Abbaa warraa akka dubartiitti uffachuufi jiraachuu filate

Maqaansaa Saamu’eel Minaanii jedhama. Namni kun uffata dubartii uffachuufi akka dubartootaatti of babareechuun guutummaan addunyaa dhiirootaa keessaa of baseera.
Gaheessi kun umuriinsaa waggaa 40 ol yoo ta'u, ‘‘yeroo ani adeemu namoonni ‘Seexana keessaa bahi!’ naan jedhan dhagahaa tureera’’ jedha.
‘‘Lammiileen Buruundii tokko tokko ‘hamoodha’, ‘seexana keessaa bahii!’ naan jedhu. Kaan ammoo nama saala walfakkaataa jaallatudha naan jedhu. Ani garuu isaan miti yknis maal jechuu akka ta’eyyuu hin beeku. Jechi kun mataansaa natti hin tolu,’’ jedha.
Kana malees, Obbo Saamu’eel namoota maqaa maatiinsaa isaaf moggaaseen isa waaman hin jaallatu. Ofiisaatiin Beebii (Baby) jechuun of waama. Sirumaayyu nama maqaa kanaan isa hin waamneef hin owwatu.
Eddoon Saamu’eel maatiisaa waliin jiraatan Kaameesaa jedhama. Eddoon kun gaarreen Bujumburaa keessatti argaman. Gaazexessitoonni BBC’s nama jireenya dubartii jiraatuu kana waliin af-gaaffii taasisuuf ganama keessaa naannoo sa’aatii sadiitti achitti argaman.
Mana keessattis shamizii harka gabaabaa kan dubartoonni (top) jedhaniifi wandaboo [qamisii] uffata. Akkasumas, dibata bareedinaa shamarran fayyadaman (Makeup) dibachuuf burushii, isipoonjii, laastikii diimaa, dibataafi meeshaalee bareedinaa qabatee gaazexessitootatti bahe.
Fuula ifaadhaan ‘‘baga nagaan dhufatan‘‘ jedhee isaan simate Saamu'eel. Achiin booda battalmatti karra duratti gadi taa’uudhaan dibata miidhaginaa diibachuu eegale. Wayita sanas qeensa dheeraa halluu diimaa dibame harksaarraa ni mul’ata.
Nama kanas dubartootaan adda baasuun baayyee rakkiisaadha. Haalli uffannaasaa, haalli itti deemu, akkasumas sagaleensaa hundi dubartii fakkaata… Haata’u malee, namni kun haadha warraafi ijoollee afur qaba.
Attamiin akkasiin uffachuu eegale?

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saamu’eel maatiisaa waliin magaalaa Bujumburaa lafa ol ka’aa keessa jiraata. Naannoon sun bakkeewwan waraana bara 1993-2000tti Buruundii keessatti gaggeeffamee tureen baayyee kanneen miidhaman keessaa tokkodha.
Namni kun waraanni sun jireenya amma jiraataa jiru kana akka filatu isa taasisuu amana. Yeroo sana loltoonni dhaqanii ijoollee dhiiraafi namoota jajjaboo fudhatanii loltootatti maku ture jedha.
Akkas jechuun akka itti uffata dubartii uffachuufi dubartii fakkaachuu eegale dubbata: "Yeroos waa’ee waraanaa ta’uu beekta. Isaan [loltoonni] bakka nuti dhokanetti dhufanii ni argan. Anis sagalee dhokadhu jedhuun dhagahe.
‘‘Anas akkan waan yeroon itti ajjeeffamu qaqqabeetti natti dhagahmee ture. Achiinis akka haadhaa of fakkeessuun barbaade. Isaan booda loltoonni dhufanii kana chi turre hundi haadhoolii ta’uu hubatan. Achiinis nu dhiisanii deebii’an…’’ jechuun attamiin akka dubartiitti jiraachu akka eegalte dubbata.
Erga yeroo sanaatii kaasee uffata dhiiraa uffatee hin beeku.
Hojii mana keessaa hojjechuu

