Veenzuweelaan boba'aa hangam qabdi? Tiraamp boba'aa kana argataa?

Buufata oomisha boba'aa Venezuweelaa

Madda suuraa, Reuters

Doonaald Tiraamp erga Pirezidant Nikolaas Maaduuroo to'atee booda ijasaa gara kuufama boba'aa biyyattiitti naannesseera. Hanga ce'umsi naga qabeessi ta'utti US biyyattii akka bulchitu hime.

Tiraamp dhaabbileen boba'aa US maallaqa biliyoonaan gara biyya Ameerikaa Kibbaa kana dhangalaasan barbaada.

Veenzuweelaan kuufama boba'aa jikitaa hedduu qabaachuun addunyaarraa adda dureedha. Tiraamp qabeenya hin tuttuqamne kan barbaada.

Kaampaaniiwwan US bu'uuraalee boba'aa Veenzuweelaa miidhaman suphuuf ni gargaaru, biyyattiifis maallaqa ni uumu jedhe.

Ogeeyyiin garuu karoorrii Tiraamp kun danqaa hedduu akka qabaatu himu. Omisha boba'aa sadarkaa barbaadamuuun gahuuf gatii doolaara biliyoona hedduufi waggoota dheeraa gaafata.

Dhugumatti US kuufama boba'aa Veenzuweelaa to'achuu dandeessii? Karoorri Tiraamp ni hojjetaa?

Boba'aa barmela biliyoona 303 ta'u qabaachuun Veenzuweelaan addunyaarratti biyya kuufama boba'aa isa guddaa qabduudha.

Bira qabaan garuu hangi boba'aa biyyattiin omishaa jirtuu baayyee xiqqaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hammi boba'aa omishanii jalqaba bara 2000 irraa kaasee akka malee gadi bu'aa adeemeera. Bulchiinsi pireziantoota duraanii Huugoo Chaaveeziifi kan amma gugfame Nikolaas Maaduuroo kaampanii boba'aa mootummaa, PDVSA irratti to'annoo cimsuun sababa ijoodha. Sababa kanaattis ogeeyyii hedduun muuxannoo qaban baqataniiru.

Ammoo kaampaaniiwwan US akka Chevron fi kanneen biyyoota lixaa biroonis ni jiru. US gurgurtaa boba'aarratti qoqqobbii kaahuusheen walqabatee garuu hangi boba'aa omishanii laafaadha. Kaayyoon US Maaduuroon bu'uura diinagdee biyyattii kanarraa hedduu akka hin fayyadamne dhorkuudha.

Qoqqobbiin jalqabaa US Veenzuweelaarra keesse bara 2015 bara Baaraak Obaamaa kan kaahame yeroo ta'u, sarbama mirga namoomaa biyyattiin raawwattu ilaalchisee irra kaahame. Sababa sanaatti inveestimeentiin damee boba'aarratti godhamu laafe, meeshaalee hojii omisha boba'aaf barbaachisan argachuunis rakkoo itti ta'e.

Bu'urri misooma boba'aa biyyattii akka malee miidhamuun rakkoo ta'e.

Sadaasa darbe biyyattiin guyyaatti boba'aa barmeela 860,000 ta'u omishaa akka turte ragaan Ejensii Anniisaa Idila addunyaa ni agarsiisa.

Kunimmoo isa bara 10 dura omishaa turteerraa harka tokko sadaffaa qofa. Boba'aa addunyaarratti barbaadamu keessaa dhibbentaa tokko qofa gumaachiti jechuudha.

Jikita boba'aa biyyattiin qabdu heavy, sour jedhama. Qulqulleessuun hojii ulfaataadha. Ammoo beenzilaafi aspaaltii tolchuuf baayyee gargaara. US gama isheen boba'aa light, sweet jedhamu kan peeroolii ta'u omishti.

US Maaduuroo to'achuushee dura taankaroota boba'aa lama qarqara galaanaa Veenzuweelaarraa to'atteetti. taankaroota biyyattii bahaniifi seenanirrattisuggura keesseetti.

Ogeessi Homaayuun Falaakishaahii jedhamu yaada BBCf kenneen Veenzuweelaa keessatti hojii damee boba'aatti wanti rakkoo ta'e biraan dhimma seeraafi siyaasa wajjin walqabateedha jedha.

Biyyattii keessatti hojii boba'aa hojjechuuf mootummaa biyyattii waliin waliigaltee raawwachuun barbaachisa, kanaafimmoo namni Maaduuroo bakka bu'uu ni barbaachisa jedha.

''Osoodhuma halli siyaasaa tasgabbaa'ees adeemsi kun ji'oota fudhata'' kan jedhu ogeessi kun kaampaaniiwwan hiree Tiraamp Veenzuweelaatti uume fayyadamuuf mootummaa haaraa waliin waliigaltee raawwachuu qabu jedha.

Humna omisha boba'aa Venzuweelaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf doolaara biliyoona hedduufi waggoota baayyee gaafatas jedha.

Akka ogeessi biraa Neel Shiiriing jedhutti osoodhuma Veenzuweelaa gara gahumshee duraaniitti deebitee guyyaatti boa'aa barmeela miliyoona sadii omishuu dandeessee biyyoota addunyaa boba'aa hedduu omishan 10 keessaa tokko ta'uu hin dandeessu.

Ammoo ammatti sabab omisha guddaa biyyoota OPEC fi kaaniin hanqinni boba'aa addunyaa mudatee hin jiru jedheera.

Chevron ammatti kaampanii Ameerikaa tokkicha Veenzuweelaa keessaatti boba'aa omishuuf hayyama argateedha. Bara Joo Baayidan keessa bara 2022 hayyama hojii argate. garuummoo qoqqobbiin isa miidheera.

Kaampaaniichi harka tokko shanaaffaa barbaacha boba'aa baasuui qabata.

Akka Falakshaahii jedhutti dhaabbileen biyyoota alaa kaan hiree amma uumameetti fayydamuuf itti yaadaa haa jiraataniyyuu malee, baasiinsaas salphaa ta'uu baatus qabeenya jirurraa yeroo ilaalamu bu'aansaa olaanaa akka ta'u amana.