Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayyaanni Cuuphaa UNESCO irratti hambaa kiliyaa tahuun galmaa'e
Ayyaanni Cuuphaa Itoophiyaa Galmee Hambaa Kiliyaa Addunyaa (Intangible Heritage) tahuun Mootummoota Gamtoomanitti dameen Barumsaa, Saayinsiifi Aadaa UNESCO'n galmaa'e.
Kaleessa (Roobii) sa'aa booda walgahii UNESCO Kolombiyaatti taa'ameen ayyaanni Cuuphaa hordoftoota amantii Ortodoksii biratti waggaa waggaan kabajamu hambaa seenaa addunyaa tahuun galmaa'era.
Korri ayyaanicha galmeesse Cuuphaa dabalatee ayyaanota biyyoota shan keessatti kabajaman hambaa kiliyaa jechuun galmeesseera.
Ministeerri Aadaa fi Turizimii ayyaana Cuuphaa Mootummota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO) hambaa seenaa kiliyaa addunyaa jalatti akka galmaa'uuf waggaa lama dura ture hojii kan jalqabe.
Itoophiyaan hanga yoonaa hambaalee kiliyaa sadii-ayyaana Masqalaa, Fiichee Cambalaafi Sirna Gadaa UNESCOtti galmeessiftee jirti.
Sirni Gadaa bara 2016tti kora UNESCO Finfinneetti taasifameen galmaa'uun ni yaadatama.
Kana dura Itoophiyaan alatti biyyooti Afrikaa hambaalee kiliyaa kan akka nyaata Maalaawwii Nismaa jedhamu, Muuziqaa Moorishiyas 'Saagaa Taambuur jedhaman galmaa'uun ni yaadatama.
Ayyaanni Cuuphaa Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garagaraatti waggaa waggaan haala ho'aa taheen kabajama.