Veenzuweelaatti aanee biyyootni xiyyeeffannoo Tiraamp keessa jiran kam fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp erga halkan tokkotti haala hin eegamneen pirezidaantii Veenzuweela fi haadha warraa isaanii mana jireenyaa isaanii Karaakaas eegumsa guddaa qabu keessaa to'annoo jala oolchuun dhaga'amee biyyootni kaanillee of bir'ataa jiru.
Tiraamp tarkaanfii kana duula waadaa olaantummaa Ameerikaa hemisfeera dhihaa keessatti mirkaneessuu kan bara 1823 Doktiriinii Monroo jedhamu wajjin walfakeessuun "Doktiriinii Donroo" jechuun maqaa itti moggaasaniiru.
Guyyoota darban keessas biyyoota biroo Tiraamp ija Waashingitan keessa akka jiran akeekkachiisa kenneef keessaa muraasni kunooti.
Giriinlaandi
Ameerikaan duraanuu buufata waraanaa Giriinlaandi keessa qabdi. Garuu Tiraamp odola kana guutuutti fudhachuu hawwu.
''Sababni nageenya biyyaalessaatiif Giriinlaandiin nu barbaachisa,'' jechuun dubbatu.
Naannoon kun "bakka dooniiwwan Raashiyaa fi Chaayinaa marsanii jiran"jechuun gaazexeessitootatti himan.
Odolli kun odola guddittii Arktiik qaama Mootummaa Deenmaarki yoo taatu, kaaba baha US irraa gara maayilii 2,000 fagaattee argamti.
Albuudoota qaalii bakka hundatti hin argamne kan bilbila ismaartii, konkolaataa elektirikii fi meeshaalee waraanaa irraa hojjechuuf barbaachisaniin kan badhaatedha.
Yeroo ammaa kana Chaayinaan albuuda baay'ee hin argamne kana omishuun US haalaan caalti
Giriinlaandiin Kaaba Atlaantiik keessattis ejjennoo tarsiimoo murteessaa kan qabdudha.
Waggoota dhufan keessatti cabbiiwwaan poolaarii yeroo baqan, karaaleen doonii haaraan akka uumaman eegama.
Muummichi ministeeraa Giriinlaand Jens Frederik Nielsen yaada Ameerikaan odola kana to'achuu ishee ''abjuu'' jechuun Tiraampiif deebii kennaniiru.
"Kana booda dhiibbaan jiraachuu hin qabu. Dhimma irratti mari'achuun barbaachisaa ta'e karaa seera idil-addunyaa kabajuun mari'achuuf nuti qophiidha jechuun ibsan.
Kolombiyaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojiin Veenzuweelaa keessatti raawwatame sa'aatii muraasa booda Tiraamp pirezidaantiin Kolombiyaa Gustaavo Peetroo irratti ''akka xiyyeeffatan'' akeekkachiisaniiru.
Kolombiyaan gara dhiha Veenzuweelaatti kan argamtu yoo ta'u, kuufama boba'aa guddaa qabdi.
Albuudota akka warqee, meetii, Imerald, pilaatiiniyeemii fi dhagaa cilee oomishuun adda dureedha.
Dabalataanis, daldala qoricha sammuu namaa hadoochu naannichaaf, keessumaa kookeeniif wiirtuu murteessaa taatee tajaajilti.
US baatii Fulbaanaa keessa bidiruuwwan Kaaribiyaanii fi baha Paasifikii keessatti argaman irratti xiyyeeffachuu eegaltee.
Ragaa tokkollee utuu hin dhiyeessine qoricha sammuu namaa hadoochu geejjibsisti jechuun himatti.Kanaanis Tiraamp fi pirezidaantii Kolombiyaa gidduutti waldhabdee guddachaa dhufeera.
Baatii Onkooleessaa keessa US qoqqobbii Petro irratti kaa'uun, wanbadootni ''akka heddummatan'' hayyamuu isheen himattee turte.
Tiraamp Dilbata darbe xiyyaara 'Air Force One 'keessa taa'anii haasawa taasisaniin Kolombiyaan ''nama dhukkubsataa(nama dhuunfaa rakkina qabuu) kookeenii hojjechuu fi Ameerikaatti gurguruu jaallatuun geggeeffamaa jirti'' jedhan.
"Kana caalaa yeroo dheeraaf itti fufuu hin danda'u," jechuun ibseera.
Tiraamp Ameerikaan Kolombiyaa irratti duula gaggeessiti jedhamtee gaafataman, ''Sun natti gaarii fakkaata'' jechuun deebii kennaniiru.
