Badhaasni Noobelii Nagaa 2018 ifa ta'eera

Denis Mukwege fi Nadia Murad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Denis Mukwege fi Nadia Murad

Badhaasa Noobeelii Nagaa baranaa namoonni lama Denis Mukwege fi Nadia Murad jedhaman qooddataniiru.

Jarri lamaan kun miidhaa saalaa dhabamsiisuuf hojii hojjetaniif badhaasni kun kennamuufi dhaabbatichi beeksiseera.

Koree badhaasichaa miseensoota shan hammatees, kaadhimamtoonni badhaasa Noobelii nageenyaa bara kanaa 331 akka ta'ee beeksiisee ture.

Kanneen keessaayis 216 ta'an namoota dhuunfaan yoo ta'an isaan hafan 115 ammoo gareen ta'uusaanii korichi beeksiiseera.

Haala hojiimaata badhaasa Noobeelittiin, kaadhimamtoonni ummataaf ifa kan taasifaman waggoota 50n booda.

Kaadhimamtoonni eenyuu fa'i akka ta'an beekamuu baatulleen, namoonni baayyeen garuu badhaasa bara kanaa eenyu mo'achuu akka danda'u tilmaama mataasaanii kennaa turan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, MM Abiy Ahimad guyyoota 100 keessatti garamitti imalan, maal hojjetan?

Aanga'oonni Kooriyaa lamaan kanneen tilmaamni dursaa keennameef keessatti argamu. Dureen Kooriyaa Kaabaa haala eegumsa mirgoota naamomaatiin irra deeddeebiin himataman illeen.

Tarkaanfiin oggannaa Kooriyaa Kibbaa waliin ta'uun waldhabdee biyyoota lamaa jidduu waggoota hedduuf ture hambisuuf fudhatan bdhaasichaaf filatamoo isaan taasisa kan jedhan baayyeedha.

Kanneen badhaasicha ni argatu jedhamee tilmaame keessaa Donaald Tiraamp isaan tokko. Donaald nageenya jiddugala bahaatti buufiifi akkasumas Kooriyaa Kaabaa misooma nikulaaraa akka dhaabduuf sochiin taasisan badhaasicha akka mo'atan akka isaan taasisu tilmaama.

Namoota gocha adda addaa raawwatan hedduunis badhaasa bara kanaatiif tilmaamaniiru.

Akka Itoophiyaattis namoonni hedduun MM Dr. Abiy Ahimad badhaasa kana ni mo'atu jechaa turan.

Minisirri Mummee erga gara taayitaatti dhufanii booda ogganaa deeggarsa ummataa olaanaa argatan ta'uu qofa osoo hintaane, badhaasa nageenyaa kana akka mo'ataniif duulli midiyaalee hawaasummaa irratti bal'inaan gaggeefamaa tureera.

line

Adeemsa filannoo badhaasa Noobelii Nagaa

Akka odeeffannoon marsariitii Badhaasa Noobeeli www.nobelprize.org irraa arganne ibsutti namni kamuu kaadhimamaa badhaasa kanaa eeruu danda'a.

Haata'u malee sirna filmaata injifataa badhaasa kanaa keessatti tartiibni hojii fi yeroo hojiileen kun itti hojjetamanii ifatti kaahameera.

  • Fulbaana

Ji'a kana keessa koreen badhaasa Nobeelii Noorweey kaadhimamtoota simachuuf qophaa'a. Kaadhimamtootnis qaamolee mootummaa fi miti mootummaa garaagaraan dhiyaachuu danda'u.

Koreen kun Fulbaanaa hanga Guraandhalaatti ji'oota 6 jiran gidduutti kaadhimatoota simachuu itti fufa.

  • Guraandhala

Guraandhalli ji'a xumuraa galmeen kaadhimamtootaa itti goolabamuudha. Namootnii fi dhaabbileen badhaasa kanaaf dorgomuu danda'an guyyaa jalqabaa ji'a Guraadhalaan dura koree Kanaan beekamuu qabu.

Haata'u malee miseensonni koree Noobeelii yeroon galmee erga xumuramee booda walgahii isaanii isa jalqabaarratti kaadhimamaa dabalataa dhiyeessuu danda'u.

Filmaatni yeroo kan booda dhiyaatu kamuus badhaasa bara sanaa keessatti waan hin ilaalamneef filannoo bara ittaanuuf dabarfama.

Guraandhalaafi Bitootessa keessa koreen badhaasa Noobeelii Noorweey, hojiilee kaadhimtootaa gurguddoo gamaagamuun maqaa kaadhimamtoota carraa mo'achuu qabani tarreessa.

  • Bitootessa- Waxabajjii

Bitootessaa- Waxabajjiitti ammoo hojii gamaagama dabalataa ''adviser review'' jedhamutu dalagama.

Badhaasa Nobeelii Nagaa Nelson Maandellaan argatan

Madda suuraa, AFP

  • Onkoloolessa

Onkoloolessa bara itti aanuutti koreen Noobelii, injifataa badhaasa Noobeelii bu'aa gamaaggama hojii kaadhimamtotaarratti hunda'uun waliigalteen filata.

Koreen kun waliigaluu yoo baate sagalee lakkahuun kaadhimamaa sagalee caalmaa argatetu badhaasicha injifata.

Murteen kuni murtee isa dhumaa ol iyyannoo hin qabne ta'a.

  • Mudde

Ji'a Mudde keessas injifataan badhaasa Noobeelii nagaa addunyaa sirna ho'aan biyya Noorwaay magaala Oslootti meedaaliyaa Noobeliifi Dippiloomaa akkasumas maallaqa badhasaaf murtaa'e fudhata.