Namni siyaasaa ija jabinaan dubbachuu abbaarraa dhaalan, Taayyee Danda'aa, eenyu?

- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Namni siyaasaa Obbo Taayyee Danda’aa, kaaniif goota, kaaniif ammoo rincicaadha jechuun isaan qeequ. Qeeqxonni paartii isaanii keessa jiranimmoo nama ''siyaasni hin galiiniif'' jedhuun.
Kunis ta’u miidiyaa hawaasummaa gara caalu dirree sagalee mormituu ta’eerratti aangawoota siyaasaa ija jabaatanii kataban keessaa adda dureedha.
Waan amanan ifatti dubbatu, afoolaan ergaa dabarfatu. Akka isaan jedhanitti duulli, himannaa, komiin, arrabsoofi doorsisoon 'girrisaa' isaan hin dhiphisu.
Bara mormii ummataa rogeessa siyaasaa turan. Boodarra aangootti dhufanii qondaala paartii biyya bulchuufi aangawaa olaanaa mootummaa ta’uun tajaajilan.
Duris, aangoo qabatanis waan itti fakkaate, waan itti amanan dubbachuu garuu hin dhiifne.
Boodarra dhimma nagaa irra deddeebiin kaasuu isaaniin dura yeroo waraana kaaba Itoophiyaa waraana deeggaraa turan. Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘Shanee’ jedhurrattis himannaa jabaa katabaa bahan.
Morkattoota isaanii qofa osoo hin taane aangawoota olaanoo Naannoo Oromiyaa kaayyoorraa goran jedhan qeeqanis katabaniiru. Ittis qoratamaniiru.
Barataan Seeraa duraanii Yunivarsiitii Finfinnee kun, mootummaa keessas ta’anii bulchaa Itoophiyaa leellisaa bahan jecha jabaan qeeqan.
Waan kana dura biyya keessatti ta’ee hin beekne dalagan jedhu kanneen siyaasa biyyattii xiinxalan.
Obbo Taayyeen mootummaa garagaraa keessattis shororkeessummaafi mootummaa kuffisuuf yaaluun deddeebiin himatamanii murtiin irratti darbeera. Isaan garuu himannaa kanneen ni mormu.
Ammas waggoota 20 keessa umurii isaanii keessaa 1/4ffaa bakkee itti dabarsan seenaniiru - mana hidhaa.
Dhuguma Obbo Taayyee Danda’aan nama falmisiisaadha. Kana keessatti wanti adda isaan godhu garuu waan tokkotu jira.
Kanneen itti dhiheenyaan isaan beekan akka jedhanitti, waan yaadan galmaan gahuuf ‘boollayyuu ni seenu’.
Obbo Taayyeen garuu eenyu? Seenaan dudduubee isaanii maal hima? Ijoollummaatti nama akkamiiti? Maatiin isaanii waa’ee guddina isaanii maal jedhu?
Maddeen garaa garaa irraa kan iyyaafannee akkasiin qixeessineerraa, dhayaadhaa!
'Rakkatee barate'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Taayyeen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti ALI Bara 1970 dhalatan.
“Taayyeen yeroo ijoollummaatti nama rakkoo keessatti guddatteedha,’’ jedhu obboleessi isaanii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan.
“Nama gargaaruu gubbaatti nama duubatti hin deebine tahuusaa beekna, keessumaa waan rakkoo namoota irra gahuf maaliif jedhee maatii keessattillee falmaa ture.’’
Obboleessi isaanii kun Obbo Taayyee yoo ibsan, ''nama dhugaaf bakka guddaa qabu,’’ jechuun waan barbaadan galmaan gahuuf nama dhamahan akka ta’an himu.
Obbo Taayyeen waa’ee isaanii kana dura BBC’tti yoo himan, ''Warri kiyya beeki, baay’ee rakkinaan na barsiisan,'' jedhan.
