'Hidhattoonni mootummaatti harka kennataniifi namoota nagaa ajjeesaa, saamaa turan seeraan nuuf haa gaafataman'- Jiraattota

Madda suuraa, Komunikeeshinii Wallagga Bahaa
''Ol adeemaa waggaa 16 qormaata kutaa saddetiif uffata miiccatee qophaa'ee ture, guyyaan lama yeroo hafu bakka inni rafaa jirutti rasaasaan ajjeesan.
''Haati maaloo ijoolleekoo hin fixiinaa jettee jilbeenfattee osoo kadhattuu ishees itti dabalanii ajjeesan.
''Intala isaanii kutaa shan barattuu fi ilma biraa waggaa afurii walumarratti ajjeesanii adeeman. Har'a mootummaatti harka kennanne jedhanii itti gaafatamummaa seeraa jalaa bahuu hin qaban.''
Kun yaada jiraattotaa fi maatii miidhamtootaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu irraa BBC'tti dubbataniiti.
Tibbana hidhattoota WBOti kan jedhaman 200 ol tahan godinicha keessa socho'aa kan turan mootummaatti harka kennachuun himameera.
Haatahu malee, jiraattonni aanolee kanneenii hidhattoonni kunnee galuu isaaniitti gammadanii, garuu ''dararaa namoota nagaa irra geessisaa turaniifi lubbuu namoota nagaa galaafataa turaniif itti nuu gaafatamuu qabu'' jedhan.
Jiraataan aanaa Giddaa Ayyaanaa nageenya isaatiif jecha akka maqaan isaa hin dhahamne gaafate tokko akkas jechuun BBCtti hime.
''Mana maatii keenyaa keessaa baqanneeti Finfinnee mana namaa keessa jiraachaa jirra. Eebla 3 bara 2016 abbaakoo kan siyaasa keessa hin jirree fi qonnaan bulaa dadhabee ijoollee isaa guddifatu ajjeesan.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluunis, ''Waan baay'ee taane. Kaan haadha dhaban, kaan ammoo abbaa isaanii dhabaniiru. Jalqaba obboleessa abbaakoo ajjeessan. Manaa gadi waamanii dallaa mana isaa jalatti ajjeesan,'' jedhan.
''Abbaankoo obboleessa isaa awwaallachuu gaafa deemu, 'obboleessakee maaliif awwaalta? maaliif boossa? Inni mootummaa ykn nun hin deeggaru' jedhanii ajjeesan'' jechuun haala hidhattoonni kunneen nurraan gahaniiru jedhan dubbatan.
Abbaansa gadda obboleessa isaa taa'aa osoo jiruu qabanii deemuu fi ''Hidhattoota keessaa nama Biqilaa jedhamu amma mootummaatti harka kennatetu fuudhee deeme'' kaasa.
''Bilbilanii Birrii 500,000 fidaa, kanaan ala ni ajjeesna jedhan. Nuyi barattootadha. Homaa hin qabnu. Fira irraa, namoota naannoo irraa kadhannee Birrii 150,000 tahu walitti qabnee haatikoo guyyaa tokko guutuu laga keessa deemtee itti kennite. Kanumaan gadhiisan'' jechuu haala rakkiisaa keessa turan yaadatu.
''Abbaankoo reebameera waan taheef Finfinnee deemee xiqqoo yaalamee deebi'e. Erga abbaankoo achii galee torbee lama booda obboleessa isaa biraa tokko amoo ajjeesan.''
Isas qaama mootummaaf odeeffannoo kennita jennee si shakkina jedhanii ajjeesan. Garuu ini nama siyaasa kamuu keessa hin turreedha.
Ammas abbaankoo gadda irra osoo jiruu hidhattoota keessaa kan amma harka kennatee fi dhalataama naannoo keenyaa tahe Ammayyuu Abdiisaa jedhamu abbaakoo manaa fuudhe.
Nuu bilbilee guyyaa lama booda abbaakee waan goonu argita jedhee natti dhaadataa ture. Isaan keessaa hidhataa Biqilaa Eeban jedhamu waliin abbaakoo ajjeesan.
Biqilaa Eeban kan jedhamu kun maqaan isaa sirriin Biqilaa Moosisaa jedhama.
Abbaakoo maaliif ajjeestan? Eenyutu ajjeese jedhee gaggaafannaan; Abbaakee Biqilaan isnaayiperiidhaan mataa dhahe. Ammayyuun ammoo rasaasaan irree isaarra rukute.
