Awwal Aloo (PhD): 'Wantoota ni ta'a jedhamee hin yaadamne dalagan'

Dr. Awwal Aloo

Dhaabbileee ykn namoota dhuunfaa MM Abiy Ahimadiin badhaasa Noobeelii Nagaaf kaadhiman keessaa Yunivarsitii Keel biyya Ingilaanditti argamutti kan barsiisaan Awal Aloo (PhD)tokko.

MM Abiy Ahimad erga aangoo qabatanii yeroo gabaaba keessatti ''wantoota ni ta'a jedhamee hin yaadamne'' dalaguun isaanii ''keessumatti ammoo nageenyaa gaanfa Afrikaatti buusuuf hojii hojjetanirraa'' kan ka'ee isaan kaadhimu BBC'ttii himan.

''Biyyattis, naannoorratti wanta abdii guddaa namatti horu, wanta namoonni baayyeen hin ta'aa hin dalagama jedhee hin yaadne dalagaa ture.

Irra caalaa ammoo naannoo Gaanfa Afrikaatti tasgabbiifi nagaa buusuudhaaf, waayee nagaa irra deddeebiin bakka gahe hundatti hawaasaaf himaa ture'' jechuun hojiilee MM Abiy akka isaan kaadhiman godhe yaadatu.

Itti gaafatama guddaa fudhachuun rakkinna Eertiraa wajjin jiru hiikuuf kutannoofi tattaaffiin godhan bakka olaanaa akka qabu Dr. Awwal himan.

Ulaagaan Koreen badhaasa Noobeelii kaahe, ''nama addunyaarratti gaarii ta'e hin jedhu, nama nagaafi tasgabbiidhaaf waggaa darbe dalagaa olaanaaa dalage jedha'' kan waan guutaniifin kaadhime jedha.

Koreen kun namoota kaadhimamaa dhiyeessuu danda'u jedhee kahe waan guutaniif kaadhimuun qaba jedhee kaadhimes jedhu.

Yaadni isaanii ijoon ammoo hojiilee hanga ammaatti hojjetaniif beekamtii kennuufi hojiilee gara fuula duratti hojjetaniif ammoo akka utubaa ta'u himan barsiisaan seeraa kun.

Yeroo Koreen badhaasa kana kennu injiftaa beeksisu miirri gammachuu guddaan tti dhagaahamuu dubbatu.

''Injifannoo seena qabeesa, injifannoo nama tokkoo qofa osoo hin taane, injiifannoo uummata Oromoo, kan Itoophiyaa, kan Afrikaa fi kan gurraachaa godheetiniin fudhadhe.''

''Namni Oromoo tokko kan aangoorra jiru, wanta akkanaatiin maqaan isaa beekamee bdhaasa kana argaachuun, ilaalacha namni uuf qabu kan jijjjiiru jedhee waan ilaaleef baayyeen itti gammadee'' jedhu.

Badhaasni kun dhuguma ni malaafi?

Dhimma nageenyaa biyya keessa jirurraa kan ka'e badhaasni kuni namoonni hin maluuf jedhan jiru.

Kana irratti yaada isaanii kan kennan Dr. Awwal, badhaasni kun maaliif kennama gaaffii jedhu ilaaluun barbaachisaadha jedhu.

''Badhaasni kun nama gaarii, bareeda ta'eef ykn hunda milkeesseef miti kan kennamu, nagaafi tasgabbii keessattuu biyyoota lamaan gidduuttii fiduun wanti Ministirri muummuchaa dalage badhaasaaf kan isa gahu moo miti, yoo jette anaaf deebiin kanaa salphaa ture ammas salphaadha.''

Kana bira daree koreen badhaasa kana kennu irratti mormee mariyatee kan murteesseefis waan isaaniif maluufi jedhu.

Akka Oromoo tokkootti kaniin yaadu...

''Akka Oromootti yeroo ilaalluu namootni tokko tokko mufatanii booha taa'uun waan mul'atu. Ani akka Oromoo tokkootti anaaf Oromoon tokko , namni lammii Itoophiyaa ta'e, namni lammii Afrikaa ta'e, namni gurraacha ta'e badhaasa kana mo'achuun waan guddaadha.''

Oromiyaa keessatti naannoleen nagaa dhaban osoo jiranii akkamittii badhaasa kana argatu namootni jedhan miidiyaa hawaasummaarratti gaaffii kaasaniif Dr. Awwal Nageenyi nama tokko qofaan hin dhufuu jedhu.

''Hojii nageenya buusuu nama tokokon akka ta'uuttii yoo ni yaadna ta'e dogoggorarraa ka'aa jirraa kan jedhan hayyuun kun, hojiin kun gahee namoota hedduu barbaadaa'' jedhan.

''Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa jiru keessa qaamoleen harka qaban eenyu fa'a akka ta'an ilaaluun barbaachisaadha, Ertiraa Itoophiyaa gidduutti nageenya bu'een walqabatees nageenyi guutuu miti jedhanii kan qeeqan jiru.

Kunnin rakkoolee kallattiin qaama isaan laallatu waan qabaniif kan MM ilaallatu natti hin fakkaatu.''

Biyya keessaa fi alatti rakkoon uumamuu danda'a kan ilaalamuu qabu yaalii gahaa ta'e gochuudhaas jedhan.