Obboleessi isaaniis kana mirkaneessu. ''Waliigala nama rakkoo keessatti guddate Taayyeen, ilma qote-bulaa [qonnaan-bulaa] waan taheef.’’
Taayyeen akka barattoota bara isaanii jiran baay’eetti siyaasa keessa qooda kan fudhachuu eegalan barataa barnoota sadarkaa 2ffaa yeroo turanittidha.
Bulchiinsa ADWUI kan TPLF keessatti olaantummaa qabu keessatti ummanni Oromoo hacuuccaa siyaasaafi dinagdee himataa ture.
''Rakkoo ummata Oromoo irra gahaa ture mana keessa dubbachuu ijoollee waliin hirmaachuu kan eegalan yeroo sana,’’ ture jedhu obboleessi isaanii.

Barumsa isaaniinis cimaa turan. Yeroo ammaa US kan jiraatan Obbo Xibabuu Simee Obbo Taayyee waliin Mana-Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Gabra Gurraachaatti baratan.
''Taayyeen barataa cimaadha. Sirriitti beekama. Walumaanillee compete gochaa [wal dorgomaa] turre.’’
Barri sun bara barattoonni bulchiinsa ADWUI irratti dhoksaan sochii siyaasaa gaggeessaa turanidha.
''Nama waan itti amane tokko ifatti dubbatuudha. Kallattumaan sitti dubbata waan sirratti hubate. Siyaasa keessattis kanuma calaqqisiise,” jedhu Obbo Xibabuun.
Obbo Xibabuun gara Yunivarsiitii Baahirdaar, Obbo Taayyeen immoo gara Yunivarsiitii Finfinnee osoo hin deemiin dura sochii siyaasaa waliin godhaa turuu himu.
''Qabsoo goonu sana keessatti Taayyeen baay’ee strict [qajeelloon hoogganamuu] ture. Qabsoon amma goonu kuni qabsoo gara hidhannoollee deemuu danda’a.
''Kanaafuu nyaata nyaannu kana xiqqeessinee nyaachuu qabna jedhee leenjii nuuf kennaa ture.’’
Baayyeen 'ajaa'ibsiifadhan ture'
Obbo Xibabuun Obbo Taayyee waliin yeroo gabaabaafis ta’u mana kiraa tokko keessa waliin jiraataniiru.
''Naamusaan deemuu barbaada qabsoo keessatti. Kan biraammoo Taayyeen baay’ee qindaa’aadha. Diary [barruu oolmaa guyyuu itti galmeessan] qaba. Guyyaa guyyaadhaan waan dalage ni barreessa.
''Af-gaaffii yeroo darbe BBC irratti gaafattan yoo ilaalte akkitti qindaa’ee sitti haasa’u ‘guyyaa akkanaa walgahii namni hammi suni irratti hirmaate’ jedhee haasa’u ‘diary’ waan barreeffatuuf.
''Baay’een ajaa’ibsiifadha tureeyyuu. Afaan Ingiliffaan ittan foyyeessa jedhee Afaan Ingiliffaan barreessa,’’ ture jedhu yeroo barataa sadarkaa lammaffaa ture san.
Obboleessi isaanii akka jedhanitti, Obbo Taayyeen bara dargaggummaa isaaniitti kitaabota seenaa dubbisaa turan, miidiyaalees itti dhiheenyaan caqasa turan.
''Raadiyoo ishee xiiqqoo yeroo barnootaan ala kiisa isaatii nama dhabu miti,’’ jedhu.
''Keessumaa barnoota isaa sadarakaa lammaffaa gaafa seenu akka malee hordofuun, rakkoo ummata Oromoorra gahaa ture mana keessa dubbachuu ijoollee waliin hiramaachuu kan eegalan.’’
'Barataa Viitoo'
Obbo Taayyeen qormaata kutaa 12ffaa qabxii isa olaanaa afur keessaa 3.8 galmeessuu obboleessi isaa ni himu.
