Imala marii nagaa Marroo Dirribaa: Wallaggaa ka'ee hanga Wallaggaatti deebi'utti
![Kumsaa Dirribaa [Marroo] fi Daariktera Tikaa Itoophiyaa, Amb Redwan Huseen](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/1f8d/live/7c2e71e0-d6b4-11ee-9a5b-e35447f6c53b.jpg.webp)
Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa
- Barreessaa, Zelalem Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
Mootummaa Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) waggoota shanan darbaniif lolatti jiru.
Qaamoleen lamaan wal dhabdee isaanii karaa nagaatiin furuuf waliigaluun marii jalqabaa waggaa darbe Taanzaaniyaa Odola Zaanzibaar irratti gaggeeffatan.
Marii marsaa jalqabaa kana irratti eenyu maal barbaada kan jedhu walirraa hubachuun garuu waliigaltee dhumaarra osoo hin gahiin addaan galan.
Dhiyeenya ammoo marsaa lammaffaaf marii hogganoonni waraanaa WBO irratti argaman Daaree Salaamitti gaggeeffame.
Qondaalonni siyaasaa fi waraanaa mootummaa olaanoonis maricharra turan. Gama WBOn yeroo jalqabaaf ajajaan WBO Kumsaa Dirribaa kan maqaa qabsoo Marroo Dirribaa jedhamuun beekamuu fi ittaanaan isaa Gammachuu Abbooyyee akkasumas miseensoonni koree hojii raawwachiiftuu isaa maricharratti argamaniiru.
Gama mootummaa Itoophiyaan gorsaa dhimma nageenyaa MM kan turanii fi amma Daariktera olaanaa Dhaabbata Tika Itoophiyaa tahuun kan muudaman Ambasadar Reedwaan Huseen, Ministera Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoosiifi qondaalonni kaanis argamuu BBCn odeeffateera.
Mariin cufaatti gaggeeffamaa ture kun maal irratti waliigaluu maal irratti ammoo wal dhaban kan jedhu bal’inni isaa hin ibsamne.
Ofii mariin kun maal fakkaata ture? Maddi wal dhabdee isaanii kan tahe maali? Hooggansi waraanaa WBO akkamiin dirree waraanaatii hanga Taanzaaniyaa imalan? Eenyutu isaan deebise? Aangoo mootummaan dhiyeesseef maaliif didan kan jedhuufi wantoota birookaan maricha ilaalchisee hin dhagahamiin irratti Gorsaa Olaanaa Ajajaa Olaanaa WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa waliin turtii taasifneerra.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
=======================================================
BBC: Marii marsaa lammataa Taanzaaniyaa Daaree Salaamitti taa’ame irratti hoggansi WBO Marroo Dirribaa fa’aa argamanii ture. Guyyaa jalqabaa qondaalota mootummaa waliin gaafa wal argan miirri isaan gidduu ture maal fakkaata ture?
Obbo Jireenyaa: Qaamni wal lolaa turee walitti dhufe harkaan wal hin tuqiin malee taa’ee ijaan inuma wal waraana. Seeratu jira, qaama idil-adunyaa walitti nu fidetu jiraaf malee walitti dubbachuunuu ulfaataa ture. Sirnaafi seeratu jiraati achi jirta waan taheef teenyee waliin dubbanne. Biyyattiinis wabii waan nuuf kenniteef naamusaan gadi teenyee waliin dubbachaa turre.
BBC: Aadaa Itoophiyaa keessatti yeroo wal argan wal dubbisuun waanuma beekamu. Turtii keessaniin ganama ganama yeroo wal argitan wal dubbistuu? Ykn waliin qoostanii beektuu?
Obbo Jireenyaa: Namuu kan garaa garaatti qabatee wal dubbisaa turre. Wal sodaachaama wal bira taa’aa waan garaatii qabu ammoo walitti dubbachaa turre.
Osooma namatti hadhaa’uu teenyee waliin dubbachaa turre. Wal ajjeesuu fi miidhaan dhaqabaa ture hamaa waan taheef, sanuma furuufis wal argine waan taheef teenyee mari’ataa turre.
