Gujiitti haleellaan mana nyaataa tokkotti raawwate lubbuu namootaa galaafate

Madda suuraa, Madden
Godina Gujii aanaa Sabbaa Boruu Ganda Sabbichuu Qinxaabii jedhamutti, Dilbata darbe galgala haleellaa hidhattoonni mana nyaataa seenuun raawwatan jedhameen lubbuun namoota lamaa battalatti yoo darbu, namoota shan irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera.
Haleellaa kanaan miidhamanii fi lubbuun oolanii amma Hospitaala Adoolaa Woyyuutti yaalamaa namni jiran tokko haleellaa kana kan raawwate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamu ta'uu himan.
Akkaataa Haleellaan kuni itti raawwatame yoo ibsanis, "Galgala naannoo sa'aatii afuriiti mana nyaataa fi dhugaatii tokko keessa turre. Ani ala taa'aan ture.
Mucaa tokkon olseeneen 'ka'i gali' jedheenii bahaa ture. Anumaa kana jedhee gadi bahu daqiiquma lama booda natti dhukaafame" jedhan.
Hidhataa qawweedhaan isaanitti dhukaase kana fuulaa fuulatti ijaan arguu kan himan jiraataan kuni ''ani meeshaa akkan qabadhe argee jennaan dura anumatti dhukaase,'' jedhu.
Rasaasa hidhataan kuni dhukaaseen qoma isaaniirra erga rukutamanii achumatti kufanii waan turaniif waan sana booda ta'e quba akka hin qabnes himu.
Hidhatoonni kunneen gara mana nyaataa fi dhugaatii sanatti erga olseenaniin booda namni kamuu bakka taa'erraa akka hin sochoone ajaja kennani jedhu namni balaa kanaan miidhamee amma Hospitaala Adoolaa Woyyuu jiru biraa.
"Mana nyaataa sana keessa sa'aatii sana namni ture tilmaamaan nama 20 ni taha. Tokkichi keessan lafaa akka hin kaane jedhaniituma olseenanii dhukaasa banan. Kan kana godhe warra Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhani" jedhu.
Haleellichaanis mudhii isaaniirra rasaasaan akka rukutamanii fi erga Hospitaala Adoolaa Woyyuu seenanii rasaasni kuni qaama isaanii keessaa baafamufii dubbatu.
Rasaasni qaama isaanii keessaa bahe kuni rasaasa Kilaashii ta'uu eeruun hidhattoonni kunneen kan ajjeechaa kana raawwatan kilaashidhaan akka ta'e dubbatu.
Hidhattoonni guyyaa sana mana nyaataa kana seenanii haleellaa kana raawwatan lakkoofsaan torba akka hin caallee fi namoota osoo adda hin baasne callisumaan kanuma itti dhufetti dhukaasaa turuus yaadatu.
Angaa'aan maal jedhu?
Haleellaa kanaan namootni lama battalatti kan ajjeefaman yoo ta'u, namoota shan miidhaan cimaan irra gahe keessaa lama haala yaaddessaa keessa jiraachuu himu jiraattonni kunneen.
Waggootaan dura ganda amma haleellaan keessatti raawwatame kana keessa hidhattoonni socho'aa turuu fi erga waggaa tokkoo asitti garuu sochiin hidhattootaa homtuu naannicha akka hin turre himu.

Madda suuraa, Madden
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaa itti aanaan aanaa Sabbaa boruu Obbo Damboobii Wocuu, Haleellaan kuni raawwatamuu mirkaneeessuun kan miidhame hawaasa nagaati jedhan.
"Bakki haleellaan kuni itti raawwatame iddoo addaa Sabbichoo Eela Diimaa jedhama. ABO Shaneen uummata nagaan jiraatuu bakka isaan jiranitti seenuun yakka kana raawwate. Waliigala kan haleellaa kanaan miidhaman namoota sagali" jedhan.
Haleellaan kuni namoota nagaa irratti kan qiyyaafatee fi bakka rakkoon nageenyaa tokkollee hin jiretti kan raawwatame ta'uus himu.
"Namoota miidhaman kana keessa qaamolee nageenya mootummaas ta'e, hojjetaan mootummaa keessa hin jiru.
Jiraattotuma naannoo sana jiraatani. Kana keessati tokko kan ajjeefame maanguddoo ganna 80ti" jedhan.
Haleellaan kuni erga raawwatameen booda qaamoleen nageenya mootummaa bakkicha qaqqabuun kanneen miidhaan irra gahe halkanuma sana gara dhaabbilee fayyaa geeffamanii yaala akka argatan gochuus himu Obbo Damboobiin.
Hidhattoonni kunneen haleellaa kana erga raawwataniin booda gara bosona dhiheenya sana jiruutti miliquu fi qaamoleen nageenya mootummaa hordoffii gochaa turuus eeran
Aanaa Sabbaa Boruutti Gandi sabichaa jedhamtu kuni ammaan dura bakka rakkoon nageenyaa keessa ture ta'ulleen haleellaan miilana raawwatame kuni nageenyi waggaa tokkoo oliif fulla'e erga tureen booda kan raawwatame akka ta'e himan.
Haleellaa namoota nagaa irratti raawwatame kanaan kan himatame Waraana Bilisummaa Oromoo irraa hanga ammaatti waa'ee haleellaa kanaa wanti jedhame hin jiru.















