US Antaartikaan ala hundarraa buufataalee waraanaa akka qabdu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan addunyaarraa biyya humna waraanaa cimaa qabaachuun gita hin qabneedha.
Humna waraanaa cimaa qabaachuu qofa osoo hin taane, buufataalee waraanaa biyyoota addunyaa garaa garaa keessaa qabaachunis gita hin qabdu.
Waggoota 70 dura humni waraana Ameerikaa hanga sadarkaa 15ffaa keessa akka hin turre ragaaleen ni agarsiisu.
Waraana Addunyaa Lammaffaarratti biyyoonni Awurooppaa humna waraanaa jajjabaa qaban kanneen akka Jarmanii, UK, Faransaayi fa'aa humnisaanii akkaan miidhame.
Biyyoonni Awurooppaa yeroo waraanan qabeenyafi humnisaanii nyaatamaa ture, US humna waraanaa, industiriifi diinagdee jabaa ijaarrachaa turte.
US Waraana Addunyaa 2ffatti kan makamte gara dhumaattidha.
Impaayera biyyoota Eshiyaa heddu gita bittaa jala galchee ture Impaayera Jaappaan mo'achuunshee bara 1945 booda biyya humna waraanaafi diinagdee jabaa qabdu taatee akka baatu ishee taasise.
Seenaashee waggaa 250 keessatti waraanni gahee guddaa taphateera. US erga biyya walabaa taatee kallattiinis ta'ee al-kallattiin waraana garaa garaa keessatti hirmaattetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Addunyaa 2ffaa dura bara 1939tti humni waraanaa US sadarkaa 19ffaarra akka tureefi US Waraana Adunyaa 2ffaarratti gara dhumaa waraanatti makamuunshee biyya guddoofi sirna addunyaan ittiin gaggeeffamte to'atte akka ishee taasise himu xinxaaltonni.
Bulchiinsa Tiraamp jalqabaa jalatti Gorsaa Nageenyaa Biyyaalessaa kan turan Joon Booltan miidiyaa DW waliin turtii taasisaniin, US addunyaa mara irraa fedhii eegsifattu akka qabduufi kanaaf ammoo biyyoota garaa garaa keessatti buufata waraanaa hundeessuun akka ishee barbaachise himu.
Deeviid Vaayin xinxaalaa siyaasaafi buufataalee waraanaa US addunyaarraa qabdu kitaanota heddu barreessera. Kitaaba isaa Base Nation: How U.S. Military Bases Abroad Harm America and the World jedhu keessatti US ardii Antaarkitikaan alatti ardiilee hundumaa keessaa buufata waraanaa akka qabdu barreesera.
Ragaaleen akka agarsiisanitti, US yeroo ammaa biyyoota 50 ol ta'an keessaa buufataalee waraanaa qabdi. Buufatalee kanneen keessaa loltoota 200,000 ta'an qubsiistee qabdi.
Keessumaa Waraana Addunyaa 2ffaa booda US biyya bakka rakkoon ykn yaaddoon nageenyaa jira jedhame humnaan seenuun tarkaanfii fudhachuun beekamtuudha- humna waraanaa cimaa qabaachuusheen addunyaarraa bakkeewwan tarsiimawaa ta'anitti buufata waraanaa gosa garaa garaa ijaaruun sochii addunyaa to'atti.
Waggoota dheeraaf buufataalee waraanaa US addunyaarraa qabdurratti qorannoo gaggeessuun kan beekamu Deevid Vaayin US buufataalee waraanaa addunyaarratti diriirsuun "olaantummaashee" ittiin hojiirra oolchiti jechuun qeeqa.
Akka inni jedhutti US buufataalee waraanaa addunyaa mara irraa qabaachuun muddamni siyaasaa addunyaa akka dhalatu akka taasisuufi ilaalchi "farra Ameerikaa" akka babal'atu sababa ta'uu ibsa.