BBC: Qaama kamtu Marroo Dirribaa dirree waraanaatii baasee Daaree Salaam geesse? IGAD, Ameerikaa moo eenyuu? Mootummaa Itoophiyaa waliin akkamiin wal amantaa irra gahuun qilleensa mootummaan to’atamu keessa bahe?
Obbo Jireenyaa: Mootumaa waliin takkaayyuu wal amantaan jiraatee hin beeku. Garuu qaama sadaffaa nu gidduu jiru waliin waan mallatteessan qabu ture. Kanaaf xiyyaara Waldaa Fannoo Diimaatiin bahe.
Garuu marfamuun tureera. Akka mallatteessanitti loltuun mootummaa naannoo Marroon turerraa yoo xiqqaate Km 70 fagaachuu qabu ture. Garuu mootummaan Itoophiyaa isas hin goone. Garuu kabajaa waamicha kanaaf qabaniin deeggarsa qaama sadaffaan achii bahee dhufe.
BBC: Eessatti xiyyaara kan seene?
Obbo Jireenyaa: Jalqaba Waldaa Qaxxaamura Diimaatu helikoopteraan bakka turee fuudhee gara magaalaa Dambi Doolloo geese. Magaaluma Dambi Doollootti xiyyaara galee deeme. Achirraa Keeniyaa, Keeniyaa irraa ammoo Taanzaaniyaatti imale.
BBC: Dubbii keenya irratti daabee isaa sana haaddateemoo akkasumaan marii sanaaf ture?
Lakki! Ni dide. Kun miidhaginakooti. Ittiinan boona, mallatto qabsoo keenyaati jechuun dide. Akkuma sanatti maricha irrattis hirmaatee deebi'e.
Mariin marsaa lammaffaa akka walii hingalle maaltu danqaa tahe?
BBC: Marii marsaa lammaffaa Daaree Salaamitti taa’ame irra miira akkamiitu ture? Kan Zaanzibaar irraa maaltu adda godha?
Obbo Jireenyaa: Lameenuu Taanzaaniyaa keessatti gaggeeffame. Garuu kan marsaa jalqabaa Zaanzibaar sun yeroo wal baruu ture. Qaamoleen gidduu keenya jiran walitti nu fiduun maal akka barbaannu yerootti waliif ibsinedha. Wal shakkii fi sodaan gidduu keenya tureera.
Kan lammaffaa Daaree Salaamitti taa’ame kan adda godhu namoota lubbuu walii balleessuu barbaaadutu fuulaa fuulatti wal arge.
Ajajaan WBO yeroo hedduu ajjeefameera jedhamaa ture Marrootu waahiillan hoggansa waraanaa kaan waliin irratti argame. Warri walitti nu fide ni dhufaa kan jedhus shakkii qabu ture. Nus qaamaan yoo isa arginu hedduu gammadne. Isa achii baasuuf oppireeshinii baay’ee cimaa tahetu gaggeefame.
BBC: Marii marsaa lammaffaa irratti maal irratti gara wal hubannootti dhuftan? Qabxii ijoo marichaa maal ture?
Obbo Jireenyaa: Dhimmoota hedduutu ka’e. Isaan keessaa waan wal nama falmisiisu lamatu ture. Tokkoffaa dhimma waraanaa fi nageenyaati. Kan biraa dhimma siyaasaati.
Gama keenyaan rakkoon bu’uuraa biyyichaa rakkoo siyaasati. Isatu furmaata hin arganneef gara waraanaatti galamee jenne. Isaan ammo lakkii, rakkoon siyaasaa hin jiru. Nuyi ummataan filamnee aangoo qabanne kan jedhutu ka’e. Maaltu waraanatti nu galcheree kan jedhuuf garuu deebii gahaa hin arganne.
Gaaffii ummataatu jira. Loltuu biyyaafi poolisii qabattanii akka uummanni bilisaan hiree isaa hin murteeffanne gootaniittu kan jedhudha. Ummatarraa lola dhaabaa, loltuun biyyaa dhimma siyaasaa keessa hin galiin. Loltuufi qaamni nageenyaa to’annoo paartii tokko jalaa galuu hin qabu jenne.
