Dhimma Obbo Taayyeen walqabatee hogganaan mana sirreessaa akka dhiyaatan manni murtii irra deebiin ajaje

Obbo Taayyee Danda'aa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Beellama har'aatiin Obbo Taayyee Danda'aa harkisaanii kaateenaan osoo hin hidhamin dhaddachatti dhiyaachuusaanii abukaatoonsaanii himaniiru.

Himatawwan sadii irratti banamee dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti ilaalamaa kan jiru Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee Oromiyaa, Obbo Taayyee Danda'aa, beellama har'aatiin kaateenaa malee dhaddachatti dhiyaachuunsaanii himameera.

Mana sirreessaa Abbaa Saamu'el jedhamuun beekamutti kan argaman angawaan duraanii kun beellama Guraandhala 6, 2018 tureen dhimma kaateenaan harkisaanii hidhamuun walqabatee dhaddachatti osoo hindhiyaatin hafanii ture.

Guyyichattis manni murtichaa Obbo Taayyeen kaateenaa malee akka dhiyaatan har'atti beellamee ture.

Kana malees "hogganaan mana sirreessichaa beellamawwan darberratti Obbo Taayyeedhaan 'kaateenaa yoo sif goone malee sin dhiyeessinu' jechuun hambisan sababasaanii qabatanii akka dhiyaataniif ajaja kennee ture" jechuun abukaatoon himatamaa Obbo Abarraa Nigus BBCtti himaniiru.

Haa ta'u malee ajajni mana murtichaa inni lammafaan akka hin raawwatamnefi hogganaan mana sirreessichaa beellama har'aa irratti dhaddachatti osoo hindhiyaatin hafuusaanii himaniiru.

Manni murtichaas angawaan mana sirreessichaa ALI Bitoottessa 4, 2018 dhaddachatti dhiyaachuun akka hubachiisaniif irra deebiin ajaja kennuusaa Obbo Abarraan himaniiru.

"Ajajni mana murtii isaan qaqqabee maaliif akka hindhufne ibsa dabalataa qabatanii akka dhiyaatan beellamni kennameera" jedhan.

Hogganaan mana sirreessichaa kanaan dura dhaddachatti dhiyaatanii ajaja mana amurtii fudhatanii akka turan kan himan abukaatoon kun, "irra deebiin ajaja mana murtii darbuun 'Obbo Taayyee kaateenaan yoo ta'e malee hindhiyeessinu' jechuun beellama Guraandhala 4, 2018 osoo dhaddachatti hindhiyeessin hafan" jedhan.

Gama biraatiin hojjetaan mana sirreessichaa dhaddacharratti argaman dhaddacharraa hafuu hogganaa mana sirreessichaan walqabatee wanti beekan akka hinjirre dubbachuusaanii himaniiru.

"Dhimma kanarratti wanti beekan akka hinjirre, hojii idilee isaanii hojjechuuf akka dhufan fi ajajni addaa isaan qaqqabe akka hinjirre dhaddachatti himaniiru" jedhan.

Dhimma ragaalee Abbaa Alangaafi yaada himatamaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Himatawwan haaraa sadeen Obbo Taayyeerratti saaqaman ilaalchisee Abbaan Alangaa ragaalee viidiyoofi sanadaa dhiyeessee himatamaanis deebiisaanii barreeffamaan dhiyeessusaanii abukaatoon himaniiru.

Dhaddacha har'aa irrattis dhimma kanaan walqabatee Obbo Taayyeen, manni murtichaa ragaalee Abbaa Alangaafi deebii isaanii qorachuun jalamurtii akka laatuuf gaafachuunsaanii himameera.

"Dhimma kanaan walqabatee manni murtichaa ofirraa yaa ittisanmoo yookiin bilisaan yaa gadhiifaman (Obbo Taayyeen) kan jedhu jalamurtii akka nuuf laatuuf gaafii dhiyeessinee turre" jedhan.

Haa ta'u malee manni murtichaa gaafii mirgaa himatamaafi abukaatoonsaanii dhiyeessanirratti furmaata osoo hinlaatin himaticharratti jalamurtii akka hinlaanne himuusaa dubbatan.

"Manni murtichaa 'iyyata sarbama mirgaarratti dhiyeessitanirratti furmaata osoo hinlaatin jalamurtii hinlaannu' waan jedheef achirratti komii dhiyeessineerra.

Obbo Taayyeenis keessattu haqa saffisaa argachuun walqabatee jalamurtiin yeroo gabaabaa keessatti akka laatamuuf iyyata dhiyeessanillee manni murtiichaa hinfudhanne" jedhan.

Haata'u malee, itti waliigaluu baatanis ajaja mana murtii fudhachuusaanii himaniiru.

Himatawwan sadeen maal of keessaa qabu?

Aangoorraa kaafamanii erga hidhamanii booda himatawwan sadi kan irratti baname Obbo Taayyeen, himata lamaan bilisa jedhamanii isa tokkoon immoo hidhaan cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birriin 5,000 irratti murtaa'uunsaa ni yaadatama.

Ji'oota muraasa durammoo gaafif deebii toora miidiyaa hawaasummaa 'Horn Conversation' jedhamu waliin taasisan ka'umsa gochuun himatawwan haaraa sadi irratti banamuusaa ni yaadatama.

Abbaan Alangaa jalqaba Obbo Taayyeen eeruun, himanni kunis Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 257 cabsaniiru kan jedhu himata tokkoffaa gochuun dhiyeesse ture.

Haa ta'u malee himata kana akka fooyyessu mana murtichaan ajajni kennamuusaatiin himaticha gara Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 238/1tti jijjiireera.

"Seerri yakkaa keewwanni fooyya'e kuni 'Heera mootummaa fi sirna heera mootummaan hundaa'e humnaan diiguu kan jedhu fi qabiyyee hedduu kan ofjalatti hamate" jechuun abukaatoon himatamaa BBC'tti himanii ture.

Himanni inni lammaffaan immoo Raayyaa Ittisaa ilaalchisee odeeffannoo sobaafi dogongorsiisaa ta'e dubbataniiru kan jedhudha.

Himanni kun 'Haleellaa Izzii Kaabaa (Raayyaa Ittisaa) irratti raawwatamefi dhimmoota biroo ilaalchisee odeeffannoo dogongorsiisaafi soba ta'e kennaniiru. Kunis miidiyaa hawaasaa 'Horn Conversation' jedhamuun tamsa'e' kan jedhu akka ta'e Obbo Abarraan himanii ture.

"Himanni sadaffaan immoo gaafif deebii 'Horn Conversation' waliin taasisanfi kutaalee sadiin tamsa'erratti sirna seeraan hundaa'erratti duula gochuun yakka mootummaa biyyattii sarbuu kan jedhudha" jedhan.

Himanni Obbo Taayyeerratti saaqame inni lammaffaan Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 337 kan ilaallatu yemmuu ta'u, himanni sadaffaan immoo keewwata 244 kan ilaallatu akka ta'es abukaatichi dubbachuunsaanii ni yaadatama.