Badhaafamtuun Noobeelii Nagaa waa'ee Tiraamp maal jette?

Madda suuraa, AP
Badhaasa Noobeelii Nagaa kan injifatte, dubartiin siyaasaa paartii mormituu Veenzuweelaa Maariyaa Koorinaa Machaadoo, hojii pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''nagaa addunyaaf'' hojjechaa jiraniif galata guddaa qabu jechuun BBCtti dubbatte.
Nama siyaasaa paartii mormituu Veenzuweelaa kan ta'an Machadon, pirezidaantii Niikoolaas Maaduroo kan waggoota 12 aangoo irra seeraan ala turuun ilaalaman irratti duula gaggeessaa turan.
Badhaasa Noobeelii Nageenyaa bara 2025 kan injifatte dubartiin kun akka BBC' tti himtetti, badhaasicha argachuushee erga bartee booda bilbilaan Tiraampitti akka himtetti, ''ummanni Veenzuweelaa waan nagaa, bilisummaa fi dimokiraasiif hojjechaa jiruuf, Ameerikaa qofa osoo hin taane guutuu addunyaatti akka galateeffatu'' himteetti.
Tiraamp irra deddeebiin waraana torba xumurree badhaasni kun akka isaaniif malu himachaa turaniiru.
Adeemsi kaadhimamaa badhaasa Noobeelii Nageenyaa yeroo Tiraamp baatii Amajjii aangoo qabatanii xumurame.
Qondaalli Waayit Haawus Jimaata darbe akka jedhanitti, koreen Noobeelii "nagaa dursa siyaasa kaa'aa akka jiru irra deebi'ee mirkaneessee jira," jedhan.
Machaadoon pirezidaantii Ameerikaa waliin haasa'uu isheetti "baay'ee akka gammadde" fi "dinqisiifannaa keenya dabarsuu dandeesse" jetteetti.
Namichi siyaasaa mormituu ganna 58 kun waggaa darbe keessaa harka caalu dhokatee dabarseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Koreen Noobeelii gocha Machado "gocha gaarummaa dhuunfaa gootummaa yeroo dhiyoo asitti Laatiin Ameerikaa keessatti mul'ate keessaa isa tokko" jechuun jajateera.
Dura taa'aan Koree Noobeelii Jörgen Wattenfeld "motummaa abbaa irree irraa gara dimokiraasiitti ce'umsa haqaa fi nagaa fiduuf qabsoo taasifteen beekamtii argachaa jirti" jedhan.
Itti dabaluudhaanis, "lubbuu ishii irratti balaa guddaa kan geessisu taʼus, biyyashee keessa kan turte siʼa taʼu, filannoonshee namoota miliyoonaan lakkaaʼaman kakaase" jedheera.
Machaadoon filannoo pirezidaantummaa bara darbee irratti akka hin hirmaanne dhorkamee ture, Maaduroon marsaa sadaffaaf injifate.
Filannoon kun bilisas ta'ee haqa qabeessa miti jechuun taajjabdoonni idil addunyaatiin bal'inaan kan balaaleffatan yoo ta'u, mormii guutuu biyyattii kaase.
Erga akka hin dorgomne dhorkamtee booda mormitoota biyyattii gadi fageenyaan qoqqoodame tokkoomsuu dandeesseetti, lammiilee Veenzuweelaa miliyoonaan lakkaa'aman nama hin jaallatamne Edmundo González duuba hiriirtee jirti.
Bu'aan filannoo kanaa Goonzaalez sigiga lafaatiin akka injifate agarsiisus, Manni Maree Filannoo Biyyaalessaa mootummaan to'atu Maaduroo akka injifate labseera; Machadoo mootummaan Maduuroo akka hin dhokanne mormuu itti fufeera.
Machadoon BBC Mundo'tti akka himtetti, badhaasni isheef kenname kun sochii siyaasaa isheetiif ''akka talaalliitti'' akka ishee fayyadu himteetti.
Itti dabaluunis "Ummata Veenzuweelaaf humna, abdii fi jabeenya kenna," jette.
Kana malees "Demokraatonni addunyaa guutuu qabsoo keenya qooddatu" jetteetti.
Tiraamp fi hawaasni addunyaa haala siyaasaa Veenzuweelaa gargaaraa akka jiran kan hubattu ta'uulle himte.
''Sirni mootummaa Veenzuweelaa caasaa yakkamaa ta'uu fi gocha seeraan alaan sirna yakkamaa kana itti fufsiisuu danda'aniiru,'' jedhan.
"Hawaasni addunyaa malaanmaltummaa qofaaf osoo hin taane, cunqursaa, jeequmsaa fi shororkeessummaaf oolu akka dhaabu barbaanna.Kanaaf daldala qoricha sammuu namaa hadoochu, daldalli warqee, daldala meeshaa waraanaa, daldala namaa ykn boba'aa gabaa gurraachatti taasifamu yeroo addaan citu sirnichi ni kufa. kanammoo waan argaa jirruudha" jedhan.
Jalqaba baatii kanaa waraanni Ameerikaa qarqara galaanaa Veenzuweelaatti bidiruu qoricha sammuu namaa hadoochu seeraan alaa daddabarsaa jedhe irratti haleellaaraawwateen namoota afur ajjeesee ture.
Venezu'eelaa fi Kolombiyaan tarkaanfii Ameerikaa kana kan morman yoo ta'u, ogeeyyiin seeraa idil-addunyaa tokko tokkos haleellaan kun seera addunyaa cabsuudha jedhaniiru.
Kamisa darbe prezidaantiin Kolombiyaa Gustaavo Peetroo bidiruuwwan kunneen keessaa tokko kan''lammiilee Kolombiyaa feetee turte akka taate himuun himannaa Waayit Haawus ''bu'uura hin qabne'' jechuun kuffisan.