Buufataaleen waraanaa US gurguddoon kam fa'i? Eessatti argamu?
US addumatti Eshiyaa, Awurooppaafi Baha Giddu Galaa keessaa buufataalee waraanaa gurguddoo qabdi.
Biyyoota ollaa Chaayinaa ta'aniifi Chaayinaatti dhiyoo jiran kanneen akka Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Filippiins, siingaappoor, Taayilaand fa'aa keessaa qabaachuun itti marsitee sochii Chaayinaa to'atti.
US loltoota daangaasheen alatti bobbaafte keessaa harka walakkaa kan ta'u buufatalee waraanaa Jaappaanifi Kooriyaa Kibbaa keessa qubsiiftee jirti. Jaappaan keessaa buufata waraanaa qabaachuu kan eegalte dhuma bara 1945 yeroo Waraana Addunyaa 2ffarratti magaalota Hirooshimaafi Nagaasaakii boombii nikularaan haleeltudha.
Waraana kanarratti mootummaan Jaappaan harka laachuun Waraana Addunyaa 2ffaa keessaa bahe. US keessumaa oddoolawwan Guwaan jedhaman Jaappanirraa fudhachuun qabeenyashee godhatte- buufataalee waraanaa gurguddoo achitti ijaarratte.
Biyyoota Eshiyaa Paasifikii keessaa Jaappaan buufataalee waraanaa gurguddoo keessummeessite. Yeroo ammaa US loltoota 50,000 ol Jaappaan keessaa akka qabdu ragaaleen ni agarsiisu.
Eeshiyaa keessaa buufanni Humna Qilleensaa US inni guddaan kan oddoola Okanaawaa jedhamu keessatti. Xayyaarota waraanaa gurguddoo haleellaa tarsiimawaa gaggeessan (strategic bombers) kanneen jedhaman buufata kana keessa qubsiiftetti.
Kooriyaan Kibbaa biyya Eshiyaa buufataalee waraanaa US gurguddoo qabaachun beekamtu yoo taatu, yeroo ammaa loltoonni 20,000 achitti argamu.
Keessumaa buufanni waraanaa Camp Humphreys jedhamuufi magaalaa See'ul irraa km 65 fagaatee argamu buufata guddaa loltoota US heddu qabateedha.
US waraana waliinii Kooriyaa bara 1950-1952tti gaggeeffame keessatti hirmaattetti. Kooriyaan lamatti: Kooriyaa Kaabafi Kooriyaa Kibbaatti yeroo qoodamtu, US gara Kooriyaa Kibbaa gorte. Achumaan miilla gadi dhaabbachuun buufataalee waraanaa ijaarratte.
Deevid Vaayin akka jedhutti, Kooriyaa Kibbaa keessaa US buufataalee waraanaa hanga 80 ta'an qabdi- buufataalee xixiqqoo dabalatee jechuudha.
US buufata waraanaa lafa bal'aa qabate akkamiin Jarman keessaa qabaatte?
Bakkeewwan tarsiimawaa US buufata waraanaaf ija irra kaa'atte keessaa tokko ardii Awurooppati.
Keessumaa yeroo Waraana Hololaa sochii Sooviyeet Yuuniyeenii dhaabuuf Awurooppaa keessaa buufataalee waraanaa babal'isuun komunizimii dura dhaabbataa turte.
Jarman ammoo Awurooppaa keessaa biyya buufata waraanaa US guddaan keessatti argamuudha- Buufata Humna Qilleensaa Raamistiin.
Buufanni waraanaa kun Awurooppaa keessaa lafa bal'aarraa kan qubateedha. Hospitaala, manneen jireenyaa, manneen barnootaa, giddu gala gabaafi bu'uuraalee murteessoo ta'an qabaachurraa kan ka'e US lammaffaa jedhamuunis beekama.
US buufata guddaa Jarman keessatti argamu, keessumaa yeroo Afgaanistaanifi Iraaqitti duulte, akka wiirtuu dhiyeessitti itti fayyadamaa turte.
