Forest 0 - 0 Arsenaal: Arsenaal carraa garaagarummaa Siitii waliin qabu ballifachuu hanqate

Piriimer Liigii Ingilizii torban 22ffaa taphoonni torba Sambata, lama ammo Dilbata kan gaggeeffaman yoo ta’u, kan hafe Wixata taphatama.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Notingihaam Fores 0 - 0 Arsenaal

    Arsenaal Maanchester Siitiin mo'amuu hordofee garaa garummaa qabu qabxii 9 ballifachuu carraa ballifachuu qabu hanqate.

    Arsenaal kilaba sadarkaa 17ffaa irra jiru Notingihaam Forest waliin goolii malee adda baheera.

    Boqonnaa booda yaalii goolii taasisus garuu lakkoofsisuu hin dandeenye.

  2. Boqonnaa: Notingihaam Forest 0 - 0 Arsenaal

    Maartineelii kubbaa goolii taatu dhabe

    Madda suuraa, Getty Images

    Notingihaam Forest fi Arsenaal hanga boqonnaa duraatti 0 fi 0n jiru.

    Gareen lachuu yaalii kallattiin goolii ta'u hin yaalle.

    Arsenaal haala kanaan itti fufnaan Saakaa jijjiiree galchuuf jira.

    Boqonnaa booda Saakaan jijjirama fidaa?

  3. Notingihaam Forest V Arsenaal: Maaltu eegama?

    Taphattoota Arsenaal

    Madda suuraa, Getty Images

    Piriimer Liigii Ingiliiz dursaa kan jiru Arsenaal gara dirree Notingihaam Forest deemee taphata. Har'a Liigicha lamaffaa qabatee Arsenaaliin siif dhufe jechaa kan jiru Maanchester Siitiin tapha darbii Oold Tiraafoorditti tureen Maan Yunaayitiidiin mo'ameera.

    Kun ammoo carraa Arsenaal dursa jabeeffachuu uumeeraaf.

    Arsenaal sarara fuula duraatti Saakaa dhiisuun Maartineelii, Giyookeresh fi Maduweekee; Gidduurratti ammoo Zubimendii, Raayisii fi Odegaard, akkasumas sarara ittisaa irratti ammoo Waayit, Saliibaa, Gabreel, Timber qabateera.

    Ogeessi kubbaa miilaa BBC akka tilmaametti Arsenaal 1 fi 0n mo'ata jedheera.

    Tilmaamni keessan akkami?

  4. Taphoonni Piriimer Liigii shan taphatamaa jiru: Liiverpuul 1 - 1 Barnilee

    Taphattoota Liiverpuul

    Madda suuraa, Getty Images

    Liiverpull dirree isaa Anfiild irratti kilaba yaaddoo kufaatii keessa jiru Barnilee goolii Filooriyaa Wiirtiz lakkoofsiseen dursa qabatus daqiiqaa 65 irrarri goolii galchanii warri Barnilee ittiin qixxataniiru.

    Liiverpuul silaa 2 fi 0n dursuu kan danda'u ture, Siboozilaay peenaaliitii argatan hin lakkoofsisiin hafe.

    Taphoota Piriimer Liigii torban 22ffaa shan amma taphatamaa jiran biroon Chelsiin Bireentidoordiin, West Haam ammoo Tootenhaamiin 1 fi 0n dursaa kan jiru yoo ta'u, Liidis Yunaayitid fi Fuulhaam 0 fi 0n, Sanderlaand fi Kiristaal Palaas waliin 1 fi 1n walqixarra jiru.

    Amma boqonnaa booda daqiiqaa 10 ol taphatameera.

  5. Cherkiin Maan Yunaayitid irratti goolii galchuuf ariifadheera jedhee ture, garuu...

    Raayaan Cherkii

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan Maanchister Siitii Rayan Cherkii hamma Maanchister Yuunaayitid irratti goolii galchee mo’annutti ariifadheera jedhee ture.

    Cherkiin Maanchister Yuunaayitidiin akka jibbuu fi haaloo irraa qabu ibseera.

    Bara 2025 keessa Maanchister Yuunaayitid kilaba isaa yeroo sanaa Liyoon duubaa ka’ee mo’atee ture.

    Kun dorgommii Awurooppaa Liigii keessattidha.

    Ergaasii Maanchister Siitii galuun Yuunaayitiditti dhaadachaa ture.

    Har’a gam tokkoon haaloo bahuuf, gama biraan Arsenaalitti siquuf mo’achuuf turan.

    Dhaadachuun Cherkii tapha jalqabaa Maayikil Kaarik irratti bishaan dhuge.

