Alfired Noobel, namni badhaasa Noobeelii duuba jiru eenyu?

Siidaa Alfreed Noobeelii Niiw Yoorkitti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Alfreed Noobeelii Niiw Yoorkitti argamu

Badhaasni Noobeelii lammii Siwidiin Alfired Noobeeliin hundeeffe badhaasawwan adda addaa namoonni hojii gaarii addunyaa irratti raawwachuun badhaafaman yoo ta'u akka kabaja olaanaa addunyaatti ilaalama.

Injifattoonni badhaasa Noobeelii damee adda addaa bara 2024 hundis torban kana kan ifooman yoo ta’u, injifataan badhaasa Noobeelii nagaa ammoo Jimaata kana ifooma.

Namni badhaasa kana duuba jiru abbaa qabeenyaa daldalaafi injinarri lammii Siwiidin Alfireed Noobel badhaasni kun waggaa waggaan namoota hojii fakkeenya ta'e hojjataniif akka kennamuuf qabeenya isaa guutuu arjoome darbe.

Alfireed Noobeel nama Daayinamiitii kalaquun beekamu yoo ta'u, akkasumammoo addunyaan meeshaa waraanaa guddaa inni hojjateen akka wal hin balleessineef jedhee badhaasa nagaa hundeessuu seenaan isaa kan himu.

Alfireed Noobeel akkamitti qabeenya isaa horate?

Suuraa imaanu'eel Noobeel halluun hojjatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan Alfired Noobel, Imaanu'eel injinarii fi kalaqaa ture

Alfireed Noobel bara 1833tti Istookhoolmitti dhalate. Abbaan isaa Imaanu'eel Noobel kalaqawwan hedduu kan akka boorsaa dugda loltootaaf ta'u, walitti dadacha'uu fi irra rafuuf gargaaru faa hojjate.

Haataʼu malee, bara 1833tti daldalli isaa waan kufeef, bara 1837tti dhabbilee liqii isaaf kennan jalaa miliquuf Siwiidin irraa gara Raashiyaa Seenti Piiteersbargitti baqate.

Maatii warra impaayera mootummaa irraa kan dhufte haati Alfireed Noobel, Andirette Ahlseel, waggoota shanan itti aananiif, maatii kunuunsuuf Istookoholmi keessatti haftee, mana gurgurtaa nyaataa wayii banuu jireenya ishee geggeessaa turte.

Akka seenaa jireenyaa Noobel Ingriid Kaarlbargiin barreeffame ibsutti, mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti Alfreed (kan gara kalaqa 355 irratti niirga abbeentaa argate) kutaa daa'imman rakkoo barumsaa qabanii akka barsiisuuf ramadame.

Imaanu'eel Noobel waraana Raashiyaadhaaf meeshaalee dhiyeessuuf Seenti Piiteerisbargi keessatti 'workshop' hundeesse, akkasumas humni galaanaa Raashiyaa albuuda galaanaa isaa akka fayyadamu amansiise. (Kanneen kan yeroo Waraana Kiriimiyaa bara 1853-1856tti Seenti Piiteersbargi dooniiwwan waraanaa Ingiliziitiin akka hin rukutamne eeguuf itti fayyadamaa turan.)

Daldalli isaa kun cimuun bara 1842 maatiin Swiidinitti hafe gara Raashiyaa deemuun bakka tokkotti deebi'an.

Alfreedii fi obboleessi isaa barsiisota dhuunfaatiin saayinsii fi afaanota baratu.

Bara 1850tti Amaanu'eel barnoota keemistirii akka itti fufuuf ilmasaa Alfireed gara Paaris erge. Achittis nama kalaqa 'naayitiroogiliiseriinii' saayintistii Xaaliyaanii Askaaniyoo Sobreeroo jedhamu waliin wal bare.

Daayinamiitii Jaarraa 19ffaa keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alfred Nobel waggoota dheeraaf daayinamiitii naayitiroogiliiseeriinii irraa hojjechuudhaan dabarseera

Waanti Sobreroon kalaqe dhangalaʼaa baayʼee dhooʼu ture, jechuunis humna baarudaa caalaa dachaa hedduu kan qabu, akkasumas baayʼee kan jijjiiramu ture.

Jijjiirama ho’aan ykn dhiibbaa wayiif yoo saaxilame ni dhoo’a. Alfred Nobel yoo akka gaariitti akka to'atamu taasifamee bu'aa guddaa fiduu danda'a jedhee yaade

Bara 1863tti daldalli Imaanu'eel Noobel Raashiyaa keessatti qabu kufe (daldalli achitti ture erga Waraanni Kiriimiyaa xumuramee booda goge), innis gara Istookhoolmitti deebi'e. Inniifi Alfireedis yaaliin naayitiroogiliiseriin gochuu jalqaban.

Bara 1864tti, buufatni keemikaala kana of keessaa qabu dhohee obboleessa Alfired Emil dabalatee namoota hedduun ajjeese.

Angawoonni Istookhoolm daangaa magaalattii keessatti waan dhowu irratti yaaliin akka hin godhamne kan dhorkan yoo ta'u, Noobeliin mana hojii isaanii gara Vinterviken, qarqara galaanaa Istookhoolmiin ala jirutti jijjiiran.


