Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa har'a gara dirree Yunaayitid, Oold Tiraafoord deemee Darbii 198ffaa morkata.
Manaajera Maanchester Siitii ta'ee waggoota kudhan darbaniif turtii taasiseenis leenjistoota Maanchester Yunaayitid agara garaa shan waliiniis walitti dhufee taphateera.
Mikaa'el Kaariik kan dhiyeenya bakka Ruuban Amoorim bu'e leenjisaa isa dhiyoo Gaardiyoolaan morkatudha.
Maanchester Yunaayitid keessatti leenjisaan ykn manaajeriin amansiisee irra bubbulu dhabameera.
Raayyaan Gaardiyoolaa qabxii Arsenaal akka isaan gatee hin deemne ittiin faana bu'an barbaadu. Gaardiyoolaan morkii shaampiyoonaa Piriimer Liigii keessa turuuf dhimmee mo'achuu barbaada.
Mikaa'el Kaarik warra Maanchester Yunaayitid ammoo kilaba taphataaf turee amma hogganuutti dhufe kanaaf jalqabbii gaarii arguu barbaada.
Gaardiyoolaan turtii isaa Maanchester Siitii waggaa kudhatti siquun manaajeroota shan arguu gaafatameera.
Icciitiin ari'amuufi turuu mo'achuu fi mo'achuu dhabuudha; bu'aa buustee jennaan hin ari'amtu. Bu'aa hin buusu taanaan aniyyu silaa yoona kana as hin jiru ture, "wanti biraan icciitii ta'e hin jiru," jedhe.
Mikaa'el Kaariik ammas ari'amee Gaardiyoolaan leenjisaa Maanchester Ja'affaa argaa laata?