Jarmaniin alatti biyyoota Awurooppaa kanneen akka UK, Poorchugaal, Noorweey, Neezarlaandis fa'aa keessaayis buufataalee waraanaa qabdi.
Buufataalee waraanaa US Baha Giddu Galaatii qabdu
Bakkeewwan tarsiimawaa US ijashee irra kaawwattu keessaa Bahi Giddu Galaa tokkoodha. Naannoon kun muddamaafi waraanarraa fagaatee hin beekamu. Kuni ammoo US buufataalee waraanaa biyyoota naannichaa heddu keessaa akka qabaattuuf haala mijataa uumeraaf.
Biyya humna waraanaa jabaa qabdu ta'uunshee akka "qaama poolisii addunyaa tiksuutti" akka of ilaaltu ishee taasiseera.
Gama biraan ammoo biyyoonni waraanan ishee morkatan kanneen akka Raashiyaa naannichatti akka bu'uura hin godhanneefi hin babal'anneef dura dhaabbachuuf ishee gargaarera.
Yeroo ammaa buufataalee waraanaa 19 biyyoota garaa garaa keessaa akka qabduufi loltota hanga 50,000 ta'an qubsiistee jiaachuu ragaaleen ni agarsiisu.
Biyyoota Baha Giddu Galaa torba: Kaataar, Turkii, Swudii Arabiyaa, Yunaayitid Arab Emireetis, Baahireen fi Yordaanos keessaa dhaabbataadhaan buufata waraanaa qabdi.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota kanneen keessaa buufanni waraanaa guddaan US kan argamu Buufata Humna Qilleensaa Al Udeed jedhamu yoo ta'u bara 1996tti kan hundaa'edha.
Buufanni humna qilleensaa kun lafa hektaara 24 irra kan buufate yoo ta'u, xayyaarota waraanaa gosa garaa garaa 100 fi dirooniwwan qabachuu kan danda'uudha.
Xayyaarota waraanaan alatti loltoonni US 10,000 ta'an buufata waraanaa kana keessa buufatanii jiru. Gama biraan ammoo Buufanni Humna Qilleensaa Al Udeed kun Wiirtuu Ajaja Giddugalaa US (US Central Command) ta'uun tajaajila.
US oppireeshiniiwwan waraanaa biyyoota akka Sooriyafi Iraaq fa'aa keessatti gaggeessituuf wiirtuu ajajaa kana fayyadamti.
US ardii Afrikaafi biyyoota baha Awurooppaa akkasuma Laatiin Ameerikaa keessaa buufataalee waraanaa xixiqqaa 200 ta'an kan qabdu yoo ta'u, xayyaarota waraanaa to'annoofi basaasa gaggeessan akkasumas dirooniwwan kan qabataniidha.
Ardii Afrikaa keessaa US buufata guddicha tokko qofa qabdi- innis buufata waraanaa Camp Lemonnier kan jedhamu yoo ta'u buufata waraanaa dhaabbataa tokkicha US Afrikaa keessaa qabduudha.
Buufanni waraanaa Camp Lemonnier kana US akka wiirtuu ajaja Gaanfa Afrikaafi Ajaja US Afrikaa USAFRICOM tti itti gargaaramti.
Jibuutiin biyya qarqara ulaa Baab el Mandeebitti argamtuufi Galaana Diimafi Galoo Galaana Edan wal-qunnamsiistu ta'uunshee iddoo tarsiimawaa biyyoonni gurguddoon addunyaa buufata waraanaaf filatan ishee taasiseera.
Kanarraa kan ka'e US dabalatee biyyoonni addunyaarraa diinagdeefi humna waraanaa cimaa qaban kanneen akka UK, Faransaayi, Chaayinaa fa'aa buufata waraanaa Jibuutidhaa qabu.