Ameerikaan Kolombiyaa irratti xiyyeeffate opereshinii raawwachuu fi dhiisuu ishee gaafatamanii, Tiraamp ''sun waan gaarii fakkaatee natti dhaga'ama'' jechuun deebisaniiru.
Seenaa keessatti Kolombiyaan waraana Waashingitan qoricha sammuu namaa hadoochu irratti taasiftu keessatti michuu dhiyoo kan turte yoo ta'u, waggaatti gargaarsa waraanaa doolaara miliyoona dhibbaan lakkaa'amu taasifti.
Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa kana Iraan mormiin farra mootummaa bal'aan kan mudachaa jirtu yoo ta'u, Tiraamp halkan tokkotti aangawoonni achi jiran mormitoonni hedduun yoo ajjeefaman bu'aa hamaa akka isaan mudatu akeekkachiisaniiru.
"Haala jiru baayyee itti dhiyeenyaan hordofaa jirra. Akkuma kanaan duraa namoota ajjeesuu yoo jalqaban Ameerikaa irraa deebiin guddaan akka isaan mudatu nan amana," jechuun gaazexeessitootatti dubbatan
Iraan teeknikaan ulaagaalee "Doctrine Donroe" kaa'een ala jirti, ta'us Traamp kanaan dura mootummaan Iraan bara darbe dhaabbilee niwukilaraa ishee irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii dabalataa akka fudhatu akeekkachiisaniiru.
Haleellaan kun kan raawwatame hojii bal'aa Israa'el dandeettii Iraan meeshaa niwukilaraa uumuudhabamsiisuuf kaayyeffate hordofee kan raawwatame yoo ta'u, kunis waldhabdee guyyoota 12f Israa'elii fi Iraan gidduutti akka uumamu taasiseera.
Torban darbe marii Tiraamp fi MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gidduutti taasifame irratti Iraan mata duree marii isa jalqabaa ta'uun himameera.
Miidiyaaleen Ameerikaa Netaaniyaahuun bara 2026tti haleellaan haaraan Iraan irratti raawwatamuu akka danda'u kaasU.
Meeksikoo
Tiraamp bara 2016 yeroo jalqabaaf gara aangootti dhufu daangaa Ameerikaa kibbaa Meeksikoo irratti "Dallaa Ijaaruu" jechuun gaaffii dhiyeessaa ture.
Bara 2025ttis guyyaa jalqabaa aangootti deebi'anii maqaa Galoo Galaana Meksikoo gara "Galoo Galaana Ameerikaa"tti akka jijjiiran ajaja hojii raawwachiiftuu baasun ni yaadatama.
Yeroo baayyee qondaaltonni Meeksikoo daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu ykn godaantotni seeraan alaa gara US'tti baqatan to'achuuf hin dandeenye jedhamuun himatamaa turan.
Dilbata darbe haasawa taasisaniin qorichi sammuu namaa hadoochu Meeksikoo irraa ''daddarbaa akka jiru'' fi ''waan tokko gochuu qabna'' jechuun dubbatan Tiraamp.
Pirezidaantiin Meksikoo Kilaawudiyaa Sheenbayum tarkaanfii waraanaa Ameerikaan dachee Meksikoo irratti fudhattu kamiyyuu ifatti mormaniiru.
Kuubaa
Biyyi odola keessatti argamtu Kuubaan, Kibba Filooriidaa irraa maayilii 90 qofa fagaattee kan argamtu yoo ta'u, jalqaba bara 1960moota irraa eegalee qoqqobbii Ameerikaa jala turte.
Veenzuweelaa Niikoolaas Maaduuroo waliinis hariiroo cimaa qabdi.
Tiraamp Dilbata darbe Kuubaan ''kufaa waan jirtuuf'' waraanni Ameerikaa gidduu seenuun hin barbaachisu jechuun dubbtan
''Biyyatti gadi deemaa waan jirtuuf , tarkaanfiin nu barbaachisa natti hin fakkaatu" jechuun ibsan.
"Galiin kuubaa guutummaatti Veenzuweelaa irratti hirkatan, keessumaa boba'aa Veenzuweelaa irraatti , kanaa booda garuu Kuubaan galii hin qabdu," jedhan.
Veenzuweelaan boba'aa Kuubaa keessaa tilmaamaan %30 akka dhiyeessitu himama.
Kunis to'atamuu Maaduroon booda dhiyeessiin bob'aa kufe Kuubaas rakkof saaxila jedhamaa jira.












