ABO-WBO dhimma hoggana isaa duraanii Obbo Sanyii Nagaasaa irratti maal jedhe?

Sanyii Nagaasaa

Madda suuraa, ONM-ABO

Ajajaan duraanii Zoonii Giduugaleessaa Obbo Sanyii Nagaasaa faallaa dhaaba keenyaa dhaabbachuun qaama mootummaa waliin mari’achuun osoo qondaalota ABO-WBO ajjeesisuuf mari’atuu waan irra gahameefi seera dhaabichaaf waan abboomamuu dideef hoggansa irraa kaafame jedhe dhaabichi.

Tibbana Ajajaan WBO Zoonii Giddugalaa duraaniifi miseensa koree hojii raawwachiiftuu waraanichaa kan turan Sanyii Nagaasaa, ''ABO-WBO dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaaban beeksisun ni yaadatama.

Ajajaan Olaanaa waraanichaa Marroo Dirribaa fi Sanyii Nagaasaa gidduu dhibdeen jiraachuunis himamaa ture.

Ajajaan Zoonii Giddugaleessa ABO-WBO, Obbo Abdii Dhugaa dhimma kanarratti gaafataman ''Sanyiin nyaapha waliin dhaabbatee argame. Faallaa dhaaba kanaa hojjechaa jiraachuu isaa argamnaan hoggantoota kaan waliin mariyannee balleessaa isaaf akka itti gaafatamu waliigalle,'' jechuun BBCtti hime.

''Yoo fedha dhuunfaa barbaacha tahe malee, waan dhaaba keessaa karuma nagaa mariyannee hiikaa turre. Amma Sanyii waan mudate hubachuu hin dandeenye. Garuu faallaa jaarmiyaa keenyaa dhaabatee argame’’ jedhan Abdii Dhugaa.

''Jaal Sanyii diina waliin akka hojjetaa ture bira geenye. Erga diina waliin hojjechuu isaa baramee akka danbii dhaabaatti isa qunnamuun waan hin eeyyamamneef isa qunnamee hin beeku.''

Waraanni Sanyiin hogganaa ture amma maalirra jira gaaffii jedhuuf ''waraana Sanyii osoo hin taane heeraafi danbii ABO-WBOtu qaama akka hogganuuf itti kennameef dabarsa.

''Nuyi akka zoonii Gidduugaleessaatti akka heeraa fi danbii ABO-WBOtti masakamuun lolatti jirra. Kaan maaltu akka tahaa jiru odeeffannoo hin qabu. Tajaajilli bilbilaa fi interneet waan adda citeef ibsa Sanyiin kenne jedhu hin argine waan taheef yaada kennuuf na rakkisa'' jedhan.

Itti dabaluudhaanis, garuu waraana ergaa kaa'ameef dhagahuun mooraa qabsootti deebiuun waliin sochiitti jirra jedhe.

Sanyii Nagaasaa, Bitaan, Marroo Dirribaa, gara mirgaan]

Madda suuraa, ONM-ABO

Hoggansa Waloo ABO-WBO dubbii kaase maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Bilisummaa Oromoo damee waraana ABO ture. ABO'n waajjira isaa Eertiraa cufuun bara 2018tti yeroo gara biyyaatti deebi’u, waraana isaa garii mootummaatti kenne.

Gareen bosonatti hafe waraana ABO akka hin taane erga paartichi labsee booda, qaamni hidhatee socho’aa ture bara 2021 kora gaggeessuun koree hojii raawwachiiftuu miseensota shan qabu akka garicha gaggeessuf filachuu Gorsaan Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa BBC'tti himan.

Korri kun Wallagga Lixaa naannoo Gimbiitti kan gaggeeffame yoo tahu, koricha irratti Obbo Sanyii Nagaasaa argamu kaasan.

Marroo Dirribaa ajajaa tahuun yoo filamu, Sanyii Nagaasaa ammoo Ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa tahuun ramadamuun hojjechaa turuu himan Obbo Jireenyaan.

Marroon rakkoo furuuf qofaa rakkataa waan tureef hoggansa waloo namoonni hedduu keessatti hirmaatan ijaaruuf mariidhaan irratti waliigalame.

Kanaaf erga marii nagaa Taanzaaniyaatti mootummaa waliin gaggeessinee booda Marroon dirree Lixaatti deebi’uuf osoo karaarra jiruu wal gahii gaggeessuudhaan dirree irraa miseensonni 57 filamuun damee adda addaatti ramadaman, jechuun waan ture ibsan.

''Marroo Dirribaa ajajaa olaanaa, Gammachuu Abbooyyee, Itti Aanaa Ajajaa Olaanaa tahuun yoo filaman, namoonni torba ammoo miseensa koree hojii raawwachiiftuu tahuun filaman'' jedhan.

