Humni waraanaa US Nikoolas Maduuroo to'ate, Deeltaa jedhamu, kan akkamiiti?

Humna waraanaa Deeltaa Ameerikaa, Nikoolas Maduuroo to'ate

Madda suuraa, Reuters

Humni waraanaa leenjii addaa qabuu fi ergama Ameerikaa adda tahe raawwatu Nikoolas Maduuroo akka to'ate Tiraamp himaniiru.

Humni kun Deelfaa Foorsi jedhamuun beekama.

Humni kun kan leenjii addaa qabuufi farra shororkeesummaa Ameerikaa yoo tahu ergama addaa balaafamaa tahe raawwachuun beekama.

'Delta Force' kun maqaa '1st Special Forces Operational Detachment' jedhamuunis beekama.

Ergama addaa balaafama tahe raawwachuun beekama. Qaama barbaadame tokko irratti oppireeshinii icciitii, saffisaa fi mudaa hin qabne gaggeessuun to'achuu ykn ajjeesuuf hojjetu.

Ajaja Oppireeshinii Addaa US jalatti hojjeta. Kan isaan bobbaafaman ammoo yeroo ergamni siyaasaa ykn istraateejii addaa US jiraatu, ergama lubbuu oolchuu adda tahe fa'aaf bobbaafama.

Yeroo bobbaafaman garuu icciitiin waan taheef ergamni isaanii kun yeroo baay'ee uummataaf hin ibsaman.

Namoonni baay'een akkuma waan fiilmii keessatti beekanii qofatti ilaalu. Fiilmiiwwan Hooliiwuud keessatti bara 1986 Chaak Nooris hojjechuun agarsiiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fiilmichis Delta Force' jedhamee beekama ture. Yeroo sana humni kun hundaa'ee umurii waggaa 10 gadii qaba ture.

Humni addaa kun oppireehsinii Iraaq keessatti gaggeefamaa ture keessatti muuxannoo guddaa qaba.

Jalqaba bara 1991 achiin booda ammoo bara 2003 bobbaafamuun ergama isaanii bahataniiru.

Al Qaayidaan Iraaq keessatti hidda gadi fageeffachaa adeemuun akka humni kun irra deddeebiin biyyicha keessatti oppireehsinii guddaaf bobba'u taasiseera.

Humni Deeltaa ykn Delta Force jalqaba bara 1979 hundaa'e. Kunis shororkeessummaan akka idil-addunyaatti dabalaa deemnaan akka garee lubbuu baraaruu fi humna kana irratti haleellaa gaggeessuutti hundaa'e.

Ergmani isaanii jalqabaa 'Operation Egale Claw' jedhamuun kan beekamu yoo tahu, hojjettoota Imbaasii Ameerikaa Iraan keessatti butamanii ture baraaruu ture.

Kunis bara 1980 keessadha. Ergamichi akka barbaadetti milkaa'uu baatus fiilmota adda addaa keessatti garuu agarsiifameera.

Fiilmota ergama kana irratti hojjetaman keessaa muraasni 'Argo' kan Been Afleekiin daarikt tahe, 'Desert One' Barbaraa Koopil kan daarikti goote fa'aa caqasuun danda'ama.

Yeroo Ameerikaan Iraaq weerarte humni Saadaam Huseen to'ate humna addaa Delta jedhamu kana ture.

Bara 2014 ammoo lammiilee Ameerikaa Sooriyaa keessatti IS'n butaman baraaruuf bobba'uun garuu hin milkoofne.

Humni kun addunyaa irratti leenjii adda tahe qabaachuun beekama. Oppireeshinii yeroo gaggeessan dursamee osoo hin karoorfamiinis yeroo gabaabaa keessatti bobbaafamuu danda'u.

Humna waraanaa Deltaa kan Somaaliyaatti bobba'ee ture

Madda suuraa, AFP

Osoo dhukaasaniis tahe tooftaalee adda addaan bakka ergamanitti cabsanii galanii to'annoo isaanii jala oolchuun beekamu.

Bara 2019 hogganaa ISIS Abu Bakar al- Baagidaadii kan ajjeese humna kana ture.

Humni kun galaanarra socho'ee kan oppireeshinii gaggeesus qaba. Osaamaa Bin Laaden yeroo ajjeefamu humna kanatu bobbaafame.

Humna Deeltaa Adda Waraanaa Somaaliyaatti

Humni Deeltaa kun Adda Waraanaa Mooqaadiishoo keessatti bara 1993 hirmaateera.

Oppireeshiniin kun isa fiilmii 'Black Hawk Down' keessatti kan seeneffamedha.

Ameerikaan jalqaba humna ishee kana kan bobbaaste bara 1992 ture. Kan bobbaafaman garuu Ergama UN deeggarsa namoomaa kennaa ture deeggaruuf turan.

Kufaatii mootummaa Ziyaad Baarree hordofee biyyichatti beelli hammaatee ture.

Haa tahu malee, ajajaan waraanaa yeroo sanaa Mohaammad faaraa Ayidiid jedhamu, ajjeechaa nagaa kabachiiftota UN 24 keessaa harka qabaachuu erga himamee booda haalli achi ture jijjiirame.

Innis xiyyeeffannoo waraana Ameerikaa keessa gale. Oppireeshinii Ameerikaan Waxabajji 1993 keessa gaggeesiteen Somaalonni 70 ajjeefamaniiru.

Yeroo kana Ameerikaan Humna Deeltaa kana bobbaaste. Yeroo sana 'US Rangers' jedhamuun waamamu.

Onkoloolessa 3, 1993 jeneraalichi qondaalota olaanoo kaan waliin hoteela tokko keessatti wal gahii akka qabu humni waraanaa US kun odeeffannoo argate.

Loltoonni Ameerikaa haleellaa qilleensarraa daqiiqaa 90 fudhata jedhanii yaadan gaggeessuu eegalan.

Haa tahu malee, akka isaan yaadan tahuu dhiisee waraana sa'a 17 fudhate tahe.

Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa beekamaan 'Black Hawk' lama rukutamuun kufe.

Loltoonni US 18 tahan ajjeefaman. Paayileetiin isaanis qabamee ture. Ameerikaan gatii guddaa Somaaliyaa keessatti kaffalte.

Kun ajajaa waraanaa yeroo sanaa Mohaammad Faaraa to'achuuf jetteeti. Fiilmiin 'Black Hawk Down' jedhus kanumarratti hojjetame.

Ergasii Ameerikaan ergamoota addaa raawwattuuf leenjii addunyaa irratti adda tahe kennuun 'Delta Force' warra jedhaman kanneen jabeesite.

Tiraamp biyya lafaa irratti ergama akka Venezuweelaa kana humni waraanaa raawwachuu danda'u hin jiru kan jedhaniifis kanaafi.

Humna Delta kanatu raawwate.