Riqichi olka'aa daayinamiitiin diigamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daayinamiitiin Noobeelii waa diiguuf akkasumas dhagaa ykn lafa dhoosuuf bal'inaan itti fayyadamama.

Bara 1866tti, Alfireed Noobel naayitiroogiliiseeriinii cirracha gaarii (afaan Siwiidiniin kiyeselguher jedhamuun beekamu) wajjin walitti makuun karaa ittin fashaleessuun danda'amu bira ga'e.

Daayinamiitiin bolla gadi fagoo qotuuf, gaaraa kutee daandiin akka hojjatamuuf, lafa dhagaa meeshaa biraan qotuuf rakkisu kamittu bool'a keessa ka'amiuun dho'ee adda babaasa

Dhootuu haaraa kana “daayinaamiitii” jedhamee moggaafame bara 1867tti ture. Alfireed Noobelis mirga Abbeentaa (patent right) itti argate

Achiin boodas Addunyaa guutuutti hojii albuuda baasuu, dhagaa baasuu, diiguu fi ijaarsa daandii fi baaburaa keessatti fayyadamuu jalqabe.

Akkasumas yeroo Waraana Ispeen fi Ameerikaa bara 1898tti “qawwee daayinamitii” tti fayyadamamaa ture.

Badhaasni Noobeelii akkamitti hundeeffame?


Meedaaliyaa badhaasa Noobeelii qorichaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Badhaasni Noobeelii saayinsii fi ogbarruu addunyaa irratti kabaja olaanaa ta'ee fudhatama
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Alfired Nobel bara 1896 yeroo du’utti, warshaalee sibiilaa hedduu kan biyya Siwiidin Boforsi jedhamu kan gara warshaa meeshaa waraanaa oomishutti jijjiirame dabalatee biyyoota addunyaa 20 ol keessatti warshaalee 90 qaba ture.

Akkasumas daldala boba'aa obboloonni isaa Raashiyaa keessatti geggeessan irratti invast gochuun qabeenya guddaa horateera.

Noobeeliin qabeenya isaa hunda jechuun ni danda’ama (Kiroonoora Siwiidin miliyoona 31.5, ykn doolaara miliyoona 3) fandii warra damee fiiziksii, keemistiri, qoricha ykn fiiziyoloojii, ogbarruu fi nagaa irratti dhala namaa gargaaruuf hojii guddaa hojjetaniif badhaasa waggaa badhaasuuf gumaacha godhee darbe.

Hojii badhaasa mo'attoota (badhaasa Noobeelii) filachuu ammoo Akkaadaamii Saayinsii Siwiidin kan bara 1884 tti inni miseensa turetti itti gaafatamummaa kenne.

Fedhiin isaa sun akka guutamuuf gargaaraa Noobeeli kan ta'e Ragnar Sohlman kan fandichi akka hundeeffamu gochuuf yaalaa ture waliin maatiin isaa waggoota afuriif mana murtii addunyaa keessatti mormii cimaa taasisan

Dhumarratti mootummaan Siwiidin dhimmichi mana murtii magaalaa xiqqoo Kaarlskogaa jedhamtu keessatti murtaa'uu akka qabu murteesse, Badhaasni Noobeelii akka eegalu taasifame.

Badhaasni Noobeelii inni jalqabaa bara 1901 kan badhaafame yoo ta'u, mo'attoonni akkuma yeroo ammaa kana tokkoon tokkoon isaanii koroonaa miliyoona 9 argatu.

Badhaasni Nagaa maaliif badhaafama?

Qawwee daayinamiitii baabura irratti fe'amee waraana Ispeen fi Ameerikaa bara 1898 keessatti fayyadamamaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daayinamiitiin yeroo waraana Ispeeni fi US bara 1898tti waraanni Ameerikaa fayyadamaa ture

Alfireed Noobeel dhuka'aa hojjatee namootni waan inni uumeen wal ajjeesuu gaabbuun qalbii isaa cabe deebisuuf badhaasa nagaa hundeessuuf murteesse jedhama.

Kana kan sirritti ibsuu danda'u, michummaa Noobeel dubartii Bertha Kinski von Chinick fi Thetau (booda Countess Bertha von Suttner) jedhamtu waliin qabaachuu isaati.

Isheen nama beekamtuu lammii Oostiriyaa fi barreessituu asoosama hedduu gurguramaa ture, 'Lay Down Your Arms,' kan inni yeroo muraasaaf barreessituu isaa godhee qacare turte.

Erga heerumt biraa deemtee booda, Noobeeliin waggoota hedduudhaaf ishee wajjin xalayaa kan barreessaa turte yoo ta'u, sochii nagaa kanaaf maallaqa arjoomuurra badhaasa nagaa akka hundeessu dhiibbaa akka gootetu yaadama.

Bara 1905tti, "sodaachisaa waraanaa mormuuf ija jabina qabaachuu isheetiin" dubartii jalqabaa Badhaasa Noobeelii Nagaa injifattes taate.

Ergasiis namootni dhimma nagaa addunyaa fi biyyootaa irratti hojii fakkeenyummaa qaban waggaa waggaan badhaafamaa jiru.