Miidiyaan hawaasaa attamiin fayyaa qaama saalaa dubartootaa balaadhaaf saaxila?

Dubartii fakkii qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qaamni saalaa dubartootaa kutaa qaamaa waa’eensaa yeroo baayyee ifatti hin mari’atamne ture.

Haata’u malee, dhiheenya kana keessa dhimma fayyaa ykn kunuunsa qaama saala dubartootaan walqabatee suuraaleefi viidiyoowwan baayyeen miidiyaalee hawaasaa gubbaatti yoo qoodaman mul'atu.

Viidiyoowwan namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman ilaalalan kanaanis, omishaalee bocaafi foolii qaama saala dubartootaa jijjiruuf oolanitu beeksiifama.

Ogeessoonni fayyaa wal hormaata garuu omishaaleen kunneen dubartoota kan hin gargaarree ta’uu akkeekkachiisu.

Omishaaleen kunneenis haala qabiyyee fayyinaa umamaan qaama saala dubartootaa irratti argamu (PH) kan miidhaniifi infekshiniif kan saaxilan ta’uu dubbatu ogeessoonni.

Qaamni saalaa dubartootaa teessuma umamaa mataansaa kan qabu yoo ta’u, wantoota nam-tolchee ta’an fayyadamuunis, wantoota umamaa kanarratti dhiibbaa akka qabaatu hakiimiin fayyaa walhormaata dubartootaa, Mujiduugul Zaayifogluu Kaaraakaa ni dubbatti.

‘‘Jalqabarratti yoon shittoo qaama saalaa jedhu dhagahu nan nahe. Qaamaa saalaa dhiirootaaf shittoon hin jiru. Maaliif qaama saalaa dubartootaaf qofa shittoon barbaachise?’’ jechuun gaaffatti.

Istaambulitti barattuu kan taate Iyuul Guuls Kaaraa, dhiibbaa karaa miidiyaa hawaasaatiin dubartootarra gahuun nuffiteetti.

‘‘Waan hawaasni nurraa eegu gochuuf yeroo hunda dhiibbaan nurra jira. Amma ammoo qaamni saalaa keessan ‘baayyee gurraacha’eera’ jedhamaa jirraa?’’ jetti.

‘Qaamni saalaa sirreeffame jedhamu hin jiru’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeessoonni fayyaa gosti qaama saalaa dubartii sirrii ykn baayyee sirriidha jedhamu akka hin jirree dubbatu.

Landanitti kolleejjii Rooyaal kan Ulfaafi Gadameessarratti hojjaturraa Beeriin Taazikaan, ‘‘qaamni saalaa dubartootaa tokko kan kaaniirraa garaagaradha’’ jedhu.

‘‘Qaamni saalaa dubartii kamiiyyu kan biraa waliin bocaanis ta’e fooliidhaan addadha,’’ jedhu.

Dhukkubsattoonni qaamni saalaakoo rakkoo ta’e qaba jechuun gara mana yaalaa akka deeman ibsanii, ‘‘wallaanamtoonni qaamni saalaakoo rakkoo ta’e qaba jechuun yoo dhufan, rakkoo omaa akka hin qabnen itti hima. Qaamnisaanii rakkoo omaa akka hin qabne yoo dhagahan, harki 90 boqonnaatu itti dhagahama’’ jechuun ibsu.

Biyyoota tokko tokkotti garuu dubartoonni haala ogeessoota fayyaa wal hormaataa mariisisuu hin dandeenyee keessa seenu.

Fakkeenyaaf, Iraan keessatti hordoffii fayyaa wal hormaata taasisuun akka waan qaaniitti ilaalama. Kanaaf, waa’ee qaama saala dubartootaa dubbachuun hin baramne.

Ogeessoonni fayyaa tokko tokkos dubartootatti qaaniin akka dhagahamu gochuun balaaleeffatu.

Qaamni saalaa sirrii ykn dogongoraa jedhamu hin jiru

Madda suuraa, Getty Images

Fayyadamtuun toora X tokkos, ‘‘hiriyyaan kiyya tokko walaansa baqaqsanii yaaluu hidhii qaama saalaa hir’isu (labiaplasty) raawwattee jirti. Maaliif wallaansa akkasii raawwattee? jennee gaafanneerra’’ jechuun yaada kennite.

Hiriyaanshee wallaansa akkasii kana raawwattees, ‘‘wallaansa baqaqasanii yaalamuu kana kanan raawwadheef sababii hakiimiin fayya wal hormaata kiyya hidhiin qaama saalakee keessoon isaa fokkisaa maaliif ta’e jedhee sababii na gaafateefidha. Keessoon isaa guddaafi fokkisaadha naan jedhe.

Karri gadameessakee maaliif guddate? naan jedhe. Yoo karaa umamaatiin dahu barbaaddee wallansa baqaqsanii yaalamuu argachuu qabda naan jedhe’’ jechuun deebii kennite.

Wallaansi baqaqsanii yaaluun kunis sababa qaama saala dubartootaa sirreessuuf kan raawwatamu yoo ta’u, keessatuu shamarran biratti baayye baayyataa dhufaa jira.

Gogaa karra qaama saala dubartootaa dachaasuu dabalatee wallaansi baqaqasanii yaaluu boca qaama saala dubartootaa jijjiran adda addaa jiru.

