Obbo Taayyee Danda'aa bulchiinsa MM Abiy Ahimed 'jecha jabaan' qeequun aangoorraa kaafamuu isaanii himan

Obbo Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, Ministera Nagaa

Deetaan Ministeera Nagaa Itoophiyaa Obbo Taayyee Danda'aa aangoo Deetaa Ministeera Nagaa irraa xalayaa MM Abiy Ahimed bareessaniin kaafamuu BBCtti himan.

Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu kan himu xalayaan har'a waajjira isaaniitti akka dhufeef dubbatan.

Xalayaan sarara sadii mallattoo Ministira Muummeetiin Obbo Taayyeef barreeffame, Deetaa Ministeera Nagaa ta’uun gumaacha godhaniif galateeffachuun A L I Mudde 1, 2016 irraa kaasee aangoo isaaniirraa kaafamuu eereera.

Xalayaan kun sababa maaliif akka aangoorraa kaafaman garuu hin ibsine.

Obbo Taayyeen marii nagaa mootummaa Federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti ture akka hin milkoofne kan taasise mootummaa isaanii ta'uu guyyoota dura dubbataniiru.

Kana malees, ‘hiriira nagaa’ Mudde 10, 2023 karoorfamee ture dhorkkera jechuun qeequun bulchiinsa MM Abiy Ahimad fuula Feesbuukii isaaniirratti barreessuun kan qeeqan yoo ta’u, barreeffamni kunis kanuma isaanii tahuu BBC'f mirkaneessaniiru.

Haata'u malee, mootummaan hiriira nagaa da’eeffachuun magaalaa Finfinnee giddu-gala jeequmsaafi hokkaraa taasisuuf shira garee shororkeessummaa fudhatanii socho’aa turan fashaleessuu himuun isaa ni yaadatama.

Amma maaliif akka aangoorraa kaafaman gaafatamanii, ''sababni waanuma amma araara jenne malee maaltu jira? Gaafa waraana deeggaru dinqisifatamaa turre. Uummanni haa araaramu wal fixne jennanuma dhukkube,'' jechuun BBCtti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Taayyeen aangoorraa kaafamuu isaanii ilaalchisee BBCn waajira Paartii Badhaadhinaafi Waajira Ministira Muummee irraa addatti hin mirkaneeffanne.

Tibbana gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo wlaiin taasisan irratti marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi ABO-WBO gidduutti Taanzaaniyaatti gaggeeffame ''akka hin milkoofne'' kan godhe ''mootummaadhuma ani keessa jirudha'' jedhanii ture.

Ofii maricha irratti kan hin hirmaanne Obbo Taayyeen, ''bakka Ministeerri Nagaa hirmaachuu qabu Ministera Haqaatu hirmaate,'' jedhan.

"Obbo Taayyeen fuulduratti waan tahu bullee ilaalla. Waan jarjaraan murru miti. Waan kaleessa hojjennes madaallee ilaalla," jechuun itti aansee karoora qaban BBCn gaafateef debii kennan.

Obbo Taayyeen Fuula Feesbuukii isaaniirratti bulchiinsa MM Abiy Ahimed akkaan qeeqan.

''Yaada Ida’amuu dubbatteefi barreessite amaneen isin hordofe. Dhawaata garuu nama waan dubbatu hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keessanin hubadhe,'' jechuun Feesbuukii isaanii irratti barreessan.

Itti dabaluun, “Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan.

Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan.

Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada. Turtii waliin qabaannef galatoomaa!

Hagan jirutti qabsoon nagaa fi obbolummaa ummataatiif godhu itti fufa!” jechuun aangoo irraa kaafamuu isaaniin booda fuula Feesbuukiirratti ergaa Kabajamoo Ministira Muummeef jechuun barreessaniin ibsaniiru.

Dabalataan jecha cimaa ''aramanee'' jedhu fayyadamuun MM Abiy qeeqaniiru. Kun maaliif jedhee BBC'n gaafatee Obbo Taayyeen akkas jedhan.

''Dhuguma lakki kuni. Naatoo namaaf hin qaban. Osoo ilmi namaa du'uu... waan paarkii haasa'ani. Osoo namni waan nyaatu hin qabne, namni beelaan du'aa jiruu Birrii Biliyoonaan masaraa haaraa ijaaru,'' jedhan.