Hidhattoonni kaan ammoo rasaasa sadiin rukutan jedhanii natti himan. Abbaan koo tibba sana xaa'oo fudhachuuf Gidda deemee ture. Abbaankee waraana mootummaaf odeeffannoo laata jedhanii akka ajjeesan dhagahe.
Abbaankoo qonnaan bulaadha. Nama siyaasaaf mootummaa waliin walitti dhiyaatullee miti. Abbaa Gadaati.
Akkasiin abbaa nurraa ajjeesanii abbaa malee nu hanbisan. Abbaankoo qotatee nama ijoollee isaa guddisaa turedha.
Kunoo amma magaala keessa joorree namaaf waardiyaa taanee jiraachaa jirra. Dur abbaankoo namaafiyyuu gaha ture. Har'a nuyi abbaa malee hafnee qe'ee irraa baqannee magaala keessaa ba'aa kuntaala baannee jiraachaa jirra.
'Abbaakee isa qe'ee isaarra hojjetatee jiraatu ni ilaalta. Isin achi teessanii barattu nuyi isiniif jennee qabsoofna' jedhanii natti bilbilaa turan.
''Maal goone barumsa dura fixna jennaan guyyaa lama booda abbaakoo ajjeesaniiru.
Hidhataan Biqilaa jedhamu ammoo 'anatu ajjeese' jedhee naa bilbileera'' jechuun BBC'tti hime.
Jiraataan kun isaan beekna, dhalattoota naannoo sanaati baay'een isaanii jechuun waan maatii isaarra gahe BBCtti dubbate.

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa/ Maatii
'Haati jilbeenfattee osoo kadhattuu ijoollee ishee sadii waliin ajjeesan'
Jiraataan biraa aanaa Giddaa Ayyaanaa nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate waan firoota isaarra gahe akkasiin BBCtti hime.
Maatiikoo keessaa kan obboleessakoo mangoo Gonfaa jedhamuu bara 2016 ji'a salgaffaa gaafa bultii 22 haadha warraa isaa fi ijoollee isaa sadii bakka tokkotti walirratti ajjeesan.
Dubbichi akkasi. Obboleessikoo aanaa Kiiramuu keessa jiraata. Bakki isaa Gidda irraa fagoo miti.
Jalqaba hidhattoonni Faannoo horii isaa 38 jalaa fudhatan. Harka qullaa isa hanbisan. Ganda Ashuu Kusaayee jedhamu keessa jiraata ture. Kun aanaa Kiiramuu keessadha.
Erga baqatee Gidda taa'aa turee mootummaarraa gaafatee ittiin of ittisuuf qawwee fudhatee aanichuma bakka Ashuu Kusaayee jedhamutti deebi'e.
Yeroo kana hidhattoonni nama Moosee jedhamuun hogganamu dhaqanii ijoolleesaa sadii fi haadha isaanii bakka isaan taa'anii fi rafanitti ajjeesan.
Ilmi isaa Abdii Maangoo Gonfaa jedhamu qormaata ministirii qoramuuf guyyaan lama isa hafee uffata miiccatee qophaa'ee ture.
Guyyaa sana ammoo sangaas horii qaban waan Faannoon jalaa fudhateef harreetiin qotaa oolee galee siree mukaa wayiirra ciisee ture.
Obboleettiin isaa Jiituu Maangoo Gonfaa jedhamtu ammoo kutaa shan kan barattuu fi umurii ishee kan waggaa 13 tahe haadha waliin turte.
Haati ishee teessee rifeensa isheef dhahaafii turte. Mucaa xiqqaan biraa waggaa afurii Bochoo Maangoo jedhamus ture.
Hidhattoonni amma harka kennatan kunneen manuma deemanii hunda isaanii bakka tokkotti ajjeesanii boolla tokkotti awwaalaman.
Haati isaanii Aadde Mabraatee Taakkalaa Dhibbaa jedhamtu adaraa ijoolleekoo na jalatti hin ajjeesinaa jettee yoo kadhatuu ishees achumatti ajjeesanii deeman.
Kan hidhattoota kana hogganaa ture nama Moosee jedhamu fi kan amma mootummaatti harka kennatedha. Moosee Asaffaa maqaa isaa guutuudha. Ajjeechaa kana kan raawwachisee isadha.
Kan ajjeese ammoo Guddinaa Abbabaa kan jedhamu milishaan qabee haga ammaa murtii osoo hin argatiin harka mootummaa jira.
Gammachiisaa kan jedhamu kan guyyaa sana dhaqee ajjeese kan biraa harka mootummaa jira. Garuu hin gaafatamne.
