Qe'ee gammachuu gaddi seene: Balaa konkolaataa abbaafi intala eebbaa deebiyaa jiran galaafate

Madda suuraa, Waajira Komunikeeshinii aanaa Dabre-Libaanos
Balaan konkolaataa Itoophiyaatti lubbuu lammiilee gaaga’aa jiru guyyaa guyyaan taateewwan gaddisiisoo qaqqabsiisaa jira.
Balaan tibbana Godina Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti mudate ammoo daran kan nama naasisu.
Obbo Daraajjee Getaachoo intalasaanii hangafaa Yunvarsiitii Hawaasaa irraa eebbifamtu eebbisiisuuf torbee darbe keessa gaafa Kamisaa ture Hawaasaa kan deeman.
Isaan hojjetaa waajjira Bulchiinsa aana Dabra-Libaanos yoo tahan, umriinsaanii ganna 51.
Sagantaa eebbaa erga xumuraniin booda intala isaanii Radi’eet Darajjee fi ilmasaanii quxusuu waliin Hawaasaarraa gara Magaala Shararootti osoo deebi’aa jiranii balaan konkolaataa isaanirra gahe.
Hiriyaa fi ollaa Obbo Darajjee kan tahan Obbo Ashannaafii Abdiisaa akka BBC’tti himanitti, balaan kun Sanbata duraa naannoo sa’aatii 11’tti aanaa Sulultaa bakka Qoree Roobaa jedhamutti qaqqabe.
Balaa kanaanis abbaa fi intalli battalatti lubbuun isaanii yoo darbu, ilma isaanii kan ganna 16 ammoo miidhaa cimaatu irra gahe.
“Balaan kuni hedduu sukkaneessaadha. Maatii miti, ollaa miti namuma dhagahu kamiifuu baayyee ulfaataadha.
Dhengadda eebbisiisanii osoo gammachuudhaan gara manaa galaa jiranii abbaa fi intalli du’an” jedhu Obbo Ashannaafiin miira gaddaatin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Darajjeen eebba intala isaanii angafaa kanaaf dursanii qophaa’aa akka turan kan himan hiriyaan isaanii kun, yeroo isaan mana gahan ollaan baanee gammachuun simachuuf yeroo qophoofnee jirrutti gaddi kuni qaqqabe jedhu.
“Eebba kanaaf sa’a bitanii, manatti farsoon naqamee qophaa’ameera. Ani hiriyaa fi ollaas waanin ta’eef walumaanan hirmaadha. Haati warraa isaanii mana keessatti qophaa’anii intala isaanii eebbifamtee dhuftuu fi abbaa warraasaanii eegaa turani,” jedhu.
Mana jireenyaa isaanii gahuuf yeroo fageenyi kiiloomeetirri 50 ta’u hafutti balaan kuni isaan qaqqabe.
Komunikeeshiniin Waajira Aanaa Dabre-Libaanos ibsa baaseen konkolaataan isaan ittin imalan konkolaataa biraan walitti bu'uun balaa uumameen lubbuun isaan lamaanituu darbuu himeera.
Shamarree Radi’eet Darajjee Yunvarsiitii Hawaasaa irraa Keemikaaal Injinariingiin kan eebbifaamte yoo ta’u, sadarkaa gadiirraa kaasuun barattuu cimtuu fakkeenyummaa qabdu akka turtes himu.
Abbaan ishee Obbo Darajjeenis intala isaanii angafaa tana irraa abdii guddaa akka qabaniifi bakka guddaa geessee akka isaan gargaartu dubbachaa akka turanis himu hiriyaan isaanii kun.
“Intalli kiyya eebbifamuu geesseetti. Eebbifamtee hojii yoo naaqabatte nagargaarti “ naan jedhu ture jedhu hiriyaan isaanii kun.
Balaan konkolaataa hawwii isaaniis, isaanis galaafatee maatii rakkoo hamaa keessa galche. Obbo Daraajjee fi intallisaanii reefuu yunvarsiitiirraa eebbifamte Wixata kaleessaa sirni awwaalcha isaanii Gadaamii Dabra Libaanositti raawwatame.
Sa’a sagantaa eebba intala isaaniif qalamee gammachuu ollaa fi fira hirmaachisuuf yaadames gaddaaf qalamee, gammachuu guddaan gadda hammaataan goolabame.
Ilmi isaanii quxusuun balaan cimaan irra qaqqabe yeroo ammaa hospitaalatti yaalamaa jira. Haati isaaniis durumaa dhukkubsachaa kan turan yoo ta’u gaddi kuni ammoo dhukkuba dabalataa itti ta’ee yaaddoo hamaa keessa jirra jedhu ollaan isaanii Obbo Ashannaafiin.
Waajirri Komunikeeshinii Aanaa Sulultaa gama isaatiin ibsa baaseen, balaan kun kan uumame Konkolaataa konkolaataan Hayiruuf jedhamu namoota 16 fe’ee finfinneerraa gara Dabre-Tsigee imalaa ture konkolaata auummataa namoota 65 fe’atee deemaa ture tokko waliin walitti bu’uun akka ta’e ibseera.
Akka ibsa Waajira Komunikeeshinii Aanaa Sulultaa to’ataa nageenya tiraafikaa kan ta’e Saajina Olaanaa Daffaaruu Mitikkuu dubbisee akka baasetti, balaa qaqqabe kanaan shufeera hayiruufii, abbaafi inatala Hawaasaatti intala eebbisiisanii galaa turan dabalatee namoonni shan du’aniiru.
Nanoota shanaan balaa kanaan lubbuu dhabaniin alattis namoota ja’arra miidhaan cimaan gaheera.
Daandiin Finfinneerraa gama Kaaba Biyyattii geessuu fi Salaale keessa qaxxaamuru daandii balaan tiraaikaa irra deddeebiin itti mudatu keessaayi.
Dhiheenyuma kanayyuu godinumaa kana aanaa Dagamitti miseensota maatii tokkoo namoota shan dabalatee balaan lubbuu namoota 14 galaafate mudachuunsaa niyaadatama.












