Kutaa murteen badhaasa Noobeelii Nagaa itti darbu- Tiraamp hawwiisaa argataa?

Bara 1901 irraa kaasee dhoksaatti, yoom akka walgahuuf jedhanillee osoo hin ibsiin, gaazexessitootas osoo hin affeeriin injifataa badhaasa Noobeelii Nagaa bara baraan himaa bahan.
Miseensonni Koree Noobeelii Noorweey- warra badhaasa maqaa guddaa addunyaa kanaa tiksan. Jimaata kanas injifataa badhaasa Noobeelii Nagaa bara kanaa ifa godhu.
BBCf gaazexessaan biyyaalessaa Noorweey seenaa badhaasichaa waggaa 125 keessatti yeroo duraaf kutaa murteen itti kennamu seenaniiru. Adeemsasaa hanga ta'es baruu danda'aniiru.
Miseensonni koree kanaa shan barreessaa olaana korichaa waliin kutaa Inistitiyuutii Noobeelii Osloo tokko keessa walitti naanna'anii mariyatanii murteessu.
Murtee dhumaa kennuf kan walargan Wiixata ganama, injifataa beeksisuuf guyyoonni afur wayita hafanitti.
''Ni mariyanna, ni falmina, miira ho'aatu jira'' jedha Dura taa'aan Koree Noobeelii Joogeen Waan Firaayidnes. ''Ammoo nuti qaroodha, waggaa waggaan murtee waliigalteerratti hundaa'e dabarsina'' jedhe.
Fedha Noobel irraatti hundaa'uun ulaagaa bara 1895 qophaaye irratti hundaa'uun nama biyyoota gidduutti nagaa buuse, waldura dhaabbannaa waraanaa hambiseefi nagaa labseef kennama.
Turtii muraasa booda gaazexessitootni kutaa murteessaa kana gadhiisanii akka bahan ta'e. Yeroo murteen kennamutu gahe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariiwwan dhimma kanaa keessatti maqaan irra deddeebiin ka'e kan Doonaald Tiraampi.
Hogganaan biyya humna qabeettii addunyaa kanaa, badhaasa guddicha addunyaa kana akka malee barbaada.
Waltajjiiwwan adda addaarratti yeroo haasaa godhu ''waraanota torba nagaan akka xumuraman godheera'' jechuun dubbata.
Badhaasni kun akka maluuf yoo himu, ''namni hunduu ani akkan fudhachuu qabu dubbata'' jedhe ji'a darbe Varjiiniyaatti wayita loltootatti dubbatu.
''Nama waa hin hojjenneef kennu, nama sammuu Doonaald Tiraamp jedhee kitaaba barreesse fa'iif kennu...biyya keenyaaf kun arrabsoo guddaadha.''
Hogganootni addunyaas wanta inni hawwu akka ta'e hubataniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu Waayit Haawusitti Tiraampiin kaadhimuu himan, Pirezidantiin Azerbaajiyaan Tiraampiin badhaasichi sii mala jedhan. Mootummaan Paakistaan si kaadhimneerra jedhe.
Kaabineen Tiraampis ejjennoo ni malaaf jedhu qabateera.
Ergamaan addaa Istiiv Wiitkoof fedhiinsaa tokkichi koreen Noobeelii ''seenaa badhaasichaa keessatti nama tokkicha tolchee maluuf'' Tiraampiif beekamtii akka kennu ta'uu hime.
Firaayidnes nama filatamu ilaalchisee dhiibbaan godhamaa jiraachuu hin haalu.
''Waggaa waggaan xalayaa kumaatama, imeelii, gaaffiiwwaniifi namoota kan filatamuu qabu kana jedhu simanna- duulli, dhiibbaan jira...haaraa miti'' jedha.
Gama dippiloomaasiitiinis dhiibbaan jiraachuu akka hubatan ibseera.
''Addunyaan dhagahaa akka jirtu, mariyachaa akka jirtu, marichi nagaan akka itti dhufurratti ta'uunsaa waan gaariidha. Filannoo keenyarratti cimoofi qajeeltoo bu'uureffachuun itti fufuu qabna...sun hojii keenya.''
Miidiyaaleen Noorweey Tiraamp hogganaa NATO duraanii lammii Noorwaay ta'e Jeens Istootisbergitti bilbiluun dhiibbaa akka uumuuf gaafachuu gabaasaniiru.
Tiraamp yoo badhaasicha injifachuu baate biyyattiirraan miidhaa gahuu malaa?yaadni jedhus dhagaahamaa jira.
Wantoota adeemaa jiranirraa Tiraamp injifachuu mala yaadni jedhullee deemaa jira.
Bulchiinsi Tiraamp dhaabbilee idila addunyaa akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, waliigaltee dhimma qilleensaa Paaris fa'a keessaa baheera. Fedhii Tiraamp Giriinlaandiin Deenmaarkirraa fudhachuuf qabu gaafa ilaaltu...kun walta'insa addunyaa irratti hin gumaachine akka jechuu ta'a'' jetti ogeettiin dhimma nagaa addunyaa Niinaa Gireegar.
Mormitootarratti tarkaanfiin fudhatu, qeeqni gaazexessitootaafi ogeeyyii damee barnootaarratti kaasu walitti daddabalamee ''kallattiin irra jiru kan nagaa miti jechisiisa'' jetti.
Bara kana badhaasa kanaaf kan kaadhimaman namoota 338ti. Kaadhimuun kan xumurame Amajjii darbe. Yeros Tiraamp reefuma Waayit Haawusitti deebi'a.
Ammoo karoorrisaa waraana Gaazaa dhaabuu yoo milkaahe bara dhufuuf morkataa jabaa ta'a mette tilmaamti.












