Mootummaafi WBO gidduutti mariin marsaa sadaffaa jiraachuu danda'a- Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Madda suuraa, FANA TV
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) sanada marii kanaa duraa irratti mootummaan qopheessee dhiheesse isa xumuraa irratti waliigalee kan fudhatu yoo ta'e mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuu ni danda'a jedhan Itaamaajoor Shuuumiin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
Aanga'aan waraanaa olaanaa Itoophiyaa kun mariin marsaa sadaffaa kun ''marii ijibbaataa nagaa buusuuf taasifamu yookiin yoomuu waliin mari'achuun akka hin danda'amne kan irratti murtaa'u ta'a,'' jedhan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa erga mariin Taanzaaniyaa waliigaltee malee xumuramee yeroo jalqabaaf Wiixata (Mudde 11, 2023) miidiyaa mootummaatti hidhata qabu Faanaa irratti dhihaachuun dubbatan.
Mariin marsaa jalqabaa Zaanzibaaritti gaggeeffamee fi kan lammataa Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti gaggeeffame sababa osoo hin milkaa'in hafeef jedhanii yaadan ibsaniiru Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
Mariin sun haala gaariin gaggeeffamaa akka ture kan himan Fiildi Maarshaal Birhaanuun, dhimmoonni qaamolee lameen wal dhabsiisan qabxiilee xumura irratti ka'an ta'uu dubbatan.
''Birmadummaa fi tokkummaa Itoophiyaa fudhachuurratti, mootummaan Itoophiyaa bulchaa jiru mootummaa filannoon dhufee fi uummata biratti fudhatama qabu ta'uu irratti waligalameera. Isa booda garuu dhimmoota tokko tokkoon ibsamantu waldhibdee uuman,'' jechuun jalqabarratti dhimmoota qaamoleen lameen irratti walta'anii turan ibsan.
Marii kanarratti, qaamoleen mariisisan illee kan itti amanan- Sanadi inni dhumaa qophaa'ee akka tures ibsan.
Qondaalli waraanaa olaanaan kun dhimmoota waldhibdee uumaniiru jedhan wayita ibsan, ''gaaffiin aangoo qooddachuu isa ijoodha,'' jedhan
Waraanni Bilisummaa Oromoo gaaffii kana kan dhiheesse wiixinee (piroppoozaala) mataasaa qopheessuun ta'uu kan ibsan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, gaaffii adda addummaa bu'uuraa uume kana mootummaan akka hin fudhanne eeran.
''Mootummaan aangoon qooda yoo jedhes qooduu hin danda'u. Mirga aangoo qooduu hin qabu. Hirmaachisuudha kan inni danda'u. Aangoo qooduu yoo ta'e jalqabuma maaliif gara filannoo deemameree?'' jechuun mootummaan Itoophiyaa filannoo aangoo kan qabate ta'uunsaa gaaffii WBO irraa dhihaate kufaa taasisuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimmi biraan mootummaa fi WBO waldhabsiise dhimma hidhannoo hiikkachuuti kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, ammas qabsoo karaa nagaarratti waliigalamuu akka qabu ejjennoo mootummaa ta'uu himan.
Qaamni mootummaa waliin marii nagaaf taa'u gaaffiin dhiheeffachuu qabu ''gara heera mootummaatti deebi'uu, karaa nagaan paartii uummatee qabsaa'uu, filannoo uummataatti dhihaachuu, qabsoo hidhannoo dhiisuun uummatatti nagaan makamuu,'' irratti ta'uu qaba jedhan.
Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo hidhannoo hiikkatanii, bittinnaa'anii uummatatti makamuu qabu jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa.
''Gama Waraana Bilisummaa Oromootiin garuu yaada kana amananii fudhachuuf rakkachuun tureera,'' jedhan aanga'aan waraana Itoophiyaa kun.
''Yoo kana hin fudhanne marii wanti jedhamu hin jiru. Kana fudhachuurratti rakkootu jira. Kanaafuu mariin ture sun akka gaarii deemaa turee dhumarratti bu'aa fiduu kan dadhabeef sababoota ijoo kunneeniif,'' jedhan.
Dureewwan Waraana Bilisummaa Oromoo yaadota dhihaatan kunneen karaa dogoggoraan akka hubatan gochuu keessatti ''humnoonni biraa akka harka keessaa qaban, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gaaffii fi deebii taasisan keessatti kaasaniiru.
Humna hidhate kana irratti maxxanuun gareen deeman jiru kan jedhan qondaalli waraanaa kun, humnoonni kunneen Waraanni Bilisummaa Oromoo miira tasgabbiin dubbii ilaalee waliigalteerra akka hin geenye danqeera jedhan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Julaa mariin kun milkii dhabuusaaf qaamolee quba itti qaban maqaa hin eerre.
''Rakkoo keessa kan jiran isaani (WBO). Marii kanarratti hireesaanii murteeffachuutu irra ture. Sababa qaamni biraa gidduu seeneef haalduree addunyaarratti dhihaatee hin beekne dhiheessuun mootummaas rakkisan.''
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa kana haa jedhan malee, Waraanni Bilisummaa Oromoo xumura marii Daaresalaam irratti ibsa baaseen marichi milkaa'uu dhabuuf mootummaatti quba qabeera.
Akka ibsa WBOtti marichi waliigalteerra ga’uu kan dhabeef mootummaan Itoophiyaa ''rakkoolee bu’uuraa siyaasaa fi nageenya biyyattii balaarra buusan kaasee irratti mari’achuun furmaata kennuuf fedha waan dhabeef,'' jedhe.
Mariin kun erga xumuramee booda mootummaa fi WBOn dhuunfaa dhuunfaadhaan ibsa baasaa turan keessatti mariin marsaa sadaffaaf akka fedhan qaban ibsanis, garuu dhugaan mariin kun itti fufuu yaada akeeku dhiheessaa hin turre.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa miidiyaa Faanaa irratti gaaffii fi deebii taasisaniin, yoo qaamni hundi tasgabbiin yaade mariin marsaa sadaffaa jiraachuu mala jedhan.
''Sanadi inni dhumaa qophaa’eera bar. Mariisistoonnillee kan itti amanan jechuudha. Sadarkaa isa fudhachuurra yoo ga’ame mariin marsaa sadaffaa jiraachuu danda’a,'' jechuun mootummaan marsaa sadaffaarrattis sanada qophaa’e kanarratti akka cichu ibsan.
Mariin marsaa sadaffaa akkuma isa lammaffaa yeroo dheeraan fudhatamee kan mari’atamu ta’uu akka danda’us ibsan.
''Sanadi mariif dhihaate kan hanga yoonaa irratti dadhabame jira. Yoo sana fudhatan mariin marsaa sadaffaa itti fufa. Garuu mariin inni sadaffaa kun isa xumuraati jedheen amana. Gara nagaatti dhufuuf yookiin ammoo lammataa deebinee akn hin mari’anne ta’uu kan irratti murteessinuudha,'' jedhan.












