Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee bakkeewwan hambaa haaraa addunyaa kan 'UNESCO'
Waggaa waggaan bakkeewwan uumamaafi aadaa addunyaa guutuurraa "gatii guddaa' namuummaaf dabalaniin ni filatamu.
Koreen Hambaa Addunyaa UNESCO walga'ii Azerbaajaan magaalaa Baakutti taasisaa tureen bakkeewwan kam akka kunuunsa addaa argachuu qabu waan jedhu irratti mari'ataa ture.
Hanga ammatti bakkeewwan filaman kan kanaa gadiiti.
Paarkii biyyaalessaa 'Vatnajökull' kan Ayislaanditti argamu
Naannoo volkaanoo kun lafa Ayiislaand keessaa %14 uwwisa.
Paarkiin kun bakkee cabbiin uwwifame bal'aafi uumama babbareeda kan akka dirree laavaafi gosa bineensa addaa qaba.
Dacheefi laggeen Faransaay gara Heemisfeera Kibbaatti argaman
Oddolooti faffacaa'anii garba Atilaantik gubbaatti argaman Bakkee Hambaa Addunyaa UNESCO ta'un galmaa'aniiru.
Oddolooti kun addunyaarra gosa sinbiraa 'King penguins' dabalatee tuuta simbiraafi bineensota bishaani hedduu of keessaa qabu.
Magaalaa Jaayipur, Hindii
Magaalaan dallaan marfamaa Hindii kan taate Jaayipuur, bulchiinsa kaaba-Dhihaa Rajastaan keessatti kan argamuufi 'magaala dimadii' jedhamuun kan beekamudha.
Gamoowwan hedduun yeroo bu'uura magaalattii bara 1727'tti kan ijaaramaniifi boca adda addaan kan bareedanidha.
Lafa awwaalaa Jaappaan durii
Bakkeewwan awaalchaa durii 49n kun jaarraa 3ffaa fi 6ffaatti kan ijaaraman ta'anii bulchiinsa Osaakaa Jaappaan keessatti argamu.
Kuubiiwwan lafa awwaalcha kanaa bocaafi hammantaan garaagara. Kanneen keessaa kan boca qaawwaa furtuun hojjetameefi maqaa Mootii Nintokuun moggaafame lafa awwaalchaa Jaappaan keessaa isa guddicha.
Iraaq, Baabiloon
Yaalii waggaa dheeraan booda magaalaan Misoppotaamiyaa durii Baabiloon galmee UNESCO'irra galeera.
Iddoon kun rakkoo siyaasaa Iraaq keessa turen miidhamus dhiyeenyatti haaromfameera.
Bagan, Miyaanimaar
Mana amantaa Budiistii kumaatamaan magaalatti keessa faffaca'anii argamaniin, magaalaan gudditti biyyattii dawwattoota hedduu harkisa.
Dirree Xuwwee, Laawoos
Bakkeewwan xuwwee dhagaa gidduugaleessa Laawoos 'Xiengkhouang'tti argaman kanneen galmaa'an keessaa tokko.
Ogeessoti qorannaa hambaalee (Archaeologists ) xuwweewwan dhagaa ajaa'ibsiisoon kun bara durii yeroo 'Iron Age' jedhamee beekamu keessa kan hojjetamaniifi sirna awwalchaaf kan gargaaranidha jedhanii amanu.