Marii kana irratti kan hirmaate Obbo Sanyii Nagaasaa, Itti Gaafatamaa damee Tikaa ABO-WBO, Oromiyaa tahuun ramadamuu himan.

Haata'u malee, Obbo Sanyiin wayita BBCtti dubbataniitti akkas jedhan: ''Bona darbe caasaa wayii akka tolfachuu goone.

''Miseensota akka koree hojii raawwachiiftuu fi miseensota akka gumii sabaas, koree seeraafi to'annos ijaarre. qondaalota akki itti filanne garuu seeraafi heera waliin wal hin qabatu. Miseensiifi uummanni si gaafata.''

Obbo Jireenyaan ammoo hanga kora guddaa gaggeessinutti qaawwaa hoggansaa cufuuf caasaa kana diriirsuu kaasan.

Haatahu malee, ''erga hogganaa damee Tika ABO-WBO tahuun ramadamee faallaa dhaaba keenyaa dhaabatee argame. Qondaalota ABO-WBO ajjeesisuuf osoo qaama biraa waliin shira xaxuu sagaleen waraabamee bahe.

Qaruuxeen ABO-WBO sagalee Sanyiin nama Kaanadaa jiru tokko waliin osoo dubbatuu waraabame argate,'' jechuun attamiin walitti dhufeenyasaanii akka laaffachu eegale kaasu.

Haata'u malee himannaa qondaaltoonni kunneen Sanyii irratti kaasan kanarratti BBC madda walabaa irraa hin mirkanneeffanne.

Kanaaf qondaalota ABO-WBO ajjeesisuuf qaama hojjechaa jiraachuun isaanii sagalee bahe irraa waan mirkanaa’eef dabalataan ajaja fudhachuu diduun waan tureef akka hoggansaa fi miseensummaa irraa dhorkaman murtaa’e jedhan Obbo Jireenyaan.

Dhimmi kun erga dhagahamee boodas Koreen Hojii Raawwachiiftuu fi hoggansa buttaan ol jiru hunda waliin mari'achuun Sanyii fi Jireenyaa Rabbumaa hidhannoo hiikkatanii ajajaa zoonii gidduugaleessaa Abdii Dhugaatti akka of gabaasan murtii dabarsuu dubbatan Obbo Jireenyaan himan.

Wal dhabdeen yoom jalqabe?

ABOn bara 2021 kora gaggeessee maqaa ABO-WBO jedhu moggaafachuun koree hojii raawwachiiftuu filachuun socho’uu jalqabee, godinaalee adda addaa keessa rakkoon mudachuu Obbo Jireenyaan BBCtti himan.

''Booda godina Horroo Guduruu Wallaggaafi Gidduugaleessa keessa uummatarra komiin dhagahame. Qawween keenya nurraa fuudhame. Saamamne kan jedhu komiin uummataa dhagahame. Yeroo sana miseensota waraana WBO fi kan ''diinni bobbaaseen'' rakkoon gaheera'' jedhan.

Yeroo kana Ajajaan ABO-WBO Marroo Dirribaa kana sirreessuuf mari’achuu qabna jechuun waraana hundaa, ajajootasaanii waliin gara Lixaatti waame. Yeroo sana Horroo Guduruu kan hogganu Eebbisaa ture. Sanyiin Gidduugaleessarra waan ture jechuun haala ture yaadatu.

Waraanni hedduun ajaja Marroo Dhagahuun gara Lixaa deemuun erga leenjii haaromsaa fudhatanii deebi’an. Sanyii fi Eebbisaan yeroo sana ni dhufna osuma jedhanii achumaan hafan.

Waraanni Lixatti leenjiirra turee ol deebi’e akka zoonii keenya hin lixne goona jechuun Sanyiin fa’a dura dhaabbachuu, labsii imala gara Finfinnee jedhu yeroo eegalu Sanyiin fa’aa faallaa dhaabbachuun waraana Lixarraa ol bobbaafame waliin walitti bu’an jedhu Obbo Jireenyaan.

Walii abboomamuu diduun waan tureef rakkoon maali jennee mariin furuuf bara 2023 ji’a Waxabajjii keessa guyyoota shaniif mariyanne kan jedhan Obbo Jireeenyaan, ajajoota godinaalee saddetii hunda waliin marii taa'u himu.

''Rakkoon qunnamtii akka jiru adda baasne. Yeroo sana Marroon hordoffii diroonii hamaa jala waan tureef qaawwaan qunnamatii mudatee ture. Bilbila biyya keessa darbuun rakkisaa tahee ture.''

Marii nagaa Taanzaaniyaa booda ''hoggansa Waloo’’ kan jedhu ijaaramuu akka qabu waliigaluun, namoonni 57 dirree irraa filamuun hojii damee adda addaatti ramadamuu, himan.