Qaamuma aangoo siyaasaa to’atetu, dhimma siyaasaafi ummataa irratti murteessa. Paartileen siyaasaa kaanis hammatamuu qabu. Boordii filannoo, qaamoleen mirga namaaf falman, miidiyaafi dhaabbileen haqaa bilisa tahuu qabu kan jedhu kaasne.
Paartii tokkoon to’atamuun aangoo isaa ittiin tikfachuuf kan itti fayyadamu tahuu hin qabu, gadhiisaa kan jedhu ture. Gaafas nuyis irratti hirmaannee filannoo irratti hirmaachuu dandeenya jennaan kanatu fudhatama hin arganne.
Akka Itaamaajooriin waraana biyyaa 'gaaffiin siyaasaa deebi’ee jira, gaaffiin lafaa bara Dargii, kan eenyummaa bara TPLF, kan siyaasaa ammo bara Badhaadhinaa keessa deebi’eera’ jedhanii akak dubbatan tahuu hin qabu. Ajajaan waraanaa kan biyyaati malee kan paartii tokkoo miti. Haala kanaan dubbachuu hin qabu ture.
BBC: Waraana mootummaa isin walin wal lolaa jiru kan hogganu isaan. Kanaaf dubbachuu hin qaban jettanii akkamiin qeeqxu?
Obbo Jireenyaa; Isaan kan biyyaati. Paartilee kaaniyyuu tiksuuf itti gaafatama qabu. Ilaalcha paartii biyya bulchuu qofa calaqisiisuu hin qaban jennee amanna.
Akka waliigalaatti gaaffii uummata Oromoo hedduu kaasne. Isaan keessaa daangaa Oromoo Walloo, Finfinneefi magaalaa Dirree Dhawaa akkasumas Afaan Oromoo afaan Federaalaa akka tahu kaasnee ture. Mirga sabaaf-sablammoota hundaa karaa kabajeen akkatti murtaa’uu qaburratti dubbannee qabxiileen irratti wal hubanne jiru. Dhimmi ijoon garuu dhimma waraanaafi humna nageenyaa ture.
BBC: MM Abiy aangoo karaa qawwee argachuuf hin yaadiinaa. Koottaa, filannoo irratti hirmaadhaatii aangoo qabadhaa jedhan. Maaliif karaa qawwee qabsooftu?
Obbo Jireenyaa: Aangoon kan uummataati. Isaan garuu aangoo isaanii afaan qawween tikfatu. Kanaaf akka WBO meeshaa hiikkatu barbaadu. Gaaffiin siyaasaa uummata keenyaa waan deebii hin arganneef uummata kanaaf kan dhaabbatu waraana keenya jennee waan amannuuf qawwee kaasne nuyis. Gaaffii siyaasaa jiru deebii dhabnaan qawwee hidhanne.
Sun osoo hin deebi’iin akkamiin qawwee lafa kaa’uun danda’ama? Gaaffiin ummataa yoo haalaan deebi’e loltuun har’a qawwee qabatee bosona jiru qaamuma nageenya uumataa tiksuu tahuu danda’a.
Kaan ammoo ummata isaatti deebi’uun hojii ogummaa isaa hojjechuu danda’aa ture. Garuu gaaffii gaafateef deebii waan dhabeef hidhate.
![Obbo Jireenyaa Guddataa, Gorsaa olaanaa ABO-WBO [Bitarraan], Amb Reedwaan Huseen, Daariktera Tika Itoophiyaa](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/fedb/live/0b1843a0-d727-11ee-b83b-0f87a864f372.jpg.webp)
Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa/ Tiwitera Amb Redwaan
BBC: Osoo mootummaan WBO waliin wal loluu akkamiin gaaffii misoomaa fi siyaasaa umataa deebisa? Gaaffii kaastan kanaafuu deebii akkamii isinii kennan?
Obbo Jireenyaa: Isaan WBO mootummaa diiguufi heera cabsuu barbaada jedhu. Nuyi mootummaa heeraan filatamnedha jedhan. Dhugaan jiru garuu ummata meeqatu bilisaan isaan filate? Oromiyaa keessa paartileen mormituu dorgoman hin turre. Gaaddiduu isaanii waliin dorgomanii mo’atanii?