Dabalataan ''ammoo gaafa waraanni haa gaggeeffamu jennu homaa hin jenne. Gaaf obboleeyyan keenya haa araaraman, wal hin ajjeesiin jennaan aangoo irraa na kaasan. Kun aramanummaa malee homaa tahuu hin danda'u,'' jedhan.

Obbo Taayyeen dubbii cimaa dubbatan kanaaf seeraan himatama jettanii yaaddoo qabduu jedhee BBC'n gaafannaan, ''maal rakkoo qaba kuni? Seerri eessa jira? Yoo kan ittiin gaafatmnu jiraate ammoo walumaan gaafatamna, sanaaf ammoo qophiidha,'' jedhan.

Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu kana dursanii akka beekan gaafatamanii, ''kanaa olittii qophii qabna nuti. Kana qofa miti,'' jedhan. Aangoo irraa kaafamuu isaanii ''raajii hin qabu'' jechuun ibsan.

Mootummaan Itoophiyaa aangoorraa kaafamuu Obbo Taayyee Danda'aa irrattis tahe, dubbii isaan tibbana miidiyaa hawwaasaa isaanii fi BBC irratti taasisan irratti waan jedhe hin qabu.

Obbo Taayyeen caasaama mootummaa paartii biyya bulchuu keessa tahanii mootummaa qeequun beekamu.

Nagaan haa bu'u, uummanni nagaan hin ajjeefamiin jedhanii yeroo Abbootiin Gadaa Karrayyuu ajjeefaman irraa eegaluun barreessaa turan.

Ajjeechaa sanaafis humnoota nagaa mootummaa qeeqan. Mootummaan Itoophiyaa garuu ifatti itti gaafatama hin fudhanne.

Paartiin Badhaadhinaa yeroo aangoo qabatu jaalalaafi tokkummaa faarsaa ture.

Kitaabni MM Abiy Ahimed 'Ida'amuu' jedhus waa'ee jaalalaafi tokummaa lallaba.

Obbo Taayyeen waa'ee kitaaba Ida'amuu yoo gaafataman, ''Waan kitaabicha keessatti barreessan tokkoyyuu isaan bira hin jiru. Inni waan biraati, hojiin isaa'' jedhan.

Maaliif kana akka jedhan yoo gaafataman, ''Waan godhaa jiran argine, gaafa dura jalqabnu dhiifama jennee, nageenya jennee, jaalala jennee jalqabne. Amma yoo ilaaltan Itoophiyaa bakka hedduu waraanati jira. Kanarraa kaanee maal akeekna, kanuma malee,'' jedhan.

Obbo Taayyee Danda'aa Paartii Badhaadhinaa, kan Ministirri Muummee erga aangootti dhufanii hundeessan keessatti sadarkaa adda addaatti hojjetaniiru.

Deetaa Ministera Nagaa tahuu isaanii dura Dubbii-himaa Paartii Badhaadhinaa, Damee Oromiyaa tahuun hojjetaniiru.

Paartii kana keessa turumoo paartii mormituutti makamtu gaaffii jedhuuf yeroo fudhannee kan ilaallu taha jechuun deebisan Obbo Taayyee Danda'aa.

A L I Fulbaana 2014 irraa kaasanii Deetaa Ministeera Nagaa kant uran Obbo Taayyeen miseensa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatis.

Yaada miidiyaa hawaasaafi saba-himaalee irratti kennaniin mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa ifatti qeequun beekamu.

Ummata Kaaba Shawaa, aanaa Kuyyuufi naannawaa sana bakka bu’uun miseensa Caffee Oromiyaa kan ta’an Obbo Taayyeen, paartii Ministira Muummeen hooganamuufi biyya bulchaa jiru, Paaartii Badhaadhinaa keessatti Koree Giddu-galeessaadhas.

Obbo Taayyeen yeroo barataa turerraa kaasee gaaffilee siyaasaa kaasuudhaan kan beekaman yoo ta’u, hanga bulchiinsi Ministira Muummee Abiy dhufutti waggoota baayyee mana-hidhaatti dabarsaniiru.