    Yuunaayitid mo’ate. Cherkii fi gareen isaa Maanchister Siitiin mo’amuun lamaanuu hin milkeessine.

    Cherkiinis mataa buuse.

    Gaardiyoolaan Kaariik taphataa sarara gidduu cimaa addunyaa irratti argaman keessaa tokko jechuun isa jajeera. Kaarik tapha Darbii Maanchister mo’ate.

    Arsenaaliif carraa guddaadh.

  6. Maanchester Yunaayitid 2 - 0 Maanchester Siitii

    Darbii Maanchester

    Madda suuraa, Getty Images

    Maancherster Darbii 198ffaa Yunaayitid mirgaan gale.

    Mikaa'el Kaariik imaanaa itti kenname milkiin jalqabeera.

    Siitiin akka har'a Maanchester Yunaayitiditti harka kennate kanatti laafaa mul'achuun kun kan jalqabaa miti.

    Dorgommii baranaa gara jalqabaarras sigigaataa tureera Kun ammoo Arsenaaliif hiree gaarii uuma. Maanchester Y

    unaayitid goolii lama lakkoofsiseen ala yaalii hedduu taasiseera. Gooliin sadii ammoo taphaan ala (offside) ta'uun jalaa haqameera.

  7. GOOOOOOL: Maanchester Yunaayitid 2 - 0 Maanchester Siitii

    Mikaa'el Kaariik yeroo gammachuu ibsatutti

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchester Yunaayitid har'a waan biraati. Daqiiqaa 76ffaa irratti ammas gooolii lamaffaa galfate. Kubbaa taphataan jijjiiramee gale Maatiyaas Kuunyaa barreechee kenneef Dorguun lakkoofsiseera.

  8. GOOOL: Maanchester Yunaayitid 1 -0 Maancherster Siitii

    Imbuumoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Biriyaan Imbuumoo Maanchester Yunaayitdiif galcheera.

    Maancherster Yunaayitid kubbaa to'achuufi yaalii hedduu taasisuun muddaa ture. Dhumarrattii daqiiqqa 65 irratti kubbaa Burunoo Fernaandeez kenneen Imbuumoon lakkoofsiseera.

    Tapha ajaa'ibaati. Darbii haalaan hawwataadha!

  9. Boqonnaa Dura: Maanchester Yunaayitid 0 - 0 Maanchester Siitii

    Buruunoo Fernadeez

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchester Yunaayitid jalaa gooliin lama haame.

    Maanchester Yunaayitid hanga eegamee ol Maanchester Siitii hafuura kutaa jira.

    Boqonnaa dura kubbaa to'atee taphachuun, akkasumas yaalii gochuun ol aantummaa qabateera.

    Gooliin lama galches taphaan ala (offside) ta'ee jalaa haqameera.

    Tokko Amad Daaloo, tokko ammoo Buruunoo Fernaandeez ture kan galchanii ture.

    Bqonnaa booda maaltu eegama?

  10. Taphatattoonni sarara ittisaa Maanchester Yunaayitid lama kaardii Kelloo fudhatan

    Daalot

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphattoonni sarara ittisaa M<aanchester Yunaayitid lama: Daalot fi Shaawu kaardii Kelloo fudhataniiru.

    Keessumaa kan Daalot Diimaa ta'uu danda'a jedhamee VAR ilaalamee ture, garuu carra qabeessa ta'e.

  11. Maanchester Yunaayitid 0 - 0 Maanchester Siitii

    Harii Maaguweer

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchester Yunaayitid hamilee bareedaan dhiibbaa uumaa jira. Daqiiqaa 15 jalqabaa kana yaalii fooyyee qabu taasiseera.

    Keessumaa kubbaa Harii Maaguweer Mataan yaalee sibiilla karaa irra keessa jiru jalaa deebise ajaa'iba turte.

    Mikaa'el Kaariik ammoo taphattoota akka Maatiyaas Kuunyaa fi Benjaamiin Sheeskoo osoo hin hiriirsisiin taphachaa jira.

  12. 'Sadarkaa keenyatti taphannaan nu dhaabuun rakkisaadha'

    Bernaandoo Silvaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Amballiin Maanchester Siitii Bernaanardoo Silvaa tapha dura yaada kenneera.

    "Bakka kana dhufanii taphachuun gaariidha. Haata'u malee, tapha baayyee cimaadha. Tapha Darbiidha. Garee lamaaniifiyyu maal akka ta'e ni beekna; kanaaf nuuf har'a kun tapha murteessaadha," jedhe.