BBC: Mootummaan osoo isin waliin wal lolaa jiruu akkamiin gaaffii siyaasaa deebisa? Osoo bosona jirtanii akkamiin gaaffiin keessan deebi’a?
Obbo Jireenyaa: Hunduu wal cinaa deema. Mootummaan waan kennutu jira. WBO ammoo tarkaanfii mootummaa irratti hundaa’uun waan godhutu jira.
BBC: Mootummaa irraa maal barbaaddu? Mootummaa waloo hundeessuu? Aangoo qooddachuu jedhamaa ture. Kun dhugaadhaa? Aangoo kam fa’aa gaafattan?
Obbo Jireenyaa: Aangoo akka dhuunfaatti gaafanne hin qabnu. Nuyi sirna hundaaf hojjetudha gaafanne. Sirni hundaan hojjetu gaafa jiraatu waraanaanis humnaanis uumata hin rakkistu.
Nuyi kan jenne waan irratti waliigallu hojiitti hiikuuf qofaa keessan hin dandeessan. Jaarmiyaaleen mormituu kaanis hammatamuu qabu kan jedhudha. Nuyi aangoo galma godhannee imalaa hin jirru. Sirna jabaa ijaaruu malee. Isaan ammoo akka galmi keenya aangoo tahe wayii namoota dhuunfaaf aangoo kennuuf dhiyeessan.
BBC: Sii fi Marroof aangoo akkamii sinii dhiyeessan? Aangoo hoggansa waraanaa, poolsii, tika biyyaa….?
Obbo Jireenyaa: Dhimma nageenya biyyicha keessaa irratti mootummaafi WBO ilaallata. Dhimmota siyaasaa kaan keessatti ammoo kaanis hammatamuu qaba jenne.
Aangoon nuuf dhumma addunyaa miti. Aangoon ummataaf tahuu qaba. Isaan ammoo aangoon dhuma waan hundaa tahee itti mul’ate. Nuyi sirna walabaafi haqaati kan gaafanne.
BBC: Mootummaan akka gara qabsoo nagaatti deebi’aniif waan gaafattan hundaa kennineef jennaan didan jedha. Maaliif diddan?
Obbo Jireenyaa: Isaan aangoo nuuf kennuu barbaadu. Garuu nuyi kan jennu aangoon kan umataati malee kan isaaniis miti. Nuyi lola dhaabnee sirna aangoo ummataaf kennu ijaarra jenne malee isaan harkaa aangoo fudhachuu miti. Sirnicha waliin ijaarra jenne malee waan nuuf dhiyeessan jira.
Lakkoofsaan federaalaa hanga onaatti isiniif yoo kennine kan jedhu yaadni ture. Kun gatii hin qabu. Kun [aangoon] ummatarraa dhufuu qaba jenne. Isaaniifis gaarii kan tahu, furmaata garee xiqqoon fidnu miti. Waraana keessa jiru. Waraanni ammoo nama nyaata.
Isaan aangoo tahe nuuf kennanii akka barbaadan to’achuu barbaadu. Gaaffiin keenya dhimma aangoo miti.
BBC: Godinaalee Oromiyaa sababa rakkoo nageenyaan miidhaman keessaa gara jalqabaa irraa eeguluun godinaaleen Wallaggaa ni eeramu. Kaanis rakkoo wal fakkaataa keessa jiru. Tibbana MM Abiy Wallaggaaf qofa ijaarsa daandiif qofa biliyoona hedduu ramadanii garuu lola keessa jiru waan taheef ''garatti hojjennu dhabne'' jedhan. Isin waliin osoo wal lolanii akkamiin ummataaf hojjetu?
Obbo Jireenyaa: Mootummaan kun osoo mirga namaa hin kabajiin misooma akkamii hojjeta? Humni nageenyaa Itoophiyaa ummatarra dararaa osoo geessisuu akkamiin misooma hojjeta?
WBO deeggartu jechuun dararaa akkamiitu namoota nagaarra gahaa jira? Akka seeraatti loltuun WBO yoo qabameyyuu ajjeefamuu hin qabu. Garuu Itoophiyaatti namoota nagaa hedduutu mana hidhaatii baafamuun ajjeefama. Dura mirga ummataa kabajuudha.
