Haati-warraa Obbo Taayyee Danda'aa 'Meeshaa hunda osoo hin baafatiin mannisaanii saamsamuu' himan

Madda suuraa, Kom Bulchiinsa Dirree Dhawaa
Maatin Obbo Taayyee Danda'aa mana mootummaa keessa jiraataa turan keessaa baafamuu BBCtti himan.
Haadha warra Obbo Taayyee Danda'aa kan ta'an Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Kamisa, Mudde 14, ganama mana keessa jiraataa turan keessaa akka baafaman mirkaneessan.
Deetaa Ministeera Nagaa kan turan Obbo Taayyee Danda'aa aangorraa kaafamanii erga to'annoo jala oolanii booda maatinsaanis mana mootummaan kenneefii keessa jiraataa turan keessaa guyyoota sadi gidduutti akka bahaniif ajajni itti kennamuu BBCtti himanii turan.
Akka isaan jedhanitti mana keessaa akka bahaniif guyyaan xumuraa kennameef Mudde, 14 hanga ganama sa'aatii sadii qofaa akka ture himanii turan.
Mootummaan akkuma guyyaa sadi keessatti mi'asaanii fudhatanii akka bahaniif ajaja kenne guyyaa jedhametti Kamisa ganama, Mudde 14, manicha keessaa baasun manichi saamsamuu himan.
"Akkuma jedhan sana naannoo sa'aatii 3:30tti [ganama] dhufanii [nu baasani]. Ergasii maatii qabnu biratti dheessine," jedhan haati warraa Obbo Taayyee Aadde Sintaayyon.
Mi'a muraasafi wayyaa uffatan qofa fudhatanii bahuufi isa kaan manicha wajin saamsamuu kan himan "mi'a muraasa fudhaatii isa kaan boru ganama [Mudde 15] deebi'aa fudhaa jedhanii saamsan," jedhu.
Obbo Taayyen nama humnasaa guutun paartiisaa tajaajilaa tureefi quuqama guddaa qabu malee ibsi irratti dhiyaate kan isa hin ibsine ta'uu BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Kibxata, Mudde 13, 2023 baasen Obbo Taayyee Danda'aa aangoo itti kenname cinaatti dhiisun mootummaa hokkoraafi humnaan garagalchuuf hojjataa ture jedhee ture.
Mootummaan Obbo Taayyee Danda'aa humnaa mootummaa fonqolchuuf hidhattoota wajjin hojjata jechuun erga aangorraa kaasee booda to'annaa jala oolche.
Aadde Sintaayyoon garuu Obbo Taayyen humnasaa guutun nama mootummaa tajaajilaa ture ta'uu BBCtti himan.
"Humnasaa guutuu fayyadamee paartii kana keessatti akka inni shoora olaanaa taphate warri beeku inuma beeka. Garuu dhugaa sana galchuufii hin barbaanne," jedhu.
"Waanti gubbaarraa miidiyaarratti barraa'e [ibsa mootummaan Obbo Taayyerratti kenne] gonkumaa isa ibsa jedhee hin amanu ani. Maqaa qabsoo uummata kanaatin jireenyasaa guutuu takkaa nagaan jiraatee hin beeku," jechuun Obbo Taayyeen kan miidiyaarratti barreessaniin olitti quuqama sabaa gudda akka qaban ibsu Aadde Sintaayyon.
Akka isaan jedhanitti, Obbo Taayyen ejjannoofi quuqama qaban irraa kan ka'e firaafi diina baay'ee horachuu dubbatu.
Waan hawaasni keessa jiraatuufi maatinsaaniituu keessa jiran baasanii dubbachuun ammoo, keessumaa naannoo [Oromiyaarraa] dhiibbaa guddaa akka itti fides himu haati warraa Obbo Taayyee.
Obbo Taayyee Danda'aa aangorraa kaafamanii osoo hin hidhamiin dura turtii BBC waliin godhaniin, keessumaaa rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaaf mootummaa heddu qeeqan.
Inumaaayyuu mariin mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduuttii Daare Es Salaamitti gaggeeffame akka gufatu kan godhe mootummaadha jechuun qeeqanii turan.
Aangorraa kaafamuu hordofee ammoo jecha jabaa 'aramanee' jedhuun MM Abiy Ahmad qeequun nama waan dubbatan gochaan hin agarsiifne jedhaniin.
Obbo Taayyen gaafuma aangorraa kaafaman halkan sa'aatii shanitti mana jiraatan keessaa fuudhamuun to'annaa jala akka oolfaman duubatu Aadde Sintaayyon.
Erga Obbo Taayyeen to'annaa jala oolanii booda mana keessa jiraatan keessaa guyyaa sadi keessatti akka akka bahaniif ajajni itti kennamuufi yeron kennameef baay'ee gabaa ta'uu dubbatanii ture.