Obbo Saamu’eel erga nyaata qopheessuu xumureen booda, misira keessaa funaanuu haadha warraasaa Deeniis Iraamboonaa gargaaruu eegale.
Saamu’eel yeroo hunda hojii mana keessaatiin haadha warraasaa gargaaruu akka jaallatu dubbata. Namni kun siree hafuu, uffata miicuu, ijoollee qaama dhiquufi raffiisuufi kan kana fakkaataniin mana keessa akka hojjetu dubbata.
Kana malees, taphallee kan dubartootaa akka caalaa jaallatu dubbata. Jaallachuu qofas osoo hin taane, taphacuufis akka hin qaaneffanne hima.
Akkasumas, haadha warraasaa waliin uffata wal jijjiruun akka uffatan kan dubbatu Obbo Saamu’eel, yeroo gara qophii gara garaa deeman fa’is borsaa qabatan akka wal jijjiran dubbata.
Yeroo baayyeen yeroo mi’a akka borsaa harkaa bitanitti waan gaarii, kan yeroo baayyee turu akka filatu dubbata. ‘‘Baayyee wal jaallanna. Kabajas waliif qabna.’’
‘‘Yeroo tokko tokko yoo haati warraakoo uffata koo uffatte ani ammoo kan ishee kanan uffadhu jira. Uffata kanneen kan miicuu ammoo anadha’’ jedha.
Hojii ogummaa

Obbo Saamu’eel ogummaa bilbila harkaa, raadiyoofi meeshaalee elekitironikisii gara biraa suphuu hojjata.
Hojiiwwan kanneenis kan hojjetu uffata dubartii uffachuunidha. Maamiltoonni duraan isa hin beekne wayita akkasitti uffatee argan akka nahaan dubbata.
Yeroo tokko elektirikiifi meeshaa solaaraa hojjechuuf, baaxii mana maamila isaarra bahee yeroo ture tokko yaadata. Namoonni wayita isa argan attamiin akka ajaa’ibsiifatan hin dagatu.
Kaan isaaniis dubartiituu baaxii gubbaa yaabee yoo jedhan, kaan isaanii ammoo lakkii dhiira jechaa turan jedha. Garuu ‘‘kunis kennaa ijoollummaa koo irraa naaf kennamedha’’ jedha.
Ollaan attamiin isa ilaalu?

Olloon Saamu’eel nagaadhaan isa waliin jiraataa jiranilleen garuu, waa’ee nama kanaa wanti isaan hin beekne tokko akka jirutti yaadu.
Saabiinaa Naahimaanaa mana Saamu’eel irraa fageenyuma meetira 40 hin caallee irra jiraatti. Dhiira akka dubartiitti uffatu wayita argeetti baayyee akka bitaa itti galee ture himti.
‘‘Dhugaa dubbachuudhaaf haala gaariidhaan waliin jiraataa jirra. Garuu yeroon argetti baayyeen ajaa’ibsiifadhe. Dhiira rifeensa isaa maan rifeensa dubartiitti hojjechiifatu arguun hin baramne. Akkasumas, meekaappii diibatee wandaboo [qamisii] dubartii uffata…
"Yeroo hunda maaliif akkasiin akka jiraachuu barbaade nan yaada. Garuu deebii hin arganneef…
"Dhugaasaa sitti himuudhaaf, osoo dhiirrii na fudhuu barbaadu haala akkasiitiin kan uffatu ta’e itti hin heerumu,’’ jette. Ollaan Obbo Saamu’eel gara biraatiif yaada Saabinaa kan ni qooddata.
Jireenya gaa’elaa

Saamu’eel haadha warraasaa duraa waliin wal hiikaniiru. Ijoollee lama qaba. Ammaa Aaddee Deeniis Iraamboonaa waliin jiraatu. Ishee waliinis ijoollee lama godhateera.
Haatiwarraa Saamu’eel wayita namoonni hawaasa keessatti waa’ee abbaa warraashee dubbatan isheetti omtuu akka hin dhagahamne dubbatti.
‘‘Akkasiin uffataa wayita jirun wal bareen. Maaliif uffata dubartii akka uffachuu barbaades gaafadheen ture. Innis akka uffata dubartii uffachuu jaallatu natti hime.
‘‘Anis dhiira ta’ee osoo jiruu maaliif akka dubartiitti uffachuu akka jaallate wayitan gaafadhetti, kunis isaaf ‘style’ isaa akka ta’e waan natti himeef anis hayyameefiira.
Namoonni kaan akkan isaan adda bahuuf na gaafataa turan. Ani garuu, maaliifan adda baha? Nama cimaadha, haala gaariidhaan jiraanna’’ jedheen dide jetti.
"Ummanni naannichaa sirriitti Saamu’eel ykn Beebii hubachuuf yeroo dheeraa kan itti fudhatu natti fakkaata’’ jetti haati warraasaa.