ALI Bara 1994 keessas Yunivarsiitii Finfinnee Muummee Seeraa seenan. Namoota waliin Seera baratan keessaa Nageessaa Oddoo Duubeen tokko. Waggaa 20 oliif isaan beeku.
Taayyeen barataa cimaa, barattoonni barruu isaa fuudhanii koppii tolchuun qo’atanidha jechuun ibsu.
‘‘Akkuma yunivarsitii galleen barattoota Fireeshii Yunivarsitii galan kana walitti qabee qo’achiisuu, akka barumsarraa hin ari’amne baruumsaan cimsuu, gorsuurratti yeroosaa dabarsa.
‘‘Ijoollee baay’ee qo’achiisa ture,'' kan jedhummoo hiriyyaa isaa biroo Gaazexeessaa Birraa [maqaan duraanii Dassaalany] Laggasaadha.
Kana birattimmoo gaaffiiwwan kanneen akka Gumiin Aadaafi Afaan Oromoo (GAAO) akka Yunivarsitii Finfinneetti banamu barattoota kaan waliin socho’aa ture.
‘‘Taayyeen idduma dhaqe hundatti mucaa dura hiriirudha,’’ jechuun ibsa.
Sochii siyaasaafi mirgaa taasisu keessatti yeroo adda addaatti hidhaa gaggabaabaa garagaraaf saaxilamuu dubbatu.
Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo haadha warraa Obbo Taayyeeti. Nama siyaasaa GAAO’tti walbaraniif ijoollee lama dahaniiru. Yeroos isaan walaloofi hog-barruu adda addaa dhiheessu turan.
Dursanii kan qo’atan Obbo Taayyeen barsiisota falmuunis beekamu. ''Daree keessa yoggaa yaada wayii mormee yeroo baay’ee barsiisaallee taatu ni mo’ata.
''Baay’ee dubbisa. Baay’ee ‘critical’ waan dhiheessuuf maqaan tokko Vito Taayyee jettiin barattooti,’’ jedhu Obbo Nageessaan. Viitoon sagalee sagaleen mo’achuu ykn olaantummaa qabaachuu jechuudha.
Keessumaa ALI bara 1996 Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa teessoo isaa Finfinneerraa Adaamaatti jijjiiramuu hojiirra ooluu eegaluun mormii kaase.
Yeroo kana barattoonni Yunivarsiitii Finfinnee ALI Muddee 26, 1996 Addabaabayii Masqalaatti hirira bahan. Mormiin guyyootaaf yunivarsitii keessas babal’ate, hookkarris uumame.
Sababa kanaan barattoonni Oromoo 300 ol barumsarraa ari’aman. Kanneen keessaa Obbo Taayyee Danda’aa tokkodha.
Barattoota sochii kanaan qabamanii hidhaman keessaa yeroos barataa waggaa jalqabaa kan ta’e Ajajaan WBO ammaa Kumsaa Dirribaa [Marroo] ni argama.

Madda suuraa, Nagessa Oddo
Barattoonni kunneen turtii ji’a lamatti siquuf erga hidhaa turan booda wabiin bahan. Ta’us, barumsatti deebi’uu waan hin dandeenyeef kaan biyyaa baqachuu, kaan ammoo gara dirree waraanaatti sosso’an.
Yeroos Obbo Taayyeen gara Baha Oromiyaatti ijoollee filatee adeemuu himu hiriyyooti isaanii yeroos waliin hidhaman.
''Leenjinee loluu feena. Mallas fa’a osoo mootummaan barnootarraa hin ari’in daba tokko osoo irratti hin hojjetamin osumaa murteeffatanii deemaniitu lolanii mootummaa ta’an.
''Nu ka jarri nu dhiibdee nu ariite ammoo akkamitti caldhifnee teennee isaan kadhanna yaada jedhu kaase,’’ jedhu Obbo Nageessaan.