BBC: Ummanni Oromoo afaan isaa dubbataa jira. Ofiin of bulchaa jira. Qabeenya isaarratti ajajaa jira. Misooma irraa fayyadamaa jira jedha mootummaan. Isin kanarraa ilaalcha addaa qabduu?
Obbo Jireenyaa: Uummanni Oromoo saba guddaadha. Siyaasa Itoophiyaa keessatti mootummaa bakkaa kaasa, garuu aangoo olaanaa hin qabanne. Bara Haayilesillaasee aangoorraa kaasu shoora olaanaa qaba. Garuu Dargii keessa eenyurraa akka fayyadame ni beekama.
Bara Dargiin kufus akkasuma ummanni kun qabsaa’era. Ammas waan TPLF bixxileen aangoo dhabe. Ammas qabsoo qeerroon TPLF gaafa kufu aangoon akkamiin akka butame beekna.
Warri aangoorra jiru warruma ummata kana dararaa tureedha. Warruma yeroo sana uummata irraa hanneerra jedhanii ifatti dhiifama gaafatan.
Lakkoofsi uummata Oromoo waggoota muraasatti ajjeefame waggoota 100tti tahee beekaa?
Garee xiqqoon wal ijaaree aangoo argatee qabeenya horateera taha. Garuu ummata miliyoona 60 keessaa hammamtu fayyadamaa taheera?
BBC: Guyyaa xumura marii sana ibsi baastan waan ariitiin tahe ykn aariin wayii waan jiru fakkaata. Qaamni walgahicha dhiitee bahe jiraa? Qabxii kamtu isin aarsee adda isin baase?
Obbo Jireenyaa: Guyyicha dhimma siyaasaa akkamiin furra kan jedhu osoo dubbannuu mufatanii dhiisanii bahanii Tiwiiteriitti baasan.
Nagaa fiduuf erga deemtee obsa qabaachuu barbaada. Isaantu osoo dubbannuu dhiise bahe jennaan nuyis booda ibsa baasne. Akki itti xumurame gaarii hin turre.
BBC: Dhumarrati Marroon eessa ture kan jedhu gaafatamaa ture. Qaamuma bosonaa baasetu biyyatti galchee?
Obbo Jireenyaa: Mootummaan Itoophiyaa waadaa jalqaba gale keessaa kan cabse qaba. Marroo fa’aa kan bosonaa baase warra Waldaa Fannoo Diimaati. Faranjootatu achi deemee fide. Ameerikaa, Noorwey fa’aa irraati namoonni deemanii fidan.
Deebisuufis itti gaafatama qabu ture. Mootummaan Itoophiyaa Fannoo Diimaa waliin waliigaltee mallatteessee ture. Garuu mootummaan waadaa cabsuun deebisanii galchuu akka hin dandeenye nutti himan.
Karoora addaa qabaachuu danda’u taha. Amma karaa mataa keenyaan dirree irraa bahanitti deebisnee galchineerra. Garuu yerootti kana dubbannu qabna. Ammaaf kanuman jedha. Dhimma kanarratti mootummaan waan ibseeru hin qabu.
BBC: Marii marsaa sadaffaaf abdii maaltu jira?
Obbo Jireenyaa:Akkaataatti marsaa lammafaa xumurame gaarii waan hin turreef ergasii soo waliin hin dubbatiin turreerra.
Ammas rakkoo kana furuuf yoo qophii tahan nuyis mari’achuuf qophiidha. Mootummaan Itoophiyaa WBO waliin ammas yeroo dhumaaf marii nagaa gaggeessuun rakkoo nageenyaa biyyattii keessaa furuuf qophiidha.
Aduu torban tokkoo hin guuneen as nu qunnamaniiru waa'eedhuma marii kanaaf, garuu ammatti waanti qabatamaan irra geenye hin jiru.
BBC: Ulfaadha Obbo Jireenyaa.
Obbo Jireenyaa: Isinilleen galatomaa.












