomsaati.

Badhaasaa baranaa maaltu adda godha?

Badhaasa Odaa baranaa kan addaa godhu Afaan Oromoorratti dabalataan aartii Afaan Affaari fi Sidaamaa keessatti namoota gumaacha guddaa qaban lamaaf beekamtiin kennamuu isaati. Namoonni badhaasicha ilaalchisee yaadasaanii miidiyaalee hawaasarratti barreessaa turaniiru.

Namoonni muraasni sirbi hawaasa biratti jaalatamu kan artisti Yosan Geetahuun hojjate mata-dureen isaa ‘’Bulloo’’ jedhu beekamtii hin arganne jedhaniii komii dhiyeessan turaniiru jette.

Sirbichi barana kana keessa hojjatame, ‘’nuti artistoota bara darbe hojjataniif beekamtii kennine’’ jette Bashaatuun.

Kana malees, namoonni sirboota qabsootu dorgommicha keessaa baafame jedhanii miidiyaalee hawaasarratti barreessan turaniiru. ''Ulaagaa ijoon Odaa Awwaardi giddu galeessa godhatee beekamtii kennee aartii qofa’’ jette Bashaatuun.

''Dorgommiirratti ilaalchi siyaasa ulaagaa hin turre jette, Uummanni Oromoo aartiin quuqaa isaa ibsata'' jette Bashaatuun.

Namoonni waan isaanitti fakkaate kaasuun mirga jette. Kayyoon Odaa Awwaard aartistoonni Afaan Oromootiin hojjatan akka waldorgoman, hojiiwwan aartii qulqullinaan akka hojjatan kakaasuuf yaadameeti jette.

‘Ulaagaan dorgommii aartii qofa’

‘’Sirboota 460 ol walitti sassaabuun abbootii murtiif dhiyeessine, isaan kan calalan gara miidiyaatti baasne’’ jette Bashaatuun.

Bashaatuun hojiiwwan aartii Afaan Afaan Oromootiin bara dabre hojjataman hunda abbootii murtii dhiyeeffamu kaaste.

Abbootiin murtii madaalan immoo barsiistota yunvarsiitii fi hojiiwwan aartii Oromoo keessatti muuxannoo qabanii jettee ibsite.

Akka isheen jettutti, ulaagaa madaalli ogeeeyyii kanatu baase. Hundi isaanii teeknikarratti kan hundaa’e waan ta’eef ulaagaa sana tarreessuuf na rakkisaa jette Bashaatuun.

Bashaatuun, dorgommii cimaan gaggeefamee qabxilee xiqqaan kan wal caalan turaniiru jette.