Kanaanis Ajajaa Olaanaa Marroo Dirribaa, Itti Aanaa Ajajaa Olaanaa, Obbo Gammachuu Abbooyyee filaman, namoonni torba biraa ammo miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu tahuun filaman jechuun adeemsa filannoo komii Obbo Sanyiitiin irratti ka'e ibsan.

Itti dabalunis, ''Obbo Sanyii Nagaasaa yeroo sana sadarkaan isaas ol guddatee ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa irraa ka’uun Hoggana Tikaa ABO-WBO Oromiyaa tahuun ramadame. Egaan isa kanatu Hoggana Waloo jedhamee waamama. Kun hoggana nam-tokkee akkamiin jedhama?'' jechuun ibsan Obbo Jireenyaan BBCtti wayita dubbataniitti.

Yeroo sanattis Obbo sanyiin 'damee amma irratti ramadame irratti gahumsa hin qabu' jechuun alatti komii dhiyeesse hin turre jedhu. ''Gahumsa kana waan gabbifattudha. Ogeessi siif ramadamee si gargaarree hojjetta jennen.''

Yaada inni jedhe yoo koreen fudhatte malee ajaja fudhachuu diduun mul’ateera,kan jedhan Obbo Jireenyaan, ''waraana isa jala ture gara hogganaa haaraa Zoonii giddugaleessatti dabarsuurratti diddaa agarsiisuun tureera. Kunis waan agarsiisuu qaba,'' jechuun komatan.

Boodarra sagaleen waraabbii qaama biraa waliin hojjechuusaa agarsiisu qaruuxeen ABO-WBO argatee koree hojii raawwachiiftuu, gumii sabaafi ajajoota waraanaa ABO-WBO buttaa ol jiran hunda hubachiisuun taheera.

Sagaleen Bahe maal jedha?

Obbo Jireenyaan akka BBCtti himanitti, sagaleen isaan argatan yeroo namni Kanaadaa jiraatu tokko Itti Aanaa Ajajaa duraanii Zoonii Gidduugaleessaa, Jireenyaa Rabbumaa qaama 'biraa' wlaiin wal qunnamsiisuuf yaalu kan qabudha.

''Interneetiin naannoo inni jiru hin jiru ture. Akka tajaajilli interneetii gadhiifamuuf gaafata ture. Karaa WhatsAppii ykn qaamaan wal arguuf yeroo gaafatu dhagahama.

''Yoo loltoonni mootummaa karaa gadhiisaniif isaan ammoo qondaalota ABO-WBO irratti tarkaanfii fudhachuuf akka haala mijeessaniif yeroo mari’atan sagalee sana irraa dhageenye. Akka mootummaan gargaarsa godhuuf yeroo gaafatan hubanne'' jedhan.

BBC'n Obbo Sanyii wayita dubbiseetti, hidhata mootummaa waliin qabaachuu gaafatamanii ''lakkii ani mootummaa waliin hojjataa hin jiru'' jechuun deebiisuun saanii ni yaadatama.

Itti dabalunis Obbo Jireenyaan, ''Jireenyaa Rabbummaa ammoo ajajaasaa Sanyii Nagaasaatti himaa ture. Sanyiin ammoo Waaqoo Shaarkiitti [ Waaqoon gidduugaleessa keessaa birgeedii hoggana ture] warra gurguddaa irratti kiyyeefadhaa dhabamsiisaa. Uummatas tahu fayyadama dabballicha..... dhabamsiisaa jedhutu dhagahama,'' jechuun qabiyyee sagalee arganne jedhanii ibsan.

BBCn sagalee jedhame kana argachuun caqasulleen, garuu sagalee jedhame sun dhugaa kan namoota maqaan eeramee tahuu fi dhiisuu akkasumas yoom akka waraabame adda hin baafanne.

''Dubbiin hin jechaa ture faallaa ABO-WBOti. Kana hordofee Ajajaan ABO-WBO koree hojii raawwachiiftuufi kaan waliin mari’achuun murtii dabarse,'' jedhan.

Yoo miseensa ABO-WBO tahanii itti fufuu barbaadan ajajaa zoonii gidduugaleessaa Abdii Dhugaatti akka gabaasaniifi hidhannoo isaanii hiikkataniif guyyaan shan kennamef jedhan.

Isaan kanas hin fudhanne. Akkuma Sanyiinuu jedhe ABO-WBO bakka hin bu’an. Tarkaanfiin barbaachisu akkaataa danbii jaarmiyichaan akka fudhatamuuf murtiin darbe jechuun waan ture BBCtti himan.

Ergasiis mootummaan miiidiyaaf haala aanjesseefii akka dubbatan godhan. Kun mootummaa waliin hojjechuu isaaf ragaadha jedhan Obbo Jireenyaan.

