Sanyii Nagaasaa dabalatee hoggantoonni duraanii WBO caasaa mootummaa keessatti muudaman

Sanyii Nagaasaa [Yaadasaa] yeroo mootummaa naannoo Oromiyaa wlaiin waliigaltee mallatteessu

Madda suuraa, OCB

Hoggantooni duraanii Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO) dhiyeenya mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuun galan caasaa mootummaa adda addaa keessatti muudaman.

Ajajaan duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa Sanyii Nagaasaa jedhamuun beekaman, amma Sadarkaa Hogganaa Biirootti gorsaa Nageenya Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuun muudaman.

Sanyii Nagaasaa maqaa yeroo WBO keessa turan ittiin waamaman yoo tahu, Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa fuula Feesbuukii isaa irratti yeroo muudama kana ibsu maqaa Yaadasaa Nagaasaa jedhuun ibse.

Itti Aanaa Ajaja Zoonii Gidduugaleessaa tahuun WBO keessatti Sanyii Nagaasaa [Yaadasaa] waliin socho'aa kan ture Jireenyaa Rabbumaa [Oromiyaa Rabbumaa] Hogganaa Itti Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa tahuun muudameera.

Dabalataan maqaa Shurrubbee jedhamuun kan waamamaa ture Toleeraa Raggaasaa ammoo Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa tahuun muudamaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa ''Waliigalteen mallattaa'ees qabatamaan hojiitti hiikamaa jira. Adeemsi jalqabame kun akka biyyaa fi naannoo keenyatti ijaarsa nageenyaa jalqabame fulla'iinsaan mirkaneessuu fi aadaa dimokraasii fi siyaasaa nuqoraa jiru jijjiiruu keessatti tarkaanfii fakkeenyummaa qabuudhu,'' jedhe.

Waa'ee waraana duraanii WBO gara qabsoo nagaatti makaman jedhamnii garuu mootummaan waan jedhe hin qabu.

Waraanni kun qaama nageenyaa mootummaa naannoo ykn kan biyyaatti makamuu fi gara jireenya isaa idileetti maakamuu waan ibsame hin jiru.

Waliigaltee qaamole elamaan taasisanis maal maal akka of keessaa qabu bal'inaan hin ibsamne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a Muddee bara 2024 keessa mootummaan Naannoo Oromiyaa "Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigalteen araaraa mallatteessine" ibse.

Haaluma kanaan, "waligalteen araaraa gama Mootummaa naannoo Oromiyaatin Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa fi gama 'WBO'n ammoo qondaala olaanoo WBO kan turan Obbo Sanyii Nagaasaan mallatteeffamuu" isaa ni yaadatama.

Waliigalticha hordofuun WBO bakka addaa addaa jiranii fi gara qabsoo nagaatti deebi'uu barbaadan simachaa akka ture mootummaan ibse.

Waraana simatames kaampii haaromsaa qophaa'eef galchuun leenjii haaromsaa kennaafii akka ture ibseera.

Waranni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ibsa mudde 1, 2024 baaseen mootummaan waliigaltee nama dhuunfaa sababa naamusaan aangoo isaanirraa gaggeefame waliin taasise akka waligaltee WBO waliin taasisetti dhiyeessu hin qabu jechuun qeeqe.

Namoonni kunneen waraana keessaa gaggeeffamuu isaanii ifatti ibsama akka tures yaadachiisa ibsichi

Ajajaa duraaniifi miseensa koree hojii raawwachiiftuu waraanichaa kan turan Sanyii Nagaasaa ''WBO' dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaabu baatii Fulbaanaa darbe gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen beeksisuun ni yaadatama.

Sarara Diimaa

Odeessa akkanaa biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.