Haata’u malee, baatii muraasa booda Obbo Taayyeen fa’i barattoota kaan waliin hidhamanii dhufan. Kan biraa du’an, akkasums miidhaman jiru.
''Nu hidhamnee ji’a jaha turree osoo jirruu nama afur isa wajjiin qabamanii hidhamanii dhufani. Namootuma hoogganaa naannoo sanii jedhameetu qabsiise.
''Taayyeen achirraa jalqabee [ABO] balaaleeffachuu jalqabe,’’ jedhu Obbo Nageessaan.
Hidhaa Adoolessa bara 1996 kanaan Obbo Taayyeen fa’i shoroorkeessummaan shakkamanii to'annoo jala kan oolan.
Ergasii waajjiraalee poolisii, manneen murtiifi manneen hidhaatti deddeebi'uun hiree isaanii ta’e.
Waggoota lamaa oliif mana murtiitti erga deddeebi'anii booda, ALI Guraandhala bara 1999 yakka ittiin himataman irraa bilisaan gadhiifaman.
Barataa seeraa kanaaf manni hidhaa bakka ''waan baay’ee’’ irraa baratanidha.
"Kitaaba dubbisuufi maanguddoota beekumsa aadaafi duudhaa qaban irraa galaa guduunfadheen bahe" jechuun kana dura BBC’tti himan.
Hiriyyooti isaanii wanta baay’een Obbo Taayyee yaadatu. Barattooti Yunivarsitii araada garagaraaf yoo saaxilaman Obbo Taayyeen garuu kanarra bilisa turan.
''Waan enjoyment [bashannana] jedhamu jireenya isaa keessa guddoo hin jiru,’’ jedhu Nageessaan.
''Waan ani yaadadhu keessaa eegii waggaa sadii hidhamnee baaneen duuba nama wayiitu affeeren se’a dhugaatii yeroo tokko dhuge. Galee barreeffatee nattillee hime.
''Waan sadii balleesse jedhe. Qaruuraa meeqa akka inni dhuge hin beeku garuu tokkoffaa wanti balleesse yeroodha. Yeroo taa’anii waa dhugan suni yeroo waa itti hojjetuu danda’an.
‘'Lammaffaa maallaqa balleessuudha. Sadeessoo ammoo fayyaa kee jedhi. Badii hamaadha jedhe,’’ jechuu isaanii yaadatu.
Nami siyaasaa kun yeroo aangoorra turan aangawoota Naannoo Oromiyaa ''Wuskii cirriiqfatu’’ jedhan rakkoo Oromiyaa keessa adeemaa jiruuf irra deddeebiin himataa turan.
'Qalbiin na tuqamte'
Obbo Taayyeen hidhaa waggaa sadii booda barumsatti deebi’anii barnoota xumuran. Waraqaa qorannoollee eebbaaf qopheessan.
Waraqaan kuni wantoota mana hidhaa keessa taajjabaniirratti xiyyeeffata.
Qorannoon isaanii kuni waa’ee namoota 'Beenyaa namoota dogoggoraan hidhamanii: Seeraafi muuxannoo Itoophiyaa' kan jedhudha.
Namoonni shakkiin hidhamanii hanga qoratamanitti erga hidhamanii booda bilisaan yoo gadhiifaman beenyaa akka hin arganneefi kunis miidhaa akka qabu kan ibsudha.
''Taayyeen defense san guututti mo’atee amansiisee A charge kennaniif,’’ jedhu Obbo Nageessan.
Haata’u malee, ALI Adoolessa 15, bara 2001 waraqaa qorannoo isaanii milkiin goolabanii maatiin guyyaa gammachuu osoo eeguu rakkoon biraa dhalate.
Eebbaaf guyyoonni afur yoo hafan ammas irra deebiin qabaman. Maatiin akkasumas hiriyyoota isaanii guyyaa gammachuu waliin dabarsuuf eegaa turan kan rifaasise ture.
