Tiraamp Venezuweelaa irratti haleellaa gaggeessuun Chaayinaa akkamiin yaaddesse?

Pirezidaantii Venezuweelaa Nikolaas Maduuroo fi Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing- bara 2023 Maduroo yeroo Chaayinaatti imaluun daawwannaa hojii taasisu suura agarsiisu

Madda suuraa, Miraflores Palace via Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Venezuweelaa Nikolaas Maduuroo fi Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing- bara 2023 Maduroo yeroo Chaayinaatti imaluun daawwannaa hojii taasisu suura agarsiisu

Doonaald Tiraamp walitti dhufeenya Chaayinaan waggootaaf itti dhamaatee Venezuweelaa waliin ijaarratte duubatti deebisuuf sa'aatii muraasa qofa itti fudhate.

Gaafa Amajjii 3, 2026 waraanni magaalaa guddoo Venzuweelaa kan taate Karaakaas irratti haleellaa banuun osoo Maduuroo hin to'atin sa'aatii muraasa dura, dippiloomaatii Chaayinaa waliin wal-araguun Chaayinaa jajaa ture.

Venezuweelaan michuu cimtuu Chaayinaan Ameerikaa Kibbaa keessaaa qabdu yoo taatu, keessumaa boba'aa Venezuweelaa irratti mallaqa guddaa dhangalaasuun investimentii hojjachaa turte.

US Venezuweelaa irratti haleellaa banuun gaggeessaa biyyattii to'achuushee biyyoota addunyaa morman keessaa tokko Chaayinaadha.

"US abbaa alangaa addunyaa of gooti" jechuun "nageenyifi walabummaan biyyoota addunyaa kamuu akkaataa seerri idiladdunyaa hayyamuun kabajamuu qaba" jette Chaayinaan qabamuu Maduuroo booda ibsa baasteen.

Tiraamp gaggeessaa Venezuweelaa humnaan to'annaa jala oolchuu hordofee biyyoota Kariibiyaanitti yaaddoon uumameera- egereen Venezuweelaa maal akka ta'u hin muramne.

Kuni Chaayinaadhaaf carraa gaaridha kan jedhan akkuma jiran, kaan ammoo inumaayyuu yaaddoo keessa ishee galcha jedhu.

Beejing tarsiimoo yeroo dheeraa taphachuu filatti, garuummoo jeequmsa hin feetu. Garuummoo Chaayinaan bulchiinsa Tiraamp duraanis ta'ee ammaa waliin hariiroonshee bu'aa bahiin kan itti baay'ateedha. Tiraamp bara bulchiinsa isaa jalqabaas ta'e amma Chaayinaarra qaraxa cimaa kaa'uun "waraana- daldalaa" keessa galeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiin Piing addunyaan omishaafi teeknolojii Chaayinaarratti hammam akka hirkatte UStti akka agarsiisan amanu.

Haa ta'u garuu Beejing qormaanni haaraan mudateera.

Taphni Tiraamp boba'aa Venezuweelaa irratti taphate tarsiimoo Chaayinaan Laatiin Ameerikaa irratti qabdu yaadoo cimaa keessa galcheera. US dhiibbaa Chaayinaan gotu hagam dura dhaabbachuu dandeessi kan jedhu gaaffidha?

Ministiirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Dilbata darbe ibsa kennaniin: "Kuni hemisfeera Lixaati. Kuni naannoo nuti jiraannu waan ta'eef, hemisfeerri lixaa bakka diinonni, dorgomtoonni, morkattoonni US buufatanii oppireeshinii gaggeessan akka ta'u hin hayyamnu" jechuun dubbatanii ture.

Ergichi eenyuuf akka ta'e ifaadha- Chaayinaa boroo keenyaa deemi akka jechuuti.

Beejing garuu akeekkachiisa US kana waan gurra itti kennitu hin fakkaattu. Garuummoo waan ittaane ta'u ni eegdi.

Maduroo bakka bu'uun Venezuweelaa gaggeessaa kan jirtu bakka buutuun pirezidaantii biyyattii Chaayinaafi Raashiyaa waliin walitti dhufeenya qabdu akka adda kutu US gaafatte gabaasa jedhu hordofee Chaayinaan cimsitee balaaleffatte.

Nikolaas Maduroo ejantoota federaalaa UStiin marfamee Niwu Yoork yeroo gahan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nikolaas Maduroo ejantoota federaalaa UStiin marfamee Niwu Yoork yeroo gahan

Namoonni tokko tokko waan US Venezuweelaa irratti raawwatterraa ka'uun, Chaayinaanis Taayiwaan, kan akka qaamasheetti ilaaltu, irratti waanuma wal-fakkaataa raawwachuu dandeessi kan jedhuudha.

Pirezidaant Shii Jiin Piing irra deddeebiin Taayiwaan guyyaa tokko Chaayinaa waliin walitti makamuun waan hin oolle ta'uufi karaa nagaan yoo dadhabame humna waraanan kana galmaan ga'uun akka danda'amu ibsanii turan.

Leellistoonni Chaayinaa tokko tokko, "Erga US Venezuweelaa humnaan haleeltee, Chaayinaan pirezidaantii Taayiwaan humnaan akka hin to'anne maaltu dhorka?" jechuun miidiyaa hawaasaa irratti gaafataa jiru.