Wal dhabdee akkasii WBO keessatti yoo mudatu kun kan jalqabaa miti. Waggoota dheeraaf WBO, Zoonii Kibbaa hogganaa kan turan Obbo Goollicha Dheengee mootummaatti harka kennachuun qabsoo karaa nagaa gaggeessuu naaf wayya jechuun biyyatti waraanicha keessaa bahuun isaanii ni yaadatama.

Komii maqaa Hayyuu Duree fi Ajajaa Olaanaa

ABO’n erga hundaa’ee waggoota 50 ol lakkoofsiseera. Paartiin ABO qabsoo nagaa gaggeessuuf erga Ertiraa irraa biyyatti galee waraana duraan ajaja isaa jala turee fi qabsoo nagaatti osoo hin deebiin bosonatti hafe waliin hidhata akka hin qabne ifatti labseera.

ABO’n bara 2017 kora sabaa gaggeessuun heeraa fi danbii ittiin gaggeeffamuu qabu lafa kaa’ee ture.

Yeroo sanas hoggantoota ABO keessaa tokko kan turan Obbo Jireenyaa Guddataa yeroo sana hogganni ABO filame nama 83 taha jedhan. Garuu ABO’n erga MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii murtii shanee Gumiitiin qabsoo karaa nagaa filachuun biyyatti galan.

Nuyi akka ABO-WBOtti heera yeroo sana tolfame fayyadamaa jirra jedhan. Isaan keessaa jechoota muraasa jijjiirre jira. Haa tahu malee, warri biyyatti gale keessaa hoggansi gariin paaspoortii biyya biraa qabaachuu eeran.

Siyaasa biyyattii keessatti dorgomuuf hoggantoonni paaspoortii biyya alaa akka deebisan boordiin filannoo gaafannaan hedduun isaanii paaspoortii isaanii filatan jechuun dubbatan.

Isaan eenyu fa’aa akka tahan garuu hin eerre. Dabalataan hoggansi ABO gariin ammoo Paartii badhaadhinaa waliin hojjechaa waan turaniif hoggansiguutuun bakka hin jiru jedhan Obbo Jireenyaan.

Hoggansa ABO gidduuttis wal dhibdeen uumamee ture. Kaan mana hidhaa turuun dhiyeenya gadhiifaman.

Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa ammoo waajjirri waan jalaa cufameef manuma isaa waan jiruuf rakkoo keessa turan. Nuyi heera biraa hin qabnu kan jedhan Obbo Jireenyaan heeruma bara 2017 tolfame ofitti fudhanne jechuun isumaan akka gaggeeffaman himu.

Garuu paartii Finfinnee jiru waliin afaanfaajjii akka hin uumneef maqaa hoggansaa Hayyuu Duree jedhu fayyadamuu akka dhiisnu waliigalle jedhan.

Kun ABO Obbo Daawud Ibsaan hogganamu waliin wal dhabdee keessa isaan galchuuf dhiisuu hin baramne. Kanarratti hundi keenya waliigallee turre. Amma komii kana Sanyiin eessaa akka fide nuuf hin galu jechuun BBCtti himan.

Sanyii Nagaasaa eenyu?

Obbo Sanyii Nagaasaa duraan miseensa KFO ture. Booda ABOtti makamee ture. Yeroo sana mootummaa Itoophiyaan qabamee hidhaa ture. Bara 2018 erga MM Abiy aangoo qabatee mana hidhaatee bahe. Achiin boodas qabsoo hidhannoo WBO gaggeessuuti makamuun Ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa tahuun hojjetaa ture.

Marii nagaa Taanzaaniyaa booda ABO-WBO ‘’’Hoggansa Waloo’’ jechuun sirna hoggansaa haaraa ijaaree ture.

Yeroo sana Obbo Sanyii Nagaasaa ABO-WBOtti Itti Gaafatamaa dame Tikaa Oromiyaa tahuun ramadamuu Obbo Jireneyaa Guddataa BBCtti himan.

Erga waggoota shanii as Naannoo Oromiyaa keessatti sababa walitti bu'insa humnoota mootummaa fi hidhattoota ABO-WBO'n rakkoo nageenyaa hammaateera.

Bakka hedduutti uummanni bahee galuuf rakkachuu himata. Oomishuufi ijoollee isaa manneen barnootaatti ergachuuf illee rakkoo hamaa keessa jiraachuu yeroo adda addaatti komee kaasa.

Yeroo lama Taanzaaniyaatti marii nagaa kan gaggeessan mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO waliigaltee malee adda bahan.

Ammas qaamni isaani walitti fidaa ture Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa mootummaa fi ABO-WBO akka mariif taa'aniif qofa qofaatti dubbisuun akka jiru Obbo Jireenyaan BBCtti himaniiru.