Hidhaan hiree isaanii kan itti ta’e Obbo Taayyeen guddaa gaddan. ‘’Halkan sana akka malee qalbiin na tuqamte. Keessattuu waan maatii kiyyaa yaadee baay’een ofitti aare.
‘’Garuu ganama of wajjiin haasa’eetuma dubbii qabbaneeffadhe,’’ jedhan yeroo kana dura seenaa isaanii BBC’tti himan.
Shororkeessummaa, aangawootarratti tarkaanfii fudhachuuf sosso’uu, hooggantoota ABO yeroos ala turan waliin qunnamtii uumuu, fi fincilaaf kakaasuun himataman.
Achii murtiin waggaa 10 itti murame. Obbo Taayyeen himata kanas ta’e adeemsa seeraa yeroos ture ni mormu.
"Waggaan 10 akka natti murtaa'u jalqaba osoo mana murtii hin deemiin poolisii irraan dhagahe."
Mana hidhaatti hidhamtoota qubeefi Afaan Ingilizii barsiisuu, maanguddoota irraa barachuufi kitaaba Afoola Oromoo 'Galaa Dhalootaa' jedhu barreessan.
Obbo Taayyeen erga mana hidhaatii bahanii ALI Bara 2009 digirii jalqabaa isaanii waggoota 16 booda Yunivarisiitii Finfinneetti deebi’anii xumuran.
Yoona kana garuu eebba isaanii maatii dhokfatanii turani. "Wanti uumamuu danda'u waan hin beekamneef jecha waa'ee eebbaa harmee kootillee bilbilumaanan himee ture.’’
Daandii Taayyee
Wantoonni namoonni baay’ee dhimma Obbo Taayyeerratti waliigalan keessaa inni ijoon amala isaaniiti. Kunis waan itti fakkaate, itti amanan ifatti dubbachuu isaaniiti.
Henook Gabbisaa (PhD) ogeessa seeraa idil-addunyaati. Dhimma siyaasa Itoophiyaas itti dhiheenyaan hordofu.
‘’Qaallittii keessa nama umrii isaa dargaggummaa fixee barumsallee waggaa kudhan nubiraa dudduubatti hafee eebbifame.
‘’Oromoof wanta ta’a jedhu, waan itti amanu onneesaarraa nama qabsaa’udha,’’ jechuun Obbo Taayyee ibsu.
Gama kaaniin Nageessaan, ‘’Amala isaa keessaa waa sodaatisa [sodaa] hin beeku. … siyaasa biyya keenyaa keessaa waan baratame miti.
‘’Risk calculate [maaltu mudata ta’a jedhanii shallaguun] godha namni. Inni yeroo hedduu waan itti fuula gale ittuma deema,’’ jedhu.
Keessumaa yeroo mana hidhaa turanirraa ka’un wantooti Obbo Taayyeerratti dhiibbaa godhaniiru jedhanii yaadan Obbo Nageessaan akkanaan himu.
‘’Yeroo hidhaa Qaallitti turretti kitaabota baay’ee dubbisa. Gara caalu immoo kitaabota soshaalizimii fakkeenyaaf Maa’o Zedoong, Kim Elsung …akkanaa kana baay’ee dubbisa.
‘’Kitaabota koministiitin walqabatan kana dubbisuun isaa akkaataa ijaarsa siyaasaatiifi ilaalcha isaa xiqqoo garasitti harkisee jira. Ani yeroo san mana kitaabaa keessa waan dalagaa turef kitaabota inni fuudhee dubbisaa ture nan beeka.‘’

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Taayyeen bara mormiin ummataa bulchiinsa ADWUI irratti cime, rogeessa siyaasaa ta’un socho’aa turan.
Sababa ajjeechaa Mooyyaleetti raawwate 'miidiyaatti dubbataniif' ji'a tokko erga hidhaman booda gadhiifamaniis turan.