Qaamni saalaa guddachaa waan adeemuuf, keessattu shammarran wagga 18 gadi wallaansa baqaqsanii yaalamuu kana akka raawwataniif hin gorfamu.

Kunis kan dubartoonni wayita qunnamtii saalaa ykn sochii qama raawwatanitti akka mijataa isaniif taasisutti fudhatanii dogoggoraan akka filmaata wallaansaatti fudhata.

Haata’u malee, sababii boca qaama saalaa jijjiruu jedhuutiin qofa dubartoonni wallaansa baqaqasanii yaalamuu raawwatan baayyataa jiru.

Dubartii Biraazil ispoortii maashaa cimsuu hojjattu

Madda suuraa, Instagram.com/valsantanafitt

Wallaansa boca qaama saalaa ‘sirreessuu’

Haala gabaasa dhiheenya kana bahee tokkootti, Awustiraaliyaatti namoonni miliyoonaa walakkaatiin ol ta’an wallaansa kana raawwataniiru ykn raawwachuuf yaadaa jiru.

Barruun Wiimeens Kilz Viiktoriyaa jedhamu, baatii Waxabajjii keessaa odeeffannoo dubartoota 1,030 umuriinsaanii wagga 18 hanga 50 jiran irratti hundaa’uun gabaasa hojjatteera.

Gabaasichi akka jedhutti, dubartoonni wallaansa kana akka taasisaniif dhiibbbaa kan irraan gahan fiilmiiwwan qunnamtii saalaafi miidiyaalee hawaasaati.

‘‘Suuraaleefi waraabbiiwwna viidiyoo qaamni saalaa dubartii maal fakkaachuu qaba jechuu ilaalcha dogongoraa uumaa jiran, dubartoonni akka wallaansa baqaqasanii yaalamuu raawwataniif kakkaaseera’’ jedha gabaasni kun.

Haala gabaasa wallaansawwan addunyaa kan galmeessuu, International Society of Static Plastic Surgery baaseen, wallaansa baqaqasanii yaalamuu boca qaama saala dubartootaa sirreessuu kan bara 2019 ture irra bara 2023tti %14.8n dabaleera.

Baayyinaan kan galmaa’es Biraazil keessatti yoo ta’u, namoonni kuma 28 wallaansa kana raawwataniiru. Ogeettiin fayyaa Raneeyaa Maagaalaash, ‘‘Dubartoonni Biraazil waa’ee danaasaaniitiif dhiphachuudhaan wallaansa kana raawwatu’’ jetti.

Lammiin Biraazil kan umuriin wagga 27 fi atileetii maashaa jabeessuu, Vaal Saalatanaa wallaansa baqaqsanii yaalamuu boca qaama saalaa sirreessuu raawwattee jirti.

‘‘Wallaansa kana raawwachuuf kanan murteessee sababii taatee wagga jahaan dura na mudate tokkootiin. Yeroo sanatti ispoortii maashaa jabbeeffachuu eegaleen, isteeryooyiid fudhataan ture’’ jetti.

Sababii qorichoota Booldenoon fi Oksaandiroon jedhamaniitiin qaama saalaarratti jijjiraan waan mudateefi sababii kanaatiin yeroo qunnamtii saalaa raawwattutti akka itti hin tolle gochuu dubbatti.

Muuxannoo wallaansa baqaqasanii yaaluushee miidiyaa hawaasaa gubbaatti yeroo ibsitutti wallaansichi ofitti amanummaafi jireenya foyya’aa akka kenneef dubbatti.

Dubartii daraaraa qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Balaawwan garaa garaa

Ogeessoonni fayyaa garuu wallaansa baqaqasanii yaalamuu kana osoo hin raawwatiin dura dhimmoonni hubannoo keessa galfamuu qaban akka jiran dubbatu.

Jidduugalli Fayyaa Biyyaaleessa UK ‘‘wallaansichi kan miidhaa qaqqabsiisuufi qaaliidha. Bu’aa barbaaddan argachuu keessaniif waanti mirkanneessu hin jiru. Ilaalcha waa’ee qaama keessaniirratti qabdan fooyyeessuu hin danda’u’’ jedha.

Wallaansi baqaqsanii yaalamuu kun dhiiguu, infeekshinii, haphachuu qaama saalaa fi rakkoolee wallaansa baqaqasanii yaalaamuun wal qabatanii mudatan gara biraa kan akka itiituu dhiigaa fi alarjiitiif saaxiluu akka danda’u ibsameera.

‘‘Dubartoonni tokko tokko wallaasicha kan raawwatan sababii boca qaama saala isaanii hin jaalanneefiidha. Ta’us garuu, qaama saalaarratti gogaan shuntuuruu ykn bocni biraa kan uumaman ta’uudha’’jechuun akeekkaachisa Jidduugalli kun.

Hakimiin fayyaa wal homrmaata Muujudugul Zaayifoogiluu Kaaraakaa, dubartoonni waa’ee qaama saalaasaanii beekuu akka qabaniifi qaamni saalaasaanii uumamaan haaluma jiruun fudhachuu akka qaban dubbatti.

Barattuu Iyuul Gulsis yaada kanaan waliigalti.

‘‘Kanneen wallaansa ykn dibata qaama saalaa beeksisan mormuudhaan, miidyaa hawaasaa fayyadamuudhaan dhimma fayyaa wal hormaata dubartootaarratti hubannoo cimsuu qabna. Dhiibbaa dubartootarraa ittisuu qabna’’ jetti.