Tarkiin ilma Pirezidantii Somaaliyaa nama doqdoqqee oofu 'rukutee ajjeese' irratti ajaja hidhaa idiladdunyaa baafte

Madda suuraa, Getty Images
Tarkiin ilma pirezdantii Somaaliyaa, kan konkolaachisaa doqdoqqee (mootar saayikilii) konkolaataadhaan rukutee ajjeese jettu irratti ajaja hidhaa idil addunyaa baafte.
Konkolaachisaan doqdoqqee kun balaa kun erga irra ga'ee guyyaa ja'a booda lubbuun isaa darbe.
Gabaasni poolisii akka agarsiisutti ilmi preezdaantichaa Mohaammad Hasan Sheek Mahmud, Tarkii magaalaa Istaanbul keessatti konkolaachisaa doqdoqqee waliin walitti bu'ee balaan kun mudate.
Gabaasni poolisii kun, walitti bu’iinsi kun kan mudate guyyaa saafaa akka ta’ee fi Muhaammad konkolaataa kan waajjira Qoonsilaa Somaaliyaa magaalaa Istaanbul jiruu yeroo sanatti oofaa akka ture ibseera.
Tarkiin ilma pirezdantichaa irratti uggura imalaa keessus, qondaaltonni garuu namni kun dursee biyyattii keessaa ba'eera jedhanii amanu.
Kantiibaan magaalaa Istaanbul Ikrem Imamoglu viidiyoo CCTV balaa guyyoota 10 dura mudate fuula X (tiwiitara kan ture) isaanii irratti qoodaniiru.
Viidiyoon kun wayita konkolaataan tokko bakka namoonni fi konkolaattonni itti baay'atanitti doqdoqqee sanaa dugda duuban rukutu agarsiisa.
Konkolaachisaan doqdoqqee Yunus Emirii Goker jedhamu nama umrii ganna 38 fi abbaa ijoollee lamaa yoo ta'u, balaa kanaan booda gara hospitaalaatti erga geeffamee guyyaa jaha booda garuu miidhaa irra gaheen lubbuun isaa darbe.
Abukaatoon konkolaachisaa du'ee kanaa miidiyaa Tarkiitti akka himetti, ilmi pirezidantichaa kan gadhiifameef gabaasi poolisii jalqabaa konkolaachisaan doqdoqqee kun yakkamaa ta'uu isaa waan mirkaneesseefi.
Garuu viidiyoowwan balaa kana agarsiisan erga qoratamanii booda haalli jiru adda ta'uutu himama.
Ilma Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmud kan ta’e Mohaammad hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada hin kennine.
Ajajni hidhaa idil-addunyaa kun torban xumrame kana keessa (Jimaata darbe) abbootii alangaa Tarkiitiin ba'e.
Ajajni hidhaa kun kan baheef poolisiin mana ilma pirezidantichaa dhaqee torban tokkoof akka hin deebine erga baramee booda ta’uu AFP miidiyaalee biyya keessaa wabeeffachuun gabaaseera.
Hariiroon dippilomaasii Tarkii fi Somaaliyaa waggoota kurnan darban keessatti cimee jira.
Tarkiin invastimantii bu’uuraalee misoomaa, leenjii waraanaa fi gargaarsa namoomaatiin Somaaliyaa deeggaraa jirti.












