Magaalaa Finfinneetti ''hiriirri waraana balaaleffatu'' dhorkamuusaa qondaalli nageenyaa mootummaa morman

Obbo Taayyee Danda'aa, Minister Deetaa Ministeera Nageenyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, PROSPERITY PARTY/YOUTUBE

Dilbata har'aa (Muddee 10, 2023) naannolee Amaaraa fi Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsi deemaa jiru akka dhaabbatuuf gaafachuuf hiriirri magaalaa Finfinneetti ba'amuuf karoorfamee ture dhorkamuusaa qondaalli olaanaan Ministeera Nageenyaa Itoophiyaa morman.

Minister Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda'aa feesbuukii isaaniirratti akka barreessanitti ''Dirree dibbee waraanaa irratti rukunneerratti lammiileen nagaan ba'anii waraana akka hin balaaleffanne dhorkuun hiika badaa qaba,'' jedhan.

Yaada miidiyaaleef kennanii fi waan miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreessaniin mootummaasaanii qeequun kan beekaman Obbo Taayyee Danda'aa hiriirri kun dhorkamuunsaa ''gaaffii deebisuuf nutti ulfaatu nurratti kaasisuu danda'a,'' jechuun sodaa qaban ibsaniiru.

Erga mootummaansaanii aangoo qabatee biyyattii keessatti waraanni, walitti bu'iinsi fi qe'eerraa buqqa'uun lammiilee ''aarsaa uummanni Itoophiyaa dimokiraasii fiduuf kaffale busheesseera,'' jechuun tarkaanfii mootummaan fudhate qeeqan.

Qaamolee siyaasaa hiriira Finfinneetti ba'amuuf ture kana qindeessaa turan keessaa afur Kamisa darbe poolisiidhaan qabamaniiru, kanaan walqabatee namoonni 97 to'annoo jala oolfamuu mootummaan ibseera.

Qindeessitoota to'annoo jala oolchuun ''hiriira karoorfame kana hambisuuf shira xaxamedha,'' jedhanii akka shakkan qindeessitoota keessaa tokko kan ta'an dura taa'aan Paartii Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (IHAP) Pirofeesara gargaaraa Zinaabuu Abarraa BBCtti dubbataniiru.

Qindeessitoonni hiriira kanaa hidhamuu booda Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa ibsa baaseen, ''maqaa hiriira nagaatiin gareen magaalaa Finfinnee keessatti jeequmsaa fi hookkara kaasuuf socho'aa ture fashaleera,'' jedhee ture.

Kanneen qaamolee nageenyaan hidhaman keessa qindeessitoonni hiriira kanaa afran jiraachuu fi dhiisuu garuu ibsa kana keessatti hin eeramne ture.

Hiriirri Dilbata har'aa magaalaa Finfinnee keessatti ba'amuuf karoorfamee hafe, yeroonsaa beekamuu baatus guyyaa biraatti akka dabarfame gabaafameera.

Obbo Taayyee Danda'aa barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti maxxansaniin, mormiin ykn deggersi karaa nagaa utubaa dimokiraasii ta’uu ibsaniiru.

“ADWUI wayita hiriira nagaa dhorkaa ture ittiin mormaa turre. Har'as dirree Masqalaatti hiriirri akka hin ba'amne dhorkineerra,'' jechuun bara mootummaasaaniis wanti fooyya'aan akka hin jirre ibsan.

Obbo Taayyeen lammiileen karaa nagaa waraana kana akka hin mormine qaamoleen dhorkan itti gaafatamuu akka qabanis ibsaniiru.

Obbo Taayyeen yaada mootummaa keessa jiran himatu fi mormu baasanii dubbachuun beekamu.

Gaaffii fi deebii tibbana BBC waliin taasisaniin, mariin Taanzaaniyaa, Daaresalaam fashalaa’uu isaaf mootummaa isaaniitti quba qabanii turan.