Hidhattoota kanneen mootummaan dhiifama godheefii yoo galcheyyuu namoota siivilii isaan ajjeesaniif waan dhiifama godhuuf hin qabu.
Qabeenya saamaniiru. Qoratamuu qabu. Qaama siivilii ajjeesaniiru. Abbaankee akkasi jedhanii kan isaan ajjeesan baay'eedha.
Fakkeenyaaf, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ganda konnojjii kan tahe barsiisaa Bushaa kabaa dura ta'aa mana barumsaa Ganda konnojjii ture.
Barnoota torbanii barata. Magaalaa Giddaa gahee deebi'ee mana isaa jala osoo taa'uu waamanii balbala isaatti ajjeesnaii deeman.
Ji'a sadii dura ijoollee Toleeraa Dijjaa Fayisaa jedhaman dargagoota lama harka walitti hidhanii wal irratti ajjeesanii deeman.
Dhiiga namoota qulqulluu dhangaalaasaa waan turaniif seeraan nuuf gaafatamuu qabu.
Kana hin tahu taanaan, maal rakkoo qaba abbaa barbaanne ajjeesnee qabsoo jennee bosona gallee torbe lama booda mootummaatti harka kennanna jedhanii amma akka qoosaa taheera.
Seeraan itti hin gaafataman taanaan boodas qaama nageenya kabachiisaa tahanii gara hawwaasa kanaatti yeroo deebi'an saamichaa fi ajjeechaa hin dhiisan jechuun BBCtti hime.
Jiraattonni kunneen akka jedhanitti hidhattoonni kunneen irra caalaan isaanii dhalattoota aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuuti.
Wal beekna. Maatii isaanii beekna. Moosee kan jedhamu amma gale kun dhalataa ganda Xosseeti. Ji'a lama durayyuu mootummaan abbaa isaa to'achuun gadhiise.
Abbaa Gadaa meeshaa hin hidhanne Geetaachoo Gobotoo, Abiy bira wal gahii deemtee dhufte jedhanii kan ajjeese Biqilaa jedhama.
Ollaama isaaniiti hidhataan kun. Wal beekna waan taheef eenyu maal akka hojjete beekna.
Aanaan Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu gama qabeenyaa fi lubbuun hedduu miidhameera.
Mootummaan yaalii godheen erga isaan galanii baajaajiin sochii malee waggootaaf dhaabate amma deemuu jalqabeera.
Kana dura odeeffannoo kennitee dhufta jedhanii warra baajaajii ooftu ajjeesu, birrii gaafatu. Kanaaf dhaabatee ture jedhe.
Naannoo Giddaa Ayyaanaa kana keessa jalqaba buufatee kan ture Garee Faqqadaa Abdiisaan hogganamu jedhe jiraataan kun.
Booda garee sadiitti wal qoode. Tokko Faqqadaa jalatti, kan biraan ammoo Yaadessaa nama jedhamu jalatti hogganamu ture.
Yaaddessaan yeroo darbe karaa Horroo kana mootummaaf harka kennateera jedhe.
Faqqadaa Abdiisaa fi gareen isaa akkasumas Yaaddessaan hidhattoota 57 qabachuun mootummaatti harka kennataniiru. garee lamaan irraa gara hidhattoota 120 akka tahan qondaalli godinichaa BBCtti himaniiru.
Jiraataan BBC dubbise kun itti dabaluun namni magaaluma Finfinnee gahee dhufnaan mootummaa biraa dhufta jedhanii ajjeesu, ykn Birrii 500,000, 1,000,000 fa'aa gaafataa turan jedhe.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waa'ee hidhattoota namoota nagaa irra miidhaa geesisuun himatamanii fi mootummaatti harka kennatan jedhaman kanaa homaa hin ibsine.
Mootummaan Itoophiyaas hidhattoota harka kennatan simachuun bakka leenjii isaaniif qophaa'ee galchaa ture malee yeroo adda baasuun namoota yakka hojjechaa turan seeratti dhiyeessu dhagahamee hin beeku.
Dhiifama gochuu fi haqa ija seeraan
Mootummaan Itoophiyaa hidhattoota Waraana Bilisimmaa Oromoo fi Faannoof waamicha nagaa taasisaa ture.
Kanneen waamicha kana simatanii galaniif simannaa godheera. Inumaayyuu hidhattoota WBO keessaa warra galan gariif ammoo muudamas kenneera.
Yakka uummata irratti hojjetameefis tahe saamicha uummanni himataa tureef qaamni itti gaafatame hin jiru.