Eegasii waajjiraalee mootummaafi paartii Oromiyaa bulchu, ODP, darbes sadarkaa federaalaatti hanga Ministir Di’eetaa Ministeera Nagaa ta’un tajaajilaniiru.
Waggoota kana keessatti addatti miidiyaa hawaasummaa isaanii hordoftoota 750,000 ol qabuurratti waan katabaniin dubbii ijoo ta’aa turan.
‘Gareen safuu hin beeknee fi arrabsoof facebook irra oolu’ jedhan 'Girrisaa' jechuun waamun. Namoota siyaasaa isaan mormanis cimsanii qeequn, arrabsuunis beekamu.
Aangawoota mootummaa olaanoo keessatti amala hin baramne jedhamuu danda’un aangawoota isaan waliin dalagan ifatti qeequ.
Aangawoota Naannoo Oromiyaa saamicha maallaqaa, daldala simintoo keessa seenuuniifi ajjeechaa lammiilee keessa qooda qabu jedhanii himatanis saaxilaa turan.
Barreeffama miidiyaa hawaasummaarratti barreessaniinis dhaaba isaaniin qoratamaniiru.
Dhaabi MM Abiy Ahimad hundeessan, Paartiin Badhaadhinaa, qondaalonni isaa daldala simintoo keessa akka hin jirre waakkateera.
Haa ta’u malee, ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu Obbo Taayyeen fa’i dursanii saaxilan boodarra dhaabbileen mirga namoomaafi miidiyaaleen humnoota mootummaan raawwatuu mirkaneessaniiru.
Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo dhiibbaan siyaasaa dura Naannoo Oromiyaarraa dhufuu himu.
Xiyyeeffannoon ergaafi qeeqa Obbo Taayyees yeroo dheeraaf aangawoota naannicharratti kan xiyyeeffate ture.
Dhaaba biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, bakka bu’uun Miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’an Obbo Taayyeen, caffee keessa sagalee dhorkamuus kana dura himataniiru.
Mariin nagaa mootummaafi hidhattoota WBO marsaa lammaffaa kan gufate, sababa mootummaa an keessa jiruuni jechuun mootummaa keessa jiranis himataniiru.
Kuni ejjennoo mootummaa federaalaa kan faallesse ture.
Garuu osoo hin turre ALI Mudde 1, 2016 aangoorraa kaafamuun humnoota mootummaan to’ataman. Guyyaadhuma to’ataman aangawaa biraan bakka buufaman.
Manni isaanii erga sakatta’amee booda ‘garee shororkeessitoota waliin dalaguun mootummaa fonqolchuuf sosso’aa turan’ jechuun mootummaan isaan himate.
Guyyoota sadii keessatti maatiin isaanii mana mootummaan kenneef keessaa baafaman. Maatiin isaanii himannaa Obbo Taayyeerratti ka’e kana mormu.
Haati warraa isaanii ‘’Maqaa qabsoo ummata kanaatiin jireenya isaa guutuu takkaa nagaan jiraatee hinbeeku, takkaa qanani’ee hinbeeku.
‘’Silaa hojjetee akka nama kamittuu nama jiraachuu danda’udha. Garuu sana hingoone. … Garuu akkasii miti inni amallisaa,’’ jedhu.
Hidhaa baatii lama booda mirgi himatamuu isaanii yoo ka’u miseensi Caffee Oromiyaa tokko ‘’Yeroo tokko gorsaafi dhiifamaan osoo bira darbamee maal qabaa?’’ jedhanii gaafatanii turan.
Miseensi kuni ‘’keenyumti maalif garaa walitti jabaannaa?’’ jechuun qondaaltonni Tigraay lola keessa turan aangoorra jiraachuu kaasan.
Caffee Oromiyaatti bakka bu’aa mootummaa kan ta’an Obbo Fiqaaduu Mootummaa ‘’Kan Tigraay paartii keenya miti kan bulchu,’’ jechuun deebisan.