    "Piriimer Liigii keessatti taphoota sadii walitti aansinee qixa baane. Kun ammoo tapha kana nuuf murteessaa akka taasisu ni beekna. Qabxii nu barbaachisu argachuutti deebiyuu barbaadna. Taphattoonni muraasni nu jalaa miidhamaa yeroo jiran kanattillee gahumsa gaariirra jirra. Sirriitti taphataa jirra; cimina keenya qabannee itti fufaa jirra.

    "Akkamitti akka taphatan hin beeknu, garuu nuti kan nurraa eegamu dhimma keenyarratti xiyyeeffachuu qofa. Sadarkaa keenyarratti taphannaan nu dhaabuuf rakkisaa akka ta'u ni beekna."

  13. Peep gaardiyoolaa Siitii waliin leenjistoota Yunaayitid shan morkateera

    Peep gaardiyoolaa fi Mikaa'el Kaarik

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa har'a gara dirree Yunaayitid, Oold Tiraafoord deemee Darbii 198ffaa morkata.

    Manaajera Maanchester Siitii ta'ee waggoota kudhan darbaniif turtii taasiseenis leenjistoota Maanchester Yunaayitid agara garaa shan waliiniis walitti dhufee taphateera.

    Mikaa'el Kaariik kan dhiyeenya bakka Ruuban Amoorim bu'e leenjisaa isa dhiyoo Gaardiyoolaan morkatudha.

    Maanchester Yunaayitid keessatti leenjisaan ykn manaajeriin amansiisee irra bubbulu dhabameera.

    Raayyaan Gaardiyoolaa qabxii Arsenaal akka isaan gatee hin deemne ittiin faana bu'an barbaadu. Gaardiyoolaan morkii shaampiyoonaa Piriimer Liigii keessa turuuf dhimmee mo'achuu barbaada.

    Mikaa'el Kaarik warra Maanchester Yunaayitid ammoo kilaba taphataaf turee amma hogganuutti dhufe kanaaf jalqabbii gaarii arguu barbaada.

    Gaardiyoolaan turtii isaa Maanchester Siitii waggaa kudhatti siquun manaajeroota shan arguu gaafatameera.

    Icciitiin ari'amuufi turuu mo'achuu fi mo'achuu dhabuudha; bu'aa buustee jennaan hin ari'amtu. Bu'aa hin buusu taanaan aniyyu silaa yoona kana as hin jiru ture, "wanti biraan icciitii ta'e hin jiru," jedhe.

    Mikaa'el Kaariik ammas ari'amee Gaardiyoolaan leenjisaa Maanchester Ja'affaa argaa laata?

    Maaltu ta'a?

  14. Darbii Maanchester: Maanchester Yunaayitid moo Maanchester Siitiitu mo'ata?

    Buruunoo Fernaadeez fi Erliing Haaland

    Piriimer Liigii Ingilizii torban 22ffaa taphoonni torba Sambata, lama ammo Dilbata kan gaggeeffaman yoo ta’u, kan hafe Wixata taphatama.

    Tapha har’aatiin hawwiin kan eegamu Darbii Maanchesteridha.

    Maanchester Yunaatid leenjisaa haaraa qacarate Mikaa'el Kaarikiin hogganamee dirree isaarratti Maanchester Siitii simatee keessummeessa.

    Taphni Maanchester Yunaayitid fi Maanchester Siitii sa'aatii 9:30 irratti gaggeeffama.

    Ogeessi kubba BBC Kiriis Saatan eenyu akka mo'atu tilmaamuu danda'us baayyina gooli meeqa akka lakkaa'amu garuu beekuu hin danda'u jedhe.

    Maanchester Yunaayitid garuu maraammartoo baratame keessa galeera.

    Kaarik hiriira akkamii akka filatu kan ilaalamu ta'ullee, bu'aa tapha kanaarratti hagas mara dhiibbaa uuma jedhee hin yaadu jedha Saatran.

    Erliing Haaland taphoota baayyeerratti osoo goolii hin galchiin turellee, Maanchester Yunaayitid irratti lakkoofsisuu waan barateeruuf har'as ni galcha.

    Maanchester Yunaayitid goolii galchuu danda'us kan mo'atu garuu Maanchester Siitiidha jedhe Kiriis Saatan.

    Tilmaama: 1 - 3

  15. YOOYYAA!

    Peep Gaardiyoolaa fi Maayikel Kaarik

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkam jirtu hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Taphoota Piriimer Liigii torban 22ffaa Darbii Maanchester saatii tokkoofi walakkaa booda taphatamu dabalannee kallattiin isin biraan geenya.

    Gamanumaan eenyu akka mo'atu kan keessan tilmaamuun, kan oogeessi kubbaa miilaa tilmaame asiin ilaalaa.