Pirezidaant Shiin gaaffilee lammiileen biyyattii kaasan kana galmaan gahuuf akkuma US Venezuweelaa irratti salphaatti haleellaa gaggeessitee Maduuroo to'atte akka hin taaneef kaasu xinxaaltonni.

Dhaabbata Council on Foreign irraa xixaalaa kan ta'e Deeviid Saaks "Chaayinaan Taayiwaan humnaan qabachuuf ofitti amanamummaasaa hin qabdu" jechuun gatii guddaa akka ishee baasisu barreessa.

Chaayinaan kan isheen barbaaddu uummata Taayiwaan marsuun sodaachisuufi yeroo dheeraa keessatti mariif akka Taayiwaan mariif akka teessu gochuu malee ammatti walitti bu'iinsa keessa galuu akka hin barbaanne kaasa Deeviid.

Tarsiimoo Chaayinaan hemisfeera kibbaa irratti qabdu ilaalchisee yaada kenneen, haleellaan US Venezuweelaa irratti gaggeessite rakkoo Chaayinaan hin barbaanne keessa ishee galchuu akka danda'uufi tarsiimoo yeroo dheeraa Chaayinaan hemisfeera kibbaa irratti qabdu qoruu kan danda'uudha Deevid akka jedhutti.

Walitti dhufenyi Chaayinaafi Venezuweelaa gidduu jiru salphaadha. Chaayinaan boba'aa barbaaddi. Venezuweelaan ammoo maallaqa callaa.

Bara 2000 hanga 2023tti Beejing bu'uuraalee akka daandii baaburaa, humna ibsaa, fi bu'uuraalee misoomaa biroo maallaqaan gargaaruuf Venezuweelaaf dolaara biliyaana 100 ol dhiyeessiteetti. Bakkasaa ammoo Karaakaas boba'aa Chaayinaan ittiin diinagdeeshee saffisiifte dhiyeessiteef.

Bara darbe qofaa boba'aa Venezuweelaan alatti ergite keessaa %80 kan ta'u Chaayinaatti ergame. Kuni boba'aa Chaayinaan alaa galchitu keessaa %4 qofaadha.

Kanaaf dhaabbileen boba'aa Venezuweelaa misoomsuu keessatti hirmaataan yaaddoo keessa galuunsaanii waan hin oolledha.

Tarkaanfii kana booda US fudhattu irratti hundaa'uun qabeenyi kaampaaniwwan Chaayinaa dhuunfatamuun kan biyyaalessaa Venezuweelaa akka ta'us godhamuu danda'a kan jedhu Chaayinaaf yaaddoo biraati.

Gama biraan ammoo Beejing waliigaltee daldalaa US wajjin walii galte balaa keessa buusuu hin barbaaddu; garuummoo Laatiin Ameerikaa keessaa miilllashee baasuus hin feetu.

Walitti dhufeenya daldalaa US waliin qabduufi tarsiimoo Laatiin Ameerikaa keessaa qabdu lamaanuu wal-simsiistee deemsisuun qormaata itti ta'a.

US ammoo Chaayinaan naannawa isheetti miilla akka jabeeffattu hin feetu.

Biyyoonni ollaa Venezuweelaa jiran biroos investimentii Chaayinaan achii qabduun xiyyeeffannoo US keessa galla jechuun yaaddoo keessa galuunsaanis Chaayinaaf qormaata biraati.

Mootummaan Paanaamaa walitti dhufeenya Chaayinaa waliin qabu akka adda kutuufi hin ta'u taanan US Bo'oo Panaamaa humnaan akka qabattu bulchiinsi Tiraamp akeekkachiisee ture.

Pirezidaant Shii fi Maduuroo, Beejingitti bara 2013

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan biyyoota Ameerikaa waliin yeroo dheeraaf dippilomaasii hojjatteen biyyoonni heddu Taayiwaan irraa ijasaanii kaasanii "Chaayinaa Tokko" kan jedhu akka fudhatan gootetti.

Waggoota 20 darban keessatti hojii dippilomaasifi investimentii hojjatteen biyyoonni akka Koostaa Riikaa, Panaamaa, Dominikaan Rippaabilikaan, El Saalvaadoor, Nikaraaguwaafi Honduraas fa'aa yaada isaanii akka jijjiirratanii Taayiwaan qaama Chaayinaa ta'uu fudhatan gochuun itti milkooftetti.

Miseensonni Kongiresii Ameerikaa waggoota hedduuf mootummaan US dhiibbaa Chaayinaan Amerikaa Kibbaa keessatti gochaa jirtu akka qolatuuf gaafataa turan. Tiraamp Venezuweelaa humnaan seenuun pirezidaantiishee to'achuun tarkaanfii miseensonni kongiresii waggootaf gaafataa turan sanaaf tarkaanfii jalqabaa ta'uu danda'a.

Garuu ittaanee maaltu akka ta'uufi tarkaanfii US sichi fudhatturratti hundaa'uun Chaayinaan dhiibbaa biyyoota Ameerikaa Kibbaatti taasisturraa duubatti deebi'uuf dhiisuunshee gaaffidha. Garuu Tarkaanfiin Tiraamp kun dhuguma Chaayinaan