‘’Keessoon keenya qulqullaa’uutu irra jiraata,’’ jechuun adeemsa ‘’obsa fixachiisaa’’ booda sadarkaa kanarra gahuu dubbatan.
‘’Yeroo afur shan mariin gaggeeffamee jira, dhuunfaadhaan akka gorfamu ta’ee jira,’’ jechuunis himan.
Qeeqxonni garuu Obbo Taayyeen sababa mootummaa qeeqaniif hidhaman jedhanii amanu.
Obbo Taayyeen aangoorraa kaafamuu isaaniif sababni ‘’… gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu,’’ waan jedhaniif akka ta’e ibsu.
Obbo Xibabuun Ministirri Muummee Abiy ‘’Nama dhuunfaadhaan isa ceepha’u nama tolerate [obsa] godhu natti hin fakkaatu. .. Yoo dubbattan isinis akkas taatani,’’ ergaa jedhu dabarsuuf kana godhan jedhu.
Obbo Taayyeen garuu waan hin baratamne fiduuf yaalanii?
‘’Waan hin baratamne fiduu yaaluu sana osoo hin taane, amala waan hunda kallattiidhaan dubbatuu qaburraa madda natti fakkaata,’’ jedhu Obbo Xibabuun.

Obbo Taayyeen halkan guyyaa aangoorraa kaafaman sana humnoota nageenyaan to’ataman.
Hidhaa seenuu isaanii sa’aatii muraasa dura addatti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin ittiin bulmaata dhaabichaa amananii akka dubbataa turan himan.
Himannaa bulchaa Itoophiyaarratti kaasaniif hidhamuu akka danda’an gaafatamanii kana deebisan;
''Maal rakkoo qaba kuni? Seerri eessa jira? Yoo kan ittiin gaafatamnu jiraate ammoo walumaan gaafatamna, sanaaf ammoo qophiidha,'' jedhan.
Dr Henook, Obbo Taayyeen ejjennoo qabaatanis ‘’Nama siyaasaa gowwummaadhaan waan itti amane tokko itti cichee cichoominaan gara fuulduraatti oofudha,’’ jechuun ibsu.
Waan itti amanan ifatti dubbachuun garuu rakkoos fiduu mala jedhu hiriyyaan isaanii durii Obbo Xibabuun.
‘’Amala akkanaa akka jabinaatittis ilaaluu ni dandeessa, garuu hanga wanti badutti deemuun yookiin gorsa hiriyyoota ofiitirraa fudhachuu dhabuun immoo akka dadhabinaatittillee ilaalama. Nama miidhuu danda’a.’’
Haati warraa isaaniis sochii abbaa warraa isaanii yoo ibsan ‘’Kuni ee dhugaadha yoo jedhu, kuun ammoo isa morma. Asii fira horachaa, achii namaan citaa,’’ dalagaa turuu himu.
'Abbaarraa dhaalan'
Garuu amala ifatti dubbachu kana eessaa fidan? Akka obboleessi isaanii jedhanitti Obbo Taayyeen ija jabaatanii dubbachuu ijoollummaa isaaniirraa ka’anii baran.
‘’Kessumaa abbaan isaa Obbo Danda'aan waan amanaan ija sodaa malee bakka kamittuu nama kamiifuu nama dubbatu isa kana abbaa isaarraa waan dhaale,’’ jedhan.
‘’Haalli guddina isaas waan kanaaf waan gahee qabu natti fakkaata. Rakkoo heddu keessa darbuunsaa waan kanaaf gahee olaanaa qaba.’’
Maatii torba keessaa lammaffaa kan dhalatan Obbo Taayyeen abbaatti bahuu isaaniin Obbo Danda‘aan ‘’baay’ee itti gammada ture,’’ jedhu obboleessi.
Obboleessi isaanii garuu isa Obbo Taayyeen ifatti dubbatan kana mormaa turan.
‘’Yeroo baayyee an illee ifatti dubbachuu kana akka dhiisuu qabu irratti walitti bu'aa turre. Yeroo maatii of duubaa qabdu itti gaafatamummaa fudhachuu dirqama.
‘’Sana gochuu dhabuun ammoo aarsaa guddaa sirna darbe keessa maatiin kaffalaa ture.’’
Haati warraa Obbo Taayyee garuu ifatti dubbachuun isaaniin waa dhufuu akka danda’u ‘’wallaaleeti miti,’’ jedhu.
‘’Kallattiidhaan dubbichi ana ilaallata. Anarratti wanti fedhe haa dhufu jedheetuma godha malee.’’
Obbo Xibabuun, Obbo Taayyeen ‘’Karaan isaa tokkuma. Itti amannaan waan sana haga dhumaatitti hallayyaa waliin seena,’’ jedhu
‘’Namni aangoo mootummaa qabu mootummaa ofii keessa jiru qeequun baratamaa miti. Innimmoo waan sana godhee jira.’’
Dr Henook gama isaaniin ‘’Nama bakka adda addaa deemee muggutii muggutaa turedha mootummaa kanaaf.
''Wanti lamaan tokko godhu garaa isaarraa waan itti amane hanga du’aattillee waan isa geessisuu danda’u nama godhuu danda’udha jedheen fudhadha.
‘’Nami kuni nama hanga tokko uniform ta’e [osoo hin jijjiiramin] waan itti amane nama godhuu danda’udha. Garuu wanti inni itti amanu kunimmoo yeroodhaa gara yerootti jijjiiramuudha danda’a.’’
Dr Nagaasoofi Obbo Taayyee
Siyaasa Itoophiyaa keessatti dubbii ifatti dubbachuun waan hammana barame miti.
Siyaasa mootummaa keessa osoo hin taane siyaasa mormituu keessallee waan itti amanan ifatti dubbachuun hammana hin baratamne.
Dr Henook wanti Obbo Taayyeen erga aangoorraa kaafaman booda keessumaa bulchaa Itoophiyaa yakka jabaan himatanii barreessan ‘’takkaa biyya sana keessatti hin jiru’’ jedhu.
Yeroo baay’ee namoonni siyaasaa erga biyyaa baqatan booda biyya alaa taa’anii mootummaa qeequ.

Madda suuraa, BBC
‘’Obbo Taayyeen garuu bakka nagaa yookiin biyya biraa deemee osoo hin taane, achuma funyaaniifi afaan masaraa mootummaa jala taa’ee wanta hamma kana gahu barreesse. Kuni waan adda godhudha.’’
‘’Ija jabeenyaan aarsaa of gochuuf qophaa’e,’’ jechuun himu.
‘’Seenaa biyya sanaa keessatti tarii Dr Nagaasoo Gidaadaa wanta inni Mallasiin jedhe qofatu kanatti siqa. Ani hamman yaadadhutti. ‘’
Pirezidantii jalqabaa RFD Itoophiyaa ta’un kan tajaajilan Dr Nagaasoo Gidaadaan, boodarra Ministira Muummee yeroosii Mallas Zenaawii waliin walitti bu’anii turan.
Obbo Taayyeen bulchaa Itoophiyaa isaan muudan, ‘’dhiigatu harka keessanirra jira’’ jechuun himachuun isaanii seenaa Dr Nagaasootti dhihaata jedhu Dr Henook.
‘’… walgahii parlaamaa kallattiin darbaa ture MM Mallas Zenaawiitiin filannoo ani qabu mootummaa kana dhiisanii bahuudha jedhanii gadhiisanii bahan ni beekna.
‘’Tarii seenaa sanatti aanee jalqabaaf muummee ministeeraa biyya sanaarratti kan fincilan.''