'Obbo Taayyen fayidaa barbaada osoo ta'ee akkuma namaa cal-jedhee taa'uu ni danda'a ture'
Osoo gaa'iea hin dhaabbatin duraa kaasanii ejjanoo Obbo Taayyee nan beeka kan jedhan Aadde Sintaayyoon, abbaan warraasaanii rakkoo osoo arguu callisuu akka hin dandeenye himu.
"Faayidaa barbaada osoo ta'ee erga aangootti dhufee...cal-jedhee taa'uu inuma danda'aayyu. Rakkoo yoo arge ni dhukkubsata," jechuun rakkoo uummataaf quuqama addaa akka qaban himu.
"Maallaqa qabaachuu dhiisuu danda'a, garuu yaada biyya jijjiiruu danda'u maddisiisuu nama danda'uudha," jechuun abbaa warraasaanii ibsu.
Obbo Tayyeen yeroo hedduu fuula miidiyaarratti ergaa barreessaniin qondaaltota mootummaa 'naatoo uummataa hin qaban' jechuun, keessumaa rakkoon nageenyaa Oromiyaatti jiruu namootaa gaaga'aa jiru furmaata akka argatu ni dubbatu.
Dhiyeenya turtii BBC waliin taasisaniin rakkoo nageenyafi kufaatii diinagdee dabalatee dhimmoota kaan irratti MM Abiy Ahmad wajjin qaaman si'a lama wal-arganii rakkoo uummanni keessa jiru itti himuufi ergasiis jijjiiramni dhufe akka hin jirre mootummaa biyya bulchu qeeqan.
Burjaajiin mooraa qabsoo Oromoo keessatti dhalate murni kaan gara gaaraatti akka deebi’u erga godheen booda, gidiraan uummataa warra waliin dhahee aangoo dheereffatuuf carraa gaarii uume jedhanii turan.
Jijjiirama booda qabsoo Oromoo kana karaa sirrii ta’eefi bifa jalqaba waadaa galameen hojiirraa ooluu dhabuun Oromoon gidiraa waggaa 150 keessattuu hin argine amma akka argu ta’e jedhan.
'Booda akka maqaa keenya hin balleessine jedhee poolisoota sakatta'aaf dhufanitti himeen ture, garuu..'
Mootummaan Obbo Taayyee to'annaa jala oolchuusaaf sababoota tarreesse keessaa 'ABO Shanee' dabalatee qaamolee finxaaleyyii biroo waliin hidhata qaba' kan jedhu yoo ta'u, mana Obbo Taayyee keessattis meeshaalee hokkoraafi mootummaa humnaan aangorraa buusuuf itti dhimma bahe jedhu argachuu ibseera.
Aadde Sintaayyon akka jedhanitti Obbo Taayyeen Wiixata, Mudde 11, 2023 halkan keessaa sa'aatii shanitti poolisoonni heddu mana jireenyasaanii dhufuun mana sakatta'uun Obbo Taayyee to'anna jala akka oolchan BBCtti himan.
Halkan sa'aatii shanii hanga sa'aatii sagaliitti sakattaan manasaanitti gaggeeffamuu isbuun, waanti mootummaan ibseefi kan sakattaan manatti argameen walii faallaa ta'uu himu.
Mootummaan Obbo Taayyen hokkara kaasuuf meeshaalee garaa garaa mana keessatti argadheera jedhe keessaa dabtarri herreega baankii garaa garaa ni argama. Adde Sintaayyoon garuu gaafuma sakattaaf dhufan booda maqaan keenya akka hin banne jedhanii sodaa qaban poolisiitti akka himanis ibsu.
"Gaafasuu jechaanin ture poolisiiwwan federaalaa buukiwwan [dabtara herreega baankii], kun kiyya, kaan kan ijoolleti. Birrii irra jiru kana odoo ilaaltanii tarii hin beekamu waan boriifi iftaan dhufu. Yoo birriin 200, birriin 2000 irra jiraate bori miliyeena 20fi miliyeena lama jedhamee waanti taphatamu jiraachuu danda'a jedheenira."
"Warri yeroo sana turan ragaa naa bahu, miseensota poolisii federaalaa baay'ee walakkaa dhaabadheetan dubbadhe. Adaraa akkas akka nu jalaa hin taane waan argattan kana seeran nuu qabaa jedheeniin ture, homaa rakkoon hin jiru nuun jedhan," jechuun garuu waanti mootummaan ibse waan Obbo Taayyee ibsu akka hin taane dubbatan.
Obbo Taayyen yeroo to'annaa jala oolan mana akka turaniifi erga xalayaan hojiirraa kaafamuu isaan qaqqabeellee eessayyu deemuuf yaalii homaatuu akka hin taasifne ibsan.