Garuu mootummaan Itoophiyaa ulaagaa seeraa kamiin dhiifama taasisaa jira? Nama akkamiitu dhiifama argachuu qaba?
UN Keessa ogumma seeraan waggoota 40tti siqaniif tajaajilaa kan turan Obbo Waaqwayyaa Baayisaa ''mootummaan hidhattoota nama ajjeesan, dubartii gudeedanii fi yakkoota akkasii raawwataniif dhiifama kennuu hin danda'u'' jedhan.
''Seera idil-addunyaa UN fi mootummaan Itoophiyaa mallatteessee fudhateeru jira.
Addatti naannoo waraanni jirutti ammoo seerri namoomaa 'Humanitarian law' jedhamu jira jedhu Obbo Waaqwayyaan.
Qaamni wal lolan kan irratti xiyyeeffachuu qaban nama akka isaanii qawwee qabatee isaan lolu irratti qofa xiyyeeffachuutu eeyyamamaaf.
Namoonni nagaan waan kamiiniyuu yoo shakkaman ajjeechaa dabalatee yakka kaan irratti raawwachuu seera idil addunyaa cabsuudha jedhan.
Qabatamaatti kan biyya keenyatti mul'atu garuu nama ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi yakkoota kaanidha.
Yakki kun ammoo hidhattootaan qofa miti kan raawwatu. Yakki karaa humna mootummaa raawwatus jira.
Mootummaan warra kan isaas itti gaafatamaa gochaa waan hin jirreef warra bosonaa hidhatee yakkoota kanneen raawwatanis gaafa galan seeraan hin gaafatu jedhan.
Hidhattoonni kunneen sababa kamiifuu na gaheera jedhanii yeroo galan mootummaan koottu gali. Isa manaa baateef siif dhiisneerra.
Yakka keef garuu yoomuu itti gaafatamuu qabda jechuu qaba ture. Mootummaan dhiifama kennuu hin danda'u. Seeratu sin dhiisu. Yoo seerri jiraateef....jedhan.
Uummanni miidhames sin dhiisu, sirratti ka'a. Kanaaf waggaa 100 yoo tureyyuu namni kamiyyuu yakkoota akkasii yoo raawwatan itti gaafatamuu qabu jedhan.
Aminastii ykn dhiifamni yoomiyyuu taanaan nama lafa lolaattis tahe bakka kamittuu mirga namaa sarbeef hin kennamu jedhan.
Garuu erga seeratti dhiyaatanii itti muramee gidduu galee dheerina yeroo adabbii isaanii gabaabsuufii danda'a jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa bara 2018 keessa Labsii Dhiifamaa Lakkoofsa1096/2018 baasuun hojiirra oolcheera.
Akka labsii kanaatti dhiifamni kan godhamuuf namoota bara 2018 dura yakkoota tarreeffamaniin himataman, ykn shakkamanii fi qoratamaa jiraniif akka tahe labsiin kun ni eera.
Dhaabbata shororkeessummaa ykn nama dhuunfaa miseensa dhaabbatichaa tahuun himatame ykn shakkameef dhiifamni godhama. Kun yoo namni sun Waxabajji 7 bara 2018 dura himatameera tahedha.
Heera mootummaa akka hojiirra hin oolle danquu, hidhatanii mootummaa loluu, qaama siyaasaa ykn daangaa buufata qaama siyaasaa haleeluun himatamuu,
biyya ganuu fi odeeffannoo baasuu, akkasumas diina waliin hojjechuun kan himatamanii fi shakkamanii ture dhiifama akka argatan ibsa.
Garuu qaamni himatame ykn shakkame lubbuu namaa balleesseera yoo tahee fi isaaf himatamee qorannoo jala jira ykn mana murtiin qabamee jira taanaan dhiifamni hin godhamuuf jedha labsiin kun.
Gaaffiin amma jiru mootummaan hidhattoota simatu kanneen yakka isaan hojjechaa turan maaliif hin qoranne kan jedhudha.
Naannoo Oromiyaatti qofa osoo hin taane hidhattoonni Faannoo naannoo Amaaraatti harkaa fi gura namaa muran mootummaatti harka kennachuu isaanii gabaafameera.
Yakka nama nagaa irratti raawwataniif garuu seeratti dhiyaachuu isaanii hin ibsamne.
Obbo Waaqwayyaan qaamni wal waraanaa ture lama osoo waliigaltee nagaa walii mallatteessaniyyuu kanneen yakka hojjetaa turan osoo itti hin gaafatamiin hafuu hin qabu jedhan. Kun seera idil-